Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




1 Ergaa Yohaannis 5:11 - WAADAA LAMMATAA

11 Rabbi jireenna bara baraa akka nuu kenne; jireenni kunillee, ilma isaa keessa akka jiru ragaan kana.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

11 Ragummaan isaa'llee Waaqinni jireenna bara baraa akka kennee fi jireenni kun'llee Ilma isaatiin akka jiru, ka ragaa bayu.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

11 Rabbi jireenna bara baraa akka nuu kenne; jireenni kunillee, ilma isaa keessa akka jiru ragaan kana.

Gade chapit la Kopi




1 Ergaa Yohaannis 5:11
37 Referans Kwoze  

Gatiin cubbu'uu du'a waan ta'eef, kennaan badhaadhummaa Rabbii ammoo karaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin jiruu bara baraa ti.


Abdiin inni nuu kenne kunillee jireenna bara baraati.


Namni Ilma isaatitti amane jireenna bara baraa qaba. Namni ilma isaatitti hin amanne dheekkamsi Rabbii waan isa irra jiruuf jireenna hin argatu» jedhe.


Ilmi Rabbii akka dhufeef waan dhugaa ta'e akka beennuuf hubannaa akka nuuf kenne hin beenna. Nullee Rabbii dhuga'aatii fi ilma isaa Yesuus Kiristoosiin keessa jira. Inni Waaqa dhuga'aatii fi jireenna bara baraati.


Akkanaan Rabbi jaalala ufii nuu ibse. Karaa isaatiin tokkocha Ilma ufii gara adunyaa tanaa waan ergeeruuf.


Isa keessa jireennatu jira, jireenni sunillee ifa namaati.


Namni Ilma Rabbiititti amanu, ragaa kana uf keessaa qaba. Namni Rabbitti hin amanne ragaa Rabbi Ilma ufiitiif baye sanitti waan hin amanneef Rabbiin sobaa taasiseera.


Ka argellee rageera ragaanillee dhuga'a, isinillee ammoo akka amantan inni akka dhugaa dubbatu hin beeka.


Anillee jireenna bara baraa isaanii kenna, baraa haga bara baraallee hin badan, harka kiyya keessaa eennullee isaan hin baasu.


Simi'oon Pheexroos, «Gooftaa kiyya, gara eennuu deemna? Ati dubbii jireenna bara baraa qabda.


Akkuma Aabba ufitti jireenna qabu, Ilmillee akkasuma ufitti jireenna akka qabaatuuf isaa waan kenneeruuf,


Araara Gooftaa kenna Yesuus Kiristoosii ka gara jireenna bara baraa geessu eeggata'aa jaalala Rabbiitiin uf eegaa'a!


Ayyaanni dhuga'a, ka ragullee Ayyaana.


Waan kanaaf ammoo jireenna bara baraa argachu'uf worra isatti amanuuf jireennaaf fakkeenna akka ta'u Yesuus Kiristoos ana ijoo ta'e irratti obsa ufii mara mudhisu'uuf ani araara argadhe.


Yesuusillee, «Ani kara'a, dhuga'aa fi jireenna. Anaan malee ka gara Aabbaa dhufu hin jiru.


Dimeexiroosiif namni maruu ragaa bayaaf, dhugaanillee ragaa baatiif, nullee akkasuma hin rannaaf. Ragaan keennallee dhugaa akka ta'e hin beettan.


Ajanyillee jireenna bara baraa akka taate hin beeka. Kanaaf ani ka dubbadhu akka Abbaan natti himetti dubbadha» jedhe.


Namni Ilma isaa argee itti amanu maruu jireenna bara baraa haa argatuuf fedhiin abbaa kiyyaa kana. Anillee guyyaa dhumaa san hin kaasaan.


Baadaa isi'ii jidduu teessoo Rabbiitiif teessoo Hoola'aa waan akka bilille'ee callanqisu laga bisaan jireennaa natti mudhise.


Innillee dubbii Rabbiitiif waan Yesuus Kiristoosii waan arge maraa rage.


Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, ka natti amane jireenna bara baraa qaba.


Akkuma Aabba, worra du'an kaasee jireenna isaanii kennu, akkasuma ilmillee worra jaalatuuf jireenna kenna.


Namni haamu gatii argata; ka facaasuu fi ka haamullee akka woliin gammadan jireenna bara baraatiifillee daraaraa wolitti qabata.


Worri kun gara adabbii bara baraa, qajeellonni ammo gara jireenna bara baraa galan» jedhe.


Yihuudonnillee ati eennuu? Jedhanii gaafachu'uuf Yeruusaalemii gadootaa fi Leewwota hennaa itti ergan ragaan Yohaannisii kana.


Karaa Samaariya'aatiin lufuun waan isa barbaachisuuf.


Jaalalti akkana, Rabbi waan ufii nu jaalateef, Ilma ufii ciincaa cubbuu keennaa akka ta'u godhe malee waan nu isa jaalanneefii miti.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite