Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Ergaa Yaaqoob 2:20 - WAADAA LAMMATAA

20 Ati nama gowwaa amantaa huji'iin addaan baye ka du'e akka ta'e beekuu feetaa?

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

20 Ati gowwaa nana! Amantiin kee hujii malee firii dhabeessa ta'uu isaa, ni argita ree?

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

20 Ati nama gowwaa'a! amantii huji'iin addaan baye ka du'e akka ta'e beekuu feetaa?

Gade chapit la Kopi




Ergaa Yaaqoob 2:20
16 Referans Kwoze  

Akkuma foon lubbuu irraa baye ka du'e ta'e, akkasuma ammoo amantaan huji'iin adda fooyame ka du'e.


Akkasuma amantaan hujii hin qabne yoo jiraatte amantaan sun ta duute.


Namni tokko uduu womaa hin taane, yoo waan waa ta'e itti fakkaate uf soba.


Namni arraba ufii uduu hin eenne, onnee ufiitiin dogoggora'aa waan Rabbiin kaddaamu fakkaatu eennullee yoo jiraate, kaddaamuun isaa duwwa'a.


Worra hin ajajamne, ka waan duwwaa qaaqanii fi soban, keessattu gosa worra gaadoomanii keessaa heddu.


Kanniin keessallee gari gariin dogoggoranii waan jedhan yookiin sirri'itti uduu hin hubatin, barsiisoota seeraa ta'u'uuf barbaada'aa gara dubbii duwwa'aa siiqaniiran.


Akka barumsa Kiristoosiititti uduu hin taane, akka aadaa namaatiif akka nama adunyaa tanaa akka barumsa duraa waa uumu'uun soba'aa eennullee akka isin hin boojine uf eegaa'a.


Jaalala amantaa Yesuus Kiristoosiin ta'e hujuu malee, gadoomuun yookiin gadoomuu dhabuun waan hin fayyanneef.


Namni seera hujji'iitiin malee, amanta'aan akka waan qajeellumma'aatitti waan laakkoofnuuf,


Haata'uu ammoo ati nama nana, ati ka deebii Rabbiif deebiftu eennu? Hujiin abbaa hujuun, «Maali'iif akkana gootee naa hujje?» jedhaanii?


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite