Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




3 Ergaa Yohaannis 1:10 - WAADAA LAMMATAA

10 Kanaafuu ani yoo dhufee hujii hamaa inni huja'aa odeessu hin dubbadha. Kunuu isa hanqatee, obboleeyyanillee ufitti hin dhiyeessu. Worra isaan simatullee dhooggee woldaa keessaa isaan baasa.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

10 Kanaaf gara keessan yeroo dhufu inni nu arrabissa'aatii fi nu salphisa'aa, hujii inni raawwate hamaa mara marattuu ni dubbadha, kun uduu isaa hin gayin hafee, inni mataan isaatuu obboleeyyan ufitti hin fudhatu. Kuunniin'llee akka isaan ufitti hin fudhanneef ni dhoogga. Woldaya amanti'iitii'llee isaan ni baasa.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

10 Kanaafuu ani yoo dhufee hujii hamaa inni huja'aa odeessu hin dubbadha. Kunuu isa hanqatee obboleeyyanillee ufitti hin dhiyeessu. Worra isaan simatullee dhooggee woldaa keessaa isaan baasa.

Gade chapit la Kopi




3 Ergaa Yohaannis 1:10
16 Referans Kwoze  

Akkuma hennaa lamaffa'aa isin bira ture dubbadhe, akkasuma fagoollee yoo ta'e, Kiristoos na keessa bulee akka dubbatu ragaa yoo barbaadan, deebi'ee yoo dhufe akka garaa isinii hin laafne; firrisa worra cubbuu hujaniin kaawwan maraafuu firrisee jedha. Firrisee Kiristoosillee waan keessaniif hin dadhabu. Haata'uu ammoo isin keessatti jaba'a.


Namoonni, «Sababa Ilma Namaatiif, yoo isin jibban yoo isin fooyan, yoo isin tuffatanii fi maqaa hamaa yoo isinitti baasan, isin worra eebbifame!


Jaalalloo kiyya siif keessummaa yoo ta'anillee ati waan obboleeyyanii gootu maraan amanama'a.


Maatiin isaa waan Yihuudota sodaataniif kana jedhan, ka inni Kiristoos jedhee ragu yoo jiraate, Yihuudonni mana sagada Yihuudotaatii akka isaan hin baafneef Yihuudonni waan woliigalaniiraniif.


Ji'a sanniin keessa Pheexroosii fi namoota dhibbaa fi diddamaa obboleeyyan isa woliin jiran wodhakkaa dhaabateeti akkana jedhe.


Eeganaa hennaa yoo arganne, nama maraafuu, keessattuu worra amantootaatii waan mishaa haa goonuu.


Hujii hin hujan; mana tokkoo gara mana tokkoo deema'aatti waan hin taane dubbata'aa odeessitootaa fi worra hujii hiikan callaa uduu hin ta'in, worra waan namaa keessa galan ta'an malee, worra hujii hiiku calla'aallee miti.


Eennullee barumsa kanaan gara mana keessanii yoo hin dhufne, hin simatinaa'a nagayallee hin gaafatinaa'a.


Ani waan isinii barreessu guddaa qaba. Qalamaan woraqata irratti isinii barreessuu hin jaalanne. Haata'uu ammoo akka gammaddaniif dhufee afaaniin isin qaassu'uuf abdii qaba.


Obboloonni dhufanii akka ati dhuga'atti jiraattu, waan dhugaa keetii naa rannaani guddisee gammade.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite