Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Ergaa Yaaqoob 2:19 - WAADAA LAMMATAA

19 Rabbi akka tokko ta'e ati hin amanta. Mishaa goote jinniinillee akkasuma hin amana; hin sodaata.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

19 Ati, «Waaqinni tokkochi jira» jettee ni amantta, kun'llee misha'a, amanuu ammoo jinniiwwan'llee ni amanan, soda'aan'llee ni hollatan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

19 Rabbi akka tokko ta'e ati hin amanta. Waan mishaa garuu jinniinillee akkasuma hin amana; hin sodaata.

Gade chapit la Kopi




Ergaa Yaaqoob 2:19
31 Referans Kwoze  

«Laki! Yesuusii nama Naazireetii hajaa maal nurraa qabda? Nu balleessu'uuf dhuftee? Ati eennuun akka taate si beeka! Ati Woyyicha Rabbii ti» jedhee iyye.


Innillee, «Yesuusii Naazireetii si woliin maal qabna? Nu balleessu'uuf dhuftee? Eennuun akka taate si beeka, ati Woyyicha Rabbiiti» jedhee iyye.


Isaanillee, «Yesuus, Ilma Rabbii, maal nu irraa qabda? hennaan uduu hin geenne nu rakkisu'uuf dhuftee?» jedha'aa iyyan.


Isiin nu faanaa deema'aa, «Namoonni karaa fayyiinsaa isinitti himan kunniin garboota Waaqa ol'aana'aa ti!» jedha'aa iyya'aa turte.


Jiddu galeessi tokko calla'aafii miti. Rabbi ammoo tokko.


Ayyaanni hamaan ammoo deebisee, «Yesuusiin hin beeka; Phaawuloosiinillee hin beeka; isin hoo eennuu fa'a?» isaaniin jedhe.


laagaa gudda'aan iyyee, «Yesuus, Ilma Rabbii Ol'aana'aa! Maal narraa qabda? ani Rabbiin si wogee na hin rakkisin» jedheen.


Rabbi tokkicha, ka jidduu ta'ee Rabbii fi nama wolitti araarsullee tokkicha; Innillee Yesuus Kiristoosii nama ta'e.


Yesuusillee deebisee akkana jedheen, «Ajanyi guddichi, ‹Israa'eel, dhagayi! Waandhi Gooftaan keenna Gooftaa tokkocha.


Nuuf wonti martinuu isa irraa nuu ta'e, nullee ka isaa ka taane Waaqa kaddaamamaa Aabbaa tokkicha qabna. Wonti maruu karaa isaatiin ta'e, nullee worri ka isaa taane Gooftaa tokkicha Yesuus Kiristoosiin qabna.


Akka ati Waaqa dhuga'aa taatee fi Yesuus Kiristoosiinillee akka ergite akka beekaniif tun jireenna bara baraa ti.


Akkasuma Maleekkota Rabbii ka baalliin itti kenname irraa darbamanii hulee ufii gadi dhiisan qaabadhaa'a. Rabbi wodaroo yookiin haada sibiilaatiin isaan hidhee baraa haga bara baraa dukkana keessatti haga guyyaa murtii guddaa sanii isaan eega'aa tursiiseera.


Akkuma kitaabnni woyyuun, «Hiriyaa kee akka uf jaalattutti jaaladhu» jedhu seera mooti'iillee yoo raawwattan waan mishaa gootan.


Eeganaa waan foon waaqa tolfama'aa kenname nyaachuun, waandhi tolfamaan maruu adunyaa kanarratti duwwaa akka ta'eef, Waaqa tokkicha malee, Waandhi biraa akka hin jirre hin beenna.


Daabiloosiin isaan dogoggorse sun hulee, gara busaaya'aa fi raanni sobaa jiran gara galaana ibiddaatii fi dhagaa bobayuutitti gatame. Baraa haga bara baraa halkanii fi guyyaa rakkatan.


Hennaa dheera'aan dura murtee tanaaf worri barreeffaman namoonni gari gariin waan hulluuqanii gara keessan seenaniiraniif, isaanillee worra sodaa Rabbii hin qabne, badhadha Waaqaa seebaruma'ati worra jijjiiran, ka ufummatti mooti'ii fi Gooftaa keenna ta'e, Yesuus Kiristoosiin hin ganan.


Yesuusillee akkana isaaniin jedhe: «Aadaa teessan jabeessu'uuf jettanii ajaja Rabbii guddiftanii tuffattan.


Innillee waan qulqullinnaa, waan mataa ufii tooyatu'uu, waan murtii dhufu'uuf jiruu dubbata'aa uduu jiru, Filiksi sodaatee, «Amma deemi; hennaa naa tole ergee si waamsisaa» jedhee deebise.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite