Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Ergaa Yaaqoob 1:16 - WAADAA LAMMATAA

16 Obboleeyyan jaalatamtoota, hin sobaminaa'a.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

16 Ka jaalatamttan yaa obboleeyyan! Hin sobaminaa!

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

16 Obboleeyyan jaalatamtoota! hin sobaminaa'a.

Gade chapit la Kopi




Ergaa Yaaqoob 1:16
22 Referans Kwoze  

Kanaafuu obboleeyyan jaalatamtan, namni maruu dhagayu'uuf ariifataa'a, dubbatu'uuf suuta, worra aari'iifillee hin ariifanne ta'aa'a.


Kanaafuu jaalatamtoota tiyya! Hennaa ani isin bira jiru callaa uduu hin taane, hennaa maraa worra ajajamu, kabajja'aa fi soda'aan fayyinna keessan raawwadhaa'a.


Namni waanuma faacaafate san maraa haamata.


Akka barumsa Kiristoosiititti uduu hin taane, akka aadaa namaatiif akka nama adunyaa tanaa akka barumsa duraa waa uumu'uun soba'aa eennullee akka isin hin boojine uf eegaa'a.


Hennaa maraa jaalalli obbolumma'aa isin jidduu haa jiraatu. Keessummoota simachuu hin irraanfatinaa'a; akka kanaan gari gariin uduu hin beekin Maleekkota keessummummaa simataniiran.


Eennullee dubbii sossobu'uutiin akka isin hin dogoggorsine kana jedha.


Obboleeyyan jaalatamtoota dhagayaa'a, Rabbi akka amanta'aan dureeyyii ta'aniif, akka isaan jeennata inni worra isa jaalataniif waadaa gale san galaniif hiyyeessota adunyaa tanaa filateeraa mii?


Isaan kuniinillee du'aa ka'iinsi kanaan dura ta'eera jedha'aa, dhugaa irraa dogoggoranii amantaa namoota gari gari'ii balleessaniiran.


Kanaafuu worri ani yaaduu fi jaaladhu badhaasaa fi gammachu'uuf kallacha kiyya worri taatan, obboleeyyan tiyya! Akkasuma Goofta'aan dhaabadhaa'a.


Moo hammeeyyiin jeennata Rabbii akka hin dhaalle hin beettanii? Hin dogoggorinaa'a. Seebartoota yoo ta'an yookiin worra waaqa tolfamaa kaddaaman yookiin worra seebaran yookiin dhiira dhiira bira geettu,


Inni Waaqa worra jiraniiti malee, ka worra du'aniitii miti. Kanaaf guddaa dogoggortaniirtan» isaaniin jedhe.


Yesuusillee deebisee akkana isaaniin jedhe, «Kitaabbanii fi hunna Rabbii waan hin beenneef dogoggortaniimii?


Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Kitaabotaa fi hunna Rabbii waan hin beenneef, isin hin dogoggortan.


Ji'a sanniin keessa Pheexroosii fi namoota dhibbaa fi diddamaa obboleeyyan isa woliin jiran wodhakkaa dhaabateeti akkana jedhe.


Obboleeyyan tiyya! Amantaa keessan ataabamuun obsa akka isinii ta'u beeka'aa. Ataabeen adda addaa yoo isin irra gaye, akka gammachuu guutu'utitti laakkayaa'a.


Obboleeyyan tiyya! Waan amantaa kabajjamaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii qabattaniif, fuula namaa laala'aa wol hin caalchisinaa'a.


Obboleeyyan tiyya! «Amantaa qaba» jedhee, garuu namni huji'iin hin mudhifne yoo jiraate bu'aa maal isaa qabaa? Amantaan isa fayyisuu danda'aa?


Obboleeyyan tiyya! Marti keessan barsiisota hin ta'inaa'a. Worri akkasii murtii caalu akka argatu waan beettaniif.


Afaanuma tokko keessa eebbinii fi abaarsi baya. Obboleeyyan tiyya! kun garuu ta'uun hin barbaachisu.


Obboleeyyan tiyya! Wol hin hamatinaa'a! Ka obboleessa ufii hamatuu fi ka obboleessa ufiititti murteessu seera hamata. Seerattillee hin murteessa. Yoo seeratti murteessite, ati murteessa'a malee, nama seera hujii irra oolchuu miti.


Obboleeyyan tiyya, waamaraa dura ardi'ii fi sami'itti waan biraallee yoo ta'e womaanuu hin kakatinaa'a! Haata'uu ammoo murtii jalatti akka hin kufne dubbiin keessan ee yoo ta'e, «Ee» jedhaa'a; wa'a yoo ta'e, «Wa'a» jedhaa'a.


Obboleeyyan tiyya! Isin keessaa eennullee dhugaa irraa yoo gore, namni biraa gara dhuga'aa yoo isa deebise,


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite