Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




1 Ergaa Yohaannis 4:7 - WAADAA LAMMATAA

7 Goshoota tiyya, jaalali Rabbiin biraa waan ta'eef, ka nama jaalatu maruu Rabbiin irraa waan dhalateef, Rabbiinillee waan beekuuf wol haa jaalanuu.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

7 Yaa waahela kiyya! Jaalalli Waaqa biraa waan ta'eef ufii keenna wol haa jaalannuu, ka jaalatu marrinuu Ilma Waaqaati, Waaqa'llee ni beeka.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

7 Goshoota tiyya! jaalalli Rabbiin biraa waan ta'eef, ka nama jaalatu maruu Rabbiin irraa waan dhalateef, Rabbiinillee waan beekuuf wol haa jaalannuu.

Gade chapit la Kopi




1 Ergaa Yohaannis 4:7
25 Referans Kwoze  

Eennullee, «Rabbiin hin jaaladha» jedha'aa obboleessa ufii yoo ka jibbu ta'e, inni hin soba, obboleessa ufii ka ijaan arga'aaru kan hin jaalanne; Rabbii ijaan hin argine attamitti jaalachoo danda'a?


Ka jaalala hin qabne, Rabbiin hin beeku; Rabbi waan jaalala ta'eef.


Dhuga'aaf ajajamma'aa jaalala obbolumma'aa ta uf tuullumma hin qabneen lubbuu teessan qulqulleessa'aa gara'aan jabeessa'aa wol jaaladhaa'a.


Obboleessa isaa ka jaalatu, ifa keessa jira, waan isa gufachiisullee hin qabu.


Daraaraan Ayyaanaa ammoo, jaalala, gammachuu, Nagaya, obsa, arjummaa, mishooma.


Rabbi Ayyaana hunnaatii fi ka jaalala, ka uf qabu'uu nuu kenne malee, Ayyaana soda'aa nuu hin kennine.


Ka Rabbiin arge eennullee hin jiru. Nu yoo wol jaalanne, Rabbi nu keessa jiraata. Jaalalti isaallee nu keessatti guutu'u.


Akka inni qajeelaa ta'e yoo beettan, namni qajeellummaa hojjatu maruu akka isarraa dhalate beekaa'a.


Akka ati Waaqa dhuga'aa taatee fi Yesuus Kiristoosiinillee akka ergite akka beekaniif tun jireenna bara baraa ti.


Kiristoosiin afo'otti ulfinni beekkomsa Rabbii ifa akka kennu; garaa keenna keessatti ifni ifuun; dukkana keessatti ka ifiti haa ifu jedhe Rabbiin waan ta'eef.


Amma ammoo haga Rabbiin beettan, keessattuu haga Rabbiin beekkamtaniin maayessa, attamitti deebitanii gara dadhabi'ii, gara waan tuffatamee fi gara barumsa duraa ka faayidaa hin qabnee garagaltanii, garbicha taatanii isaanii bitamuu feetanii?


Akka wol jaalattan, akkuma anillee isin jaaladhe, isinillee akkasuma akka wol jaalattan ajaja haarawa isinii kenna.


Eennullee ammoo Rabbiin yoo jaalate, inni isa biratti ka beekame.


Nu yoo ajaja isaa eenne, akka isa beenne beenna.


«Isa hin beeka» jedha'aa, ajaja isaa ka hin eenne, soba'a; dhugaanillee isaa keessa hin jirtu.


Obboleeyyan tiyya, ka isiniif barreessu ajajuma duraan jiru malee, ajaja haarawwa miti. Ajanyi moofaan dubbii dhageettan san.


Kanaaf hujii daabiloosii diigu'uuf Ilmi Rabbii dhufeera. Namni Rabbiin irraa dhalate maruu cubbuu hin hojjatu. Waan sanyiin Rabbii isa keessa jiruuf, waan Rabbiin irraa dhalateef cubbuu hojjachuu hin danda'u.


Goshoota tiyya, yoo Rabbi akkanatti nu jaalate, nullee akkasuma wol haa jaalannuu.


Nullee jaalala Rabbi nuu qabu beenneerra. Amanneerralle'e. Rabbi jaalala; ka jaalalaan jiraatu Rabbiin keessa jiraata, Rabbillee isa keessa jiraata.


Namni Kiristoos jedhee Yesuusitti amanu maruu, Rabbiin irraa dhalate. Ka abbaa ufii jaalatu maruu ka isarraa dhalatellee hin jaalata.


Giifti'ii yookiin woldaa tana! Ammallee akka wol jaalannu si kadhadha. Tunillee ajaja armaan dura jirtu malee ajaja haarawa sii barreessu'uufii miti.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite