Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Ergaa Yaaqoob 1:1 - WAADAA LAMMATAA

1 Garbicha Rabbiitii fi Gooftaa Yesuus Kiristoosii Yaaqoobiin irraa, gosoota kudha lama worra bittinnooftaniif nageenni isinii haata'u.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

1 Biyya lafaa mara keessatti ka bittinnaayan gosoota kudha lamaaniif, tajaajilaa Waaqaa fi Gooftaa Yesus Kristosii ka ta'e Yaaqoobiin irraa ergaa ergame, Nageenni isiniif haa ta'u.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

1 Yaaqoobii garbicha Rabbiitii fi Gooftaa Yesuus Kiristoosii irraa, gosoota kudha lama worra bittinnooftaniif nageenni isiniif haa ta'u.

Gade chapit la Kopi




Ergaa Yaaqoob 1:1
41 Referans Kwoze  

Pheexroos ergamaa Yesuus Kiristoosii ta'e irraa worra baqattoota worra biyya Pheenxoosii, Galaatiyaa, Qaphadooqiyaa, Isiya'aa fi Bitaaniyaa keessa faca'anii jiraataniif, worra akka beekkomsa Rabbii Aabbaatiin beekkamtanii filatamtan, worra Yesuus Kiristoosii ajajamu'uuf dhiiga isaatiin biifamtanii qulqullaayu'uuf Ayyaana Woyyu'uun woyyoomtaniif; Ayyaanninii fi nageenni isinii haa guddatu.


Eeganaa Yihuudonni, «Akka nu isa hin argine eessa deemu'uuf ta'aa? Gara worra Giriikiin jiddu'utti bittinnaawaniiranii deemee barsiisu'uuf ta'aa?


Guyyaa san woldaa Kiristaanaa ta Yeruusaalem jirtutti baqa gudda'atu ta'e. Eergamtoota malee maruu gara Yihuuda'aatii fi gara biyya Samaariya'aa faca'an.


Gara dubbii abdi qabeessa kanaa worri kenna kudha lamman, halkanii fi guyyaa jabaatanii kaddaama'aa akka bira gayaniif heddannoo qaban; mootii Agriiphaa, ani waan hedannoo kanaatiif Yihuudotaan himatame.


Akkanatti barreessaanitti isaan irraan ergan. Ergamtoonninii fi manguddoonni obboleewwanillee Anxookiya'aa fi Sooriyaa worra Kiliqiyaa worra jiran obboleewwan gossa Yihuudii hin taaneef nagaya dhaamaniiru.


Phaawuloos garbicha Rabbiitii fi ergamaan Yesuus Kiristoosii, worra Rabbiin filatamaniif akka amantaa isaanii ta'u, abdii bara baraatii fi akka kaddaamuu dhuga'aa beekaniif ka ergame; waan jireenna kanaatiif Rabbiin hin sobne baroota hedduun duratti abdii kenne.


Worri bulchoota ijoo fakkaatanii mudhatan, Yaaqoob, Keefa'aa fi Yohaannisillee Rabbi akka kennaa badhaadhummaa naa kenne hubbatanii nu gara worra Yihuudii hin taanee, isaan ammoo gara worra Yihuodotaa akka dhaqan, anaa fi Barnaabaasiin woliin wolii galan.


Haga isaan cadhisaniin maayessa Yaaqoob akkana jedhee deebise, obboleewwan tiyya na dhagayaa'a.


Ka ergamaa ta'u'uuf waamame garbicha Yesuus Kiristoosii Phaawuloosiin irraa, Oduu Nagayaa Rabbii ka afaan raattotaatii fi ka kitaaba woyyootaa keessatti firrisee abdii kenneefiif fooyame.


Haga bari'e Phaawuloos gara mana Yaaqoobii seene. Manguddoonni maruu achi dhufan.


Ka naa hojjatu yoo jiraate, na faanaa haa deemuu; hulee ani jirullee hin jiraata. Ka naa hojjatu yoo jiraate Aabba hin kabajjaan.»


Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Ani dhugama isinitti hima, isin worri na faanaa deemtan biyya lafaa ta haarawa dhuftutti, Ilmi Namaa teessoo ulfinna ufii irra hennaa taa'u, isinillee ammoo teessoo ulfinnaa kudha lama irra teettanii gosa Israa'elii kudha lamatti murteessitan.


Garbichi Yesuus Kiristoosii obboleessi Yaaqoobii Yihuudaan, worra Rabbii Aabba'aan jaalatamanii Yesuus Kiristoosiif waamamanii eegaman maraaf,


Ana Simoon Pheexroos ka ergama'aa fi garbicha Yesuus Kiristoosii ta'e irraa, worra karaa qajeellummaa Waaqa keennaatii fi fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosiititti amananiif;


Garboota Yesuus Kiristoosii Phaawuloosii Fi Ximootiwosiin irraa, worra qachaa Filiphisiyuusii keessa jiraatan, ka karaa Kiristoos Yesuusiitiin qajeelaa ta'an maraaf, akkasuma tooyattootaa fi gargaartoota woldaa Kiristaanaatiif:


Namoonni gariin Yaaqoobiin bira uduu hin dhufiniin dura, inni worra Yihuudota hin taane woliin nyaata'aa waan tureef, hennaa dhufan ammoo gosa gadooman san sodaatee uf duubatti sissiiqa'aa isaan biraa fooyame.


Haata'uu ammoo obboleessa Goofta'aa Yaaqoobiin malee, ergamtoota keessaa ka biraa tokkollee hin argine.


Muuseen dhaloota duraa irraa jalqabee Sambata Sambata mana sagada Yihuudotaatitti hennaa dubbisan qachaa maraa keessattu worra seera isaa lallaban» hin qaba.


Hennaa seenan gara mana mana gubba'aa ol bayan. Pheexroos, Yohaannis, Yaaqoob, Indiriyaas, Filiphoos, Tomaas, Bertelomeewoos, Maatewoos, ilmi Ilfiyoosii Yaaqoob, ka hinaafaa jedhamu Simoonii fi Yihuudaa ilma Yaaqoobii fa'a.


Kun ilma namicha muka bocuutii mii? Haatillee Maariyaam jedhamtii mii? obboleeyyan isaallee Yaaqoob, Yoosaa, Simoonii fi Yihuudaa fa'aa mii?


Inni ammoo akka cadhisaniif afaan isaanitti dhadhayatee, attamitti akka Gooftaan mana hidha'aatii isa baase isaanitti himee, waan kana Yaaqoobii fi obboleewwan kaawwanittillee himaa'a isaaniin jedhe. Achii bayeeti gara hulee biraa dhaqe.


Gosa ijoollee Isiraa'elii maraa keessaa worri chaappeeffame nama kuma dhibba tokkootii fi kuma afurtamii afuriiti.


Banii ardii irra jiraatan maraa keessaa Yihuudonni faate'een jabaatan Yerusaalemiin keessa jiraata'aa turan.


Filiphoos, Bartolomewoos, Toomaas, Maatewoosii qaraxa qaraxu Yaaqoobii ilma Alfewoosii, Taadewoosii Libidiyuus jedhamu.


Uduu ganni hin seenini akka dhuftu jabaadhu. Ewugiloosi, Pheedees, Liinos, Qilawuudiyaanii fi obboleeyyan maruu nagaya sii dhaamaniiran.


«Qelaawudewoos Luusiyoosiin irraa bulchaa kabajjamaa Filiksiitiif nageenni siif haata'u.


Maatewoos, Toomaas, Yaaqoobii ilma Alfewoosii, Simoon ka «Hinaafticha» jedhamee beekkame,


Indiriyaasi, Filiphoosi, Bartelemewos Maatewoos, Toomaas, Yaaqoobii ilma Ilfiyoosii, Taadewoos, Simoonii hinaaftichaa fi


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite