Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Ergaa Yaaqoob 2:21 - WAADAA LAMMATAA

21 Abbaan keenna Abrahaam Yisihaaqiin ilma ufii ciinca'aaf hennaa dhiyeesse huji'iin hin qajeelaa hin taanee?

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

21 Abbaan keenna Abrahaam ilma isaa Yisihaaqiin furdda irratti Waaqaaf kitimaa taasise yeroo dhiyeessetti, ka qulqullaawome huji'iinii mitii ree?

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

21 Abbaan keenna Abrahaam ilma ufii Yisaaqiin hennaa ciinca'aaf dhiyeesse huji'iin qajeelaa hin taanee?

Gade chapit la Kopi




Ergaa Yaaqoob 2:21
21 Referans Kwoze  

Isaanillee deebisanii Abbaan keennallee Abrahaam jedhaniin. Yesuusillee, uduu ijoollee Abrahaamii taatanii hujii Abrahaamii hojjattan.


Kanaafuu seera calla'aan uduu hin taane, akkasuma ka amantaa Abrahamiitiin ta'e, fiixaa isaa maraaf, dubbiin abdi'ii kun akka raawwatamuuf, amantaan akka badhaadhummaa isaa akka ta'uuf, innillee akkuma abbaa worra Yihuudii hin taanee taata jedhame barrayeen, isa du'aa fi jireenna kennu, ka waan hin jirre akka waan jiruu godhee waamu, Waaqa itti amane afo'otti abbaa nu maraati.


Dubbima teessaniin isinitti muran, dubbima teessaniin isinii muran.»


Namni amantaa calla'aan uduu hin taane huji'iin akka qajeelaa ta'e argitaniirtan.


Haata'uu ammoo namni tokko, «Ati amantaa qabda; anillee hujii qaba» yoo jedhe, «Amantaa kee huji'iin adda baasii na mudhisi; ani amantaa kiyya huji'iin si mudhisa» jedha.


Worra gadoomaniif abbaa akka ta'u, akkasuma worra gadooman calla'aafii miti, Haata'uu ammoo abbaan keenna Abrahaam uduu hin gadoomin amantaa soquun isaaf qofa uduu hin ta'in worra duukaa bu'aniifille'e.


Eegasuu Abrahaamiin fooniin abbaa keenna ta'e maal argate jenna?


Kunillee hujii seeraa hojjachu'uun, ka foon uffate maruu isa afo'otti waan qajeelaa hin taaneef cubbuunillee seeraan waan beekkamuuf.


Innillee akkana jedhe, «Obboleeyyanii fi abboota tiyya, dhagayaa'a! Waaqa ulfinnaa, Abbaa keenna Abrahaamiin uduu inni biyya Kaaraanii hin dhaqin lafa laga lamaan jiddu'utti itti mudhatee,


Sirimaa ati abbaa keenna ka du'e Abrahaamiin caaltaa? Raattoonillee du'aniiran. Eennuun ta'u'uuf taata ree?» jedhaniin.


Achiin maayessa namichi dureessi, ‹Waa, abbaa kiyya Abrahaam, namni tokko du'aa ka'ee uduu dhaqee isaanitti himee ammoo cubbuu ufii irraa hin deebi'an› jedhe.


Innillee laagaa isaa ol qabatee iyyee, ‹Abbaa kiyya Abirahaam naa araarami! Ani amma ibidda kana keessatti gubadhee waan rakkata'aaruuf, akka Ali'aazaar qubaan bisaan tuqee arraba kiyya naa qabbaneessuuf yaboo naa ergi› jedheen.


Waadaa abbaa keenna Abrahaamiif gale woyyuu ufii qaabate.


Abbaan keenna Abrahaam jechuun waan isin baasu hin seeyinaa'a. Rabbi dhakaa kanniin fuudhee, Abrahaamiif ilmaan akka ta'an godhuu akka danda'u ani isinitti hima.


Ka fiixaan kee isaan waamama jedhamee jechi abdi'ii kennameef, mucaa ufii tokkicha amanta'aan dhiyeesse.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite