Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Ergaa Yaaqoob 2:1 - WAADAA LAMMATAA

1 Obboleeyyan tiyya! Waan amantaa kabajjamaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii qabattaniif, fuula namaa laala'aa wol hin caalchisinaa'a.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

1 Yaa obboleeyyan! Gooftaa ulfinnaa Yesus Kristostti worra amantan yoo taatan, tokko ka bira'aa ni caala jechu'uun, nama jiddu'utti daloo hin raawwatinaa.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

1 Obboleeyyan tiyya! Waan amantii kabajjamaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii qabattaniif, fuula namaa laala'aa wol hin caalchisinaa'a.

Gade chapit la Kopi




Ergaa Yaaqoob 2:1
29 Referans Kwoze  

Afoo namaatitti ammoo yoo ka nama wol caalchiftanii, cubbuu hojjataartan. Seeriillee akka nama yakkamaa tokkootitti isinitti murteessa.


Ogummaan Rabbiin irraa ammoo woyyitti'i, araaramtu'u. Gara-laafettii ta maarre jettu, ta araaraa fi daraaraa misha'aan guuttamte, ta mami'ii fi ta uf tuuluulee hin qabne.


Ka uffata bareedaa uffate laaltanii, «Ati hulee mishaa kana taa'i» yoo jettaniin, hiyyeessa uffata xuri'ii saniin ammoo, «Ati achi dhaabadhu yookiin luka kiyya jala taa'i» yoo jettaniin,


Kunniin worra akka fedha dharraa ufiitiin jiraata'aa gugumanii fi worra waan hiree ufiitiif gururi'an. Isaan akka isaanii toluuf nama wol caalchisa'aa hagaa ol dubbii guddaa dubbatan.


Tokkochallee uduu wol hin caalchifne gara tokkoo uduu hin dabne akka eedu Rabbii Gooftaa Yesuus Kiristoosii fi Maleekkota filataman afo'otti si gorsa.


Darasoota isaallee worra gosa Heroodisii woliin itti ergan. Isaanillee, «Barsiisaa'a, akka ati dhugaa taate dhugamaan karaa Rabbii akka barsiiftu hin beenna. Fuula namaa laala'aa eennuunillee wol hin caalchiftu.


Bulchoota biyya kanaa keessaa tokkollee ogummaa kana hin beenne. Uduu beekanii, Gooftaa ulfinnaa silaa hin fannisan.


Worri ajaja Rabbii eeganii fi woyyoonni Yesuusiin amanu'uun jabaatan.


Abdii eebbifamaa keennaa, innillee mudhata kabajjamaa Rabbiin keenna gudda'aa fi qoricha keennaa Yesuus Kiristoosiin eega'aa uf qaba'aa bara kana qajeellumma'aan Waaqa fakkaata'aa bara kana akka jiraannu nu barsiisa.


Ana Simoon Pheexroos ka ergama'aa fi garbicha Yesuus Kiristoosii ta'e irraa, worra karaa qajeellummaa Waaqa keennaatii fi fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosiititti amananiif;


Phaawuloos garbicha Rabbiitii fi ergamaan Yesuus Kiristoosii, worra Rabbiin filatamaniif akka amantaa isaanii ta'u, abdii bara baraatii fi akka kaddaamuu dhuga'aa beekaniif ka ergame; waan jireenna kanaatiif Rabbiin hin sobne baroota hedduun duratti abdii kenne.


Amanta'aa fi sammuu mishaa qabaadhu. Namoonni gari gariin qalbii ufii gatanii akka markabni ka oofu malee baduu, waan amanta'aatiin waan badaniiraniif.


Inni ka ulfinna isaa calanqisiisuu fi fakkeenna amala isaa ta'ee maraa baallii dubbii ufiitiin irkisa'aa, cubbuu keenna haga qulqulleesseen maayessa sami'itti mirgaa Rabbii ulfinna qabeessaa taa'e.


Akka isin jabaataniif kennaa Ayyaanaa isinii qoodu'uuf isin arguu hawwa.


Guyyaa hago'oon maayessa Filiksi haadha manaa ufii ta Diruusillaa jedhamtu ta gosa Yihuudi'ii woliin dhufee, Phaawuloosiin waamsisee, waan Yesuus Kiristoositti amanu'uu waan Phaawuloos dubbatu dhagaye.


Innillee akkana jedhe, «Obboleeyyanii fi abboota tiyya, dhagayaa'a! Waaqa ulfinnaa, Abbaa keenna Abrahaamiin uduu inni biyya Kaaraanii hin dhaqin lafa laga lamaan jiddu'utti itti mudhatee,


Pheexroos akkana jedhee dubbate «Dhugamaan Rabbi nama akka nama wol hin caalchifne hubadheera.


Obboleeyyan jaalatamtoota, hin sobaminaa'a.


Kanaafuu obboleeyyan jaalatamtan, namni maruu dhagayu'uuf ariifataa'a, dubbatu'uuf suuta, worra aari'iifillee hin ariifanne ta'aa'a.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite