Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




1 Ergaa Yohaannis 4:8 - WAADAA LAMMATAA

8 Ka jaalala hin qabne, Rabbiin hin beeku; Rabbi waan jaalala ta'eef.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

8 Waaqinni jaalala waan ta'eef ka nama hin jaalanne marrinuu, Waaqa hin beeku.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

8 Ka jaalala hin qabne, Rabbiin hin beeku; Rabbi waan jaalala ta'eef.

Gade chapit la Kopi




1 Ergaa Yohaannis 4:8
14 Referans Kwoze  

Nullee jaalala Rabbi nuu qabu beenneerra. Amanneerralle'e. Rabbi jaalala; ka jaalalaan jiraatu Rabbiin keessa jiraata, Rabbillee isa keessa jiraata.


Goshoota tiyya, jaalali Rabbiin biraa waan ta'eef, ka nama jaalatu maruu Rabbiin irraa waan dhalateef, Rabbiinillee waan beekuuf wol haa jaalanuu.


Waan hafeen obboloota tiyya nagayaan taa'aa'a. Guutuu ta'aa'a; gorsa kiyya dhagayaa'a; yaada tokko ta'aa'a; nagayaan jiraadhaa'a; Waandhi jaalalaatii fi nagayaa isin woliin ta'a.


Haata'uu ammoo, Rabbi araara ufiitiin dureessa waan ta'eef.


Wonti isa irraa dhagenne dhaamsi isinittillee himnu, «Rabbi ifa; dukkanti sirimaa isa bira hin jirtu» ka jedhu.


Ka isa keessa jiru maruu cubbuu hin hojjatu. Ka cubbuu hojjatu maruu isa hin arginne hin beekuunille'e.


Dukkanti waan lufuuf ifti dhuga'aa amma ifa. «Ka ifa keessa jira» jedhu, ka ammoo obboleessa ufii jibbu, inni haga ammaa dukkana keessa jira.


«Isa hin beeka» jedha'aa, ajaja isaa ka hin eenne, soba'a; dhugaanillee isaa keessa hin jirtu.


Waandhi keenna dhugamaan ibidda balleessu waan ta'eef.


Ijoolleen Rabbiitii fi ijoolleen daabiloosii kanaan gargar bayan. Namni qajeellummaa hin hunyeef ka obboleessa ufii hin jaalanne maruu ka Rabbiitii miti.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite