Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




1 Ergaa Yohaannis 5:12 - WAADAA LAMMATAA

12 Namni ilma Rabbii qabu, jireenna qaba. Namni Ilma Rabbii hin qabne jireenna hin qabu.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

12 Ka Ilma Waaqaa qabu jireenna ni qaba. Ilma Waaqaa ka hin qabnne garuu, jireenna hin qabu.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

12 Namni ilma Rabbii qabu jireenna qaba. Namni Ilma Rabbii hin qabne ammo jireenna hin qabu.

Gade chapit la Kopi




1 Ergaa Yohaannis 5:12
10 Referans Kwoze  

Namni Ilma isaatitti amane jireenna bara baraa qaba. Namni ilma isaatitti hin amanne dheekkamsi Rabbii waan isa irra jiruuf jireenna hin argatu» jedhe.


Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, ka dubbii kiyya dhagayu, ka na ergettillee ka amanu jireenna bara baraa qaba; du'aa gara jireennaatitti ceeyeera; gara murtii du'aa hin dhufu.


Worra isa simatan maraafuu ammoo maqaa isaatitti waan amananiif isaan ijoollee Rabbii akka ta'an baallii isaanii kenne.


Haata'uu ammoo, «Ka uf jaju Rabbiin uf haa jajuu» jedhamee akkuma barreeffame,


Ka amane; ka cuuphamellee hin fayya; ka hin amanne ammoo itti murteeffama.


Worri barumsa Kiristoosiitiin hin jiraanneef barumsa isaa keessa namni hin jiraanne Rabbiin hin qabu. Namni barumsa Kiristoosii keessa jiraatu ammoo, Aabba'aa fi Ilma isaallee hin qaba.


Amantaa keenna ka duraa haga dhumaa cimsinee uduu eennee worra Kirstoosiin woliin jeennata Rabbii keessa jiraatu taaneerra.


Kiristoosiin woliin fannifameera; ammaa achi Kiristoositu na keessa jiraata malee, ani ufii hin jiraadhu. Jiruun ani amma fooniin jiraadhu ka na jaalateef ka uf dabarsee naa kenne amantaa Ilma Rabbii irraa qabuun.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite