Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Ergaa Yaaqoob 2:18 - WAADAA LAMMATAA

18 Haata'uu ammoo namni tokko, «Ati amantaa qabda; anillee hujii qaba» yoo jedhe, «Amantaa kee huji'iin adda baasii na mudhisi; ani amantaa kiyya huji'iin si mudhisa» jedha.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

18 Garuu, «Ati amantii ni qabdda, Ani'llee hujii mishaa ni qaba» ka jedhu yoo jiraate, «Amantii kee hujii irraa fooyiitii natti muldhisi, ani'llee hujii kiyyaan amantii kiyya sitti ni mulidhisa» ni jedhaan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

18 Haa ta'uu ammo namni tokko, «Ati amantii qabda; anillee hujii qaba» yoo jedhe, «Amantii kee huji'iin adda baasii natti mudhis; ani amantii kiyya huji'iin si mudhisa» jedha.

Gade chapit la Kopi




Ergaa Yaaqoob 2:18
20 Referans Kwoze  

Isin keessaa ogeessinii fi hubataan eennuu? Jireenni mishaan ogumma'aa fi fayyaalumma'aan hujii ufii haa mudhisuu.


Raawwiin ajajaa ammoo, jaalala garaa qulqulluu keessaa, sammuu misha'aa fi amantaa uftuuluu hin qabne keessaa ka ol bayu.


Obboleeyyan tiyya! «Amantaa qaba» jedhee, garuu namni huji'iin hin mudhifne yoo jiraate bu'aa maal isaa qabaa? Amantaan isa fayyisuu danda'aa?


Jaalala amantaa Yesuus Kiristoosiin ta'e hujuu malee, gadoomuun yookiin gadoomuu dhabuun waan hin fayyanneef.


Namni nu mormu waan keenna waan badaa dubbatu yoo dhabe, akka saalfatu woma maraanuu waan mishaa godha'aa fakkeenna isaanii ta'i.


Namni mama'aa nyaate ammoo waan godhe san amanee waan hin gooneef itti murteeffama. Wonti amanta'aan hin goone maruu cubbu'u.


Seebartittiin Ra'aab worra gaadu nagayaan waan simatteef, worra hin ajajamne woliin amanta'aan hin banne.


Isaan amanta'aan mootummaa injifatan; qajeellummaa hojjatan, dubbii abdi'ii ka isaanii kenname argatan,


Amantaa malee Rabbiin gammachiisuun hin danda'amu. Namni gara Rabbii dhiyaatu akka Rabbi jiru worra isa soqaniif ka gatii kennu akka ta'e, amanuu barbaachisa.


Raaga dubbachuu yoo qabaadhe, dhossaa maraaf beekkomsa maraa yoo beeke, haga gaarran hule'ee kaasuutti amantaa maraa yoo qabaadhe, jaalala ammoo yoo hin qabaanne duwwa'a.


Namni seera hujji'iitiin malee, amanta'aan akka waan qajeellumma'aatitti waan laakkoofnuuf,


Eeganaa jaalatamtoota kiyya dubbii abdi'ii kana yoo qabaanne, sodaa Rabbiitiin woyyummaa guutuu godhu'uun waan nafa kennaaf ayyaana keenna batteessu maraa irraa uf haa qulqulleessinuu. Isin garaa keessan nuu badhisaa'a.


Kanaafuu eennullee Kiristoosiin keessa yoo ta'e, uumama haarawa. Wonti moofaan lufeera. Kunoo maruu haarawa ta'eera.


Eegasuu worri Kiristoos Yesuusiin keessa jirani amma murtii yakkaa jala hin jiran.


Namni Rabbi uduu inni hujii mishaa hin hojjatin qajeelaa taasisuun sun ka eebbifame akka ta'e Daawiti akkana jedhee dubbate,


«Eegasuu maali'iif haga ammaa Rabbi dogoggora nurraa barbaada ree? Ka fedha isaa mormu eennu?» naan jetta ta'a.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite