Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Ergaa Yaaqoob 1:4 - WAADAA LAMMATAA

4 Isin worra ciniinnattan, worra obsi keessan bilchaateef guutuu ta'e, worra dhidhina hin qabne akka taatan isin taasisa.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

4 Obissaan jabaattanii dhaabachuun keessaniin womaa isinitti uduu hin dhidhatin muda maleeyyi'ii fi guutuu akka taataniin ka isin gayu haa ta'u, isin irraa uduu hin dhidhatin.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

4 Isin worra ciniinnattan, worra obsi keessan bilchaatee fi worra guutuu ta'e, worra dhidhinna hin qabne akka taatan isin taasisa.

Gade chapit la Kopi




Ergaa Yaaqoob 1:4
26 Referans Kwoze  

Karaa Yesuus Kiristoosiitiin gara badhaadha ulfinna maraa Waandhi isin waame hennaa diqqoo haga rakkinni isin irra gayeen maayessa, inninuu guutuu isin taasisa. Isin dhaaba, isin jajjabeessa.


Obsu'uun lubbuu teessan oolfattan.»


Abbaan keessan ka sami'ii akkuma guutuu ta'e, isinillee guutuu ta'aa'a.»


Kitaabni Ayyaanni Rabbii keessa jiru martinuu, barumsaaf, gorsa, onnee namaa qajeelchu'uuf gorsa karaa qajeellumma'aa maraafuu hin fayyada.


karaa Yesuus Kiristoosiitiin afoo ufiititti waan isa gammachiisu isiin keessatti raawwata'aa akka isin fedha isaa mishaa mara gootaniif guutuu isin haa taasisuu. Isaaf baraa haga bara baraa ulfinni haa ta'u! Amiin.


Waan mishaa hojjachuu akka hin dadhabne yoo abdii kutuu baanne, hennaa haamaan gaye hin haamanna.


Nu martinuu waan hedduun hin dogoggora; namni waan ufii dubbatuun hin dogoggore, inni nama nafa ufii tooyatuu danda'uu fi nama guutu'u.


Isin keessaa namni ogummaa hin qabne, uduu hin komatin Rabbii arjumma'aan maraafuu kennu haa kadhatuu. Isaa hin kennamaa.


Worra bilchaatan wodhakka'atti ammoo ogummaa dubbanna, haata'uu ammoo, Ogummaa worra adunyaa tanaa ti miti. Ogummaa adunyaa tanaa ta diiggamtu ta akka ogummaa bulchoota saniitii miti.


Garbichi Kiristoosii Ephafiraan keessan nagaya isiniin jedheera. Fedha Rabbii maraa hubattanii, guutuu taatanii, akka dhaabattan, hennaa maraa waan keessaniif jabaatee Rabbiin kadhata.


Sanyii lafa mishaa irratti bu'e ammoo worra dubbii Rabbii dhagayanii, amanamuuma'aaf mishumma'aan fudhatanii obsaan sanyii daraaraniiti.»


Naaf jettanii nama maraa afo'otti worra jibbame taatan. Ka haga dhumaa jabaate ammoo hin fayya.


Worri waan kanniin hin qabne jaamoota, worra waan dhiyoo jiru callaa argu. Cubbuu dura irraa qulqullaaye san irraanfateera.


Yesuusillee waan kana dhagayee, «Ammallee waan tokkotu si hafa. Waan qabdu maraa gurguriitii hiyyeeyyi'ii kenni, Sami'itti hin duroomtaa. Koottuu na faana deemi!» jedhe.


Yesuus isa xiinxallee laalee jaalateenii, «Waan tokkotu sirraa dhidhata. Dhaqii, waan qabdu maraa gurgurii, worra hiyyeeyyi'iif kenni, samii gubba'atti badhaadhummaa argattaa; achiin maayessa koottu na faana deemi!» jedheen.


Dargageessillee deebisee, «Ani seerota kana maraa daa'imummaa kiyya irraa jalqabee eegeera. Amma ammoo maaltu narraa dhidhata? jedheen.


Waandhi nagayaa qaama keessan hooma'aa haa woyyoomsu; ayyaanni keessan lubbuunii fi foon keessanillee hennaa Gooftaan keenna Yesuus Kiristoos dhufu mudaa malee haa eeggamanii.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite