Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




1 Ergaa Yohaannis 5:9 - WAADAA LAMMATAA

9 Ragaa namaa hin fudhanna. Ragaan Rabbii ammoo kana caala. Ragaan Rabbii tun ta inni ilma ufiitii ragaa baye.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

9 Ragummaa namoonni kennan ni fudhanna, ragummaan Waaqaa garuu mara irraa ni caala. Waaqinni ragummaan waayee Ilma isaatiif kenne'llee kana.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

9 Ragaa namaa hin fudhanna. Ragaan Rabbii ammo kana caala. Ragaan Rabbii tun ta inni ilma ufiitii ragaa baye.

Gade chapit la Kopi




1 Ergaa Yohaannis 5:9
13 Referans Kwoze  

Inni haaganaa waan qabeeruuf guyyaa san harka nama qopheessee saniin adunyaa irratti qajeellumma'aan murteessu'uuf ta'a. Kanaafuu worra du'e keessaa isa kaasu'uun maraa mirkaneesseera»


Uduma inni kana dubbata'aaru, duumessi ifaa isaan golge. Duumeessa san keessaan laagaan, «Ilmi kiyya ka ani itti gammaduu fi jaaladhu kanaa, isa dhagayaa'a» jedhu dhufe.


Namni Ilma Rabbiititti amanu, ragaa kana uf keessaa qaba. Namni Rabbitti hin amanne ragaa Rabbi Ilma ufiitiif baye sanitti waan hin amanneef Rabbiin sobaa taasiseera.


Rabbiinuu akka fedha ufiititti malkataa fi waan maalale'eetiin ajaa'iba adda addaatiin Ayyaana Woyyuu akka fedhii isaatitti kennameen waan kana rageef.


Nullee waan kanaaf raga'a. Akkasuma Ayyaanni Rabbii woyyuun Rabbi worra isaaf ajajamanii kennellee raga'a.»


Yoo godhe ammoo, anallee yoo amanuu dhabaattan, Abbaan akka ana keessa, anillee akka Abbaa keessa ta'e akka beettanii fi akka qaabattan, hujii isaa amanaa'a.»


Isin kitaabbilee woyyootaan waan jireenna bara baraa qabdan waan isinitti fakkaatuuf, isaan qortan. Isaan garuu waan kiyya ragan!


Rabbi akka kanaan waan lamaan hin jijjiiramneef ka soba hin qabneen abdi'ii fi kakuu nuu galeera. Kana lamaaniin abdii nu afoo jiru jabeessinee qabatuu akka dandeennu, nu worri gara isaa dheessine jajjabeenna guddaa arganna.


Ayyaanni, bisaanii fi dhiinni kunniin worra ragu; sadiinuu wol ta'an.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite