Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




2 Ergaa Yohaannis 1:9 - WAADAA LAMMATAA

9 Worri barumsa Kiristoosiitiin hin jiraanneef barumsa isaa keessa namni hin jiraanne Rabbiin hin qabu. Namni barumsa Kiristoosii keessa jiraatu ammoo, Aabba'aa fi Ilma isaallee hin qaba.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

9 Barsiisa Kristositiin jabaatee ka hin jiraannee fi isa irraa'llee fagaatee ka deemu, Waaqinni isa woliin hin jiru, barsiisa Kristositiin jabaatee naminni jiraatu garuu, Waaqinni Abbaanii fi Ilmi'llee isa woliin ni jiran.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

9 Worri barumsa Kiristoosiitiin hin jiraannee fi namni barumsa isaa keessa hin jiraanne Rabbiin hin qabu. Namni barumsa Kiristoosii keessa jiraatu ammo, Aabba'aa fi Ilma isaallee hin qaba.

Gade chapit la Kopi




2 Ergaa Yohaannis 1:9
15 Referans Kwoze  

Dubbiin Rabbii guutumatti isin keessa haa jiraatu. Ogummaa maraan wol barsiisaa'a, wol gorsaa'a, Ayyaanaan faaruu faarfachu'uun badhaadhummaa isaatiin onnee keessan keessatti Rabbiin faarfadhaa'a.


Isinillee nu woliin tokkummaa akka qabaattaniif ka argineef ka dhageenne isinitti himna, tokkummaan keenna Abba'aa fi Ilma isaa Yesuus Kirstoosiin woliin.


Barumsa ergamtootaatiin, Xoroshoo woliin nyaata'aa faateffachu'uunillee jabaatan.


Uduu hin mormineef hin hanne amanamummaa mishaa mara akka argisiisan isaan gorsi.


Ka ana keessa hin jiraanne yoo jiraate, akka dame'e muramee gara diidaa gatama, hin goga; dameewwan akkasii wolitti qabamee ibiddatti gatamee gubama.


Yesuusillee, «Ani kara'a, dhuga'aa fi jireenna. Anaan malee ka gara Aabbaa dhufu hin jiru.


«Maruu abbaa kiyya irraa naa kennameera. Ilmillee eennuun akka ta'e abbaa malee ka beeku hin jiru. Abbaan eennu akka ta'e ilmaa fi ka ilmi isaa ibsu'uuf fedhu malee ka beeku hin jiru» jedhe.


Kanaaf waan Kiristoosii ka dura namoonni barsiisan dhiifnee, gara bilchinnaa haa deemnuu; bu'uura deebifnee hin bu'uursinu. Sunillee hujii gara du'aa nama geessu irraa aagii galuu, Rabbitti amanu'uun, waan cuuphamu'uu, waan harka nama irra kaayu'uu, waan worra du'oota keessaa ka'aniitii fi waan barumsa murtii bara baraa ti.


Amantaa keenna ka duraa haga dhumaa cimsinee uduu eennee worra Kirstoosiin woliin jeennata Rabbii keessa jiraatu taaneerra.


Wonti martinuu Abbaa kiyya irraa naa kennameera. Abbaa malee ka Ilma beeku hin jiru. Akkasuma Ilma isaatii fi worra Ilmi isaa itti mudhisutu Abbaa beeka malee, eennullee ka Abbaa beeku hin jiru.


Yesuusillee Yihuudota isatti amananiin, «Isin yoo dubbii kiyyaan jiraattan, isin dhugamaan darasoota tiyya, dhugaallee hin beettan dhugaanillee bilisa isin baasa» isaaniin jedhe.


Mana amanta'aatiif barreessee ture, haata'uu ammoo, Diyootreefesiin sooressa ta'uu barbaadu nu hin fedhu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite