Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




3 Ergaa Yohaannis 1:4 - WAADAA LAMMATAA

4 Wonti akka ijoolleen tiyya dhuga'atti jiraachuu isaanii dhagayu'uu na gammachiisu waan hin jirreef.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

4 Ijoolleen tiyya dhuga'aan dedeebi'aa jiraachuu isaanii dhagayuu irra ka caalu, wonitti ana gammachiisu hin jiru.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

4 Wonti akka ijoolleen tiyya dhuga'atti jiraachuu isaanii dhagayu'uu na gammachiisu waan hin jirreef.

Gade chapit la Kopi




3 Ergaa Yohaannis 1:4
18 Referans Kwoze  

Ijoollee tiyya! Haga bifti Kiristoosii isin keessatti mudhatutti, ammallee waan keessaniif akka dubartii deettuutitti ciniinsifadha.


Ilma kiyya jaalatamaa Ximootewoosiif. Rabbii Aabbaa fi Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin irraallee badhaadha, araaraa fi nagaya sii haa kennu.


Ka amanta'aan dhuga'aan ilma kiyya ta'e Ximootiwosiif: Rabbii Abbaa keennaa fi Gooftaa Yesuus Kiristoosiin irraa badhaani, dhiifamsaa fi nagaya sii haa kennu.


Haata'uu ammoo, akka dhugaa Oduu Nagayaatitti akka isaan qajeellumma'aan hin deemne hennaa arge, maraa afo'otti Keefa'aan, «Ati nama Yihuudi'ii taatee, akka nama Yihuudii hin taaneetitti eega jiraatte, attamiin worra Yihuudii hin taane akka Yihuudotaatitti akka jiraataniif isaan giddisiiftaa? jedheen.»


Waan ilma kiyyaa Onismoosii ka ani hennaa mana hidha'aa jiru akka inni Kiristoositti amanuuf Oduu Nagayaa itti himee Kiristoositti amane saniif si kadhadha. Inni dura nama si hin fayyanne ture, amma ammoo anaa fi sillee hin fayyada.


Isin ijoollee tiyya waan taataniif akkana isiniin jedha. Akkuma nu garaa keenna isinii banne, isinillee garaa keessan nuu banaa'a.


Rabbii gara jeennataatii fi gara ulfinna ufii isin waame kanaa akka ta'utti akka jiraattan, isin gorsaa, isin jajjabeessa, isinii raga'aa, akkuma abbaan ijoollee ufiitii ta'u isin maraafuu waan taane hin beettan.


Ijoollee tiyya, wonti kana isinii barreessuuf akka cubbuu hin hojjanneef, eennullee yoo cubbuu huje, Aabbaan biraa wobii qabna. Innillee Yesuus Kiristoosii qajeela'a.


Akkuma ajaja Aabbaan irraa fudhanneen ijoollee tantee keessaa gari gariin dhuga'aan hennaa jiraatan waan argeef gammadeera.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite