Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




1 Ergaa Yohaannis 4:6 - WAADAA LAMMATAA

6 Nu ka Rabbiiti, ka Rabbiin beeku, nu dhagaya, namni nama Rabbii hin taane nu hin dhagayu, Ayyaana dhuga'aatii fi Ayyaana sobaa kanaan adda baafanna.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

6 Nu'u ka Waaqaati, worri Waaqa beeku marrinuu nu'u ni dhagaya, worri ka Waaqaa hin ta'in garuu nu'u hin dhagayu. Hafuura dhugaaalessaa fi hafuura dharaalessaa addaan baafinne ka beekinnu'llee kanaan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

6 Nu ka Rabbiiti; ka Rabbiin beeku nu dhagaya; namni nama Rabbii hin taane nu hin dhagayu, Ayyaana dhuga'aatii fi Ayyaana sobaa kanaan adda baafanna.

Gade chapit la Kopi




1 Ergaa Yohaannis 4:6
33 Referans Kwoze  

Hoolonni tiyya laagaa kiyya hin dhagayan anilee isaan beeka; isaanillee na faanaa deeman.


Haata'uu ammoo ka ani Aabbaa biraa isinii ergu jajjabeessaan, innillee ka Abbaa biraa dhufu Ayyaanni dhuga'aa hennaa dhufe, inni waan kiyya ragaa baya.


Goshoota tiyya, Ayyaana mara hin amaninaa'a, Haata'uu ammoo ayyaannoni Rabbiin biraa ta'uu isaanii qoradhaa'a. Raadduun sobaa heddu gara adunyaa tanaa waan yaa'aniiraniif.


Ijoollee tiyya, isin Rabbiin woliin jirtan injifataniirtanille'e, ka isin keessa jiru, ka adunyaa keessa jiru waan caaluuf.


Philaaxoosillee eeganaa, «Ati Mootii Yihuudotaatii?» jedheen. Yesuusillee deebisee, «Ani mootii akka ta'e atuu jette. Ani dhugaa ragu'uuf dhaladheera, kanaaf gara adunya'aa dhufeera. Sababaa dhuga'aatiif maruu laagaa kiyya hin dhagaya» jedhe.


Eennullee raaga yookiin nama Ayyaanaa waan ta'e yoo itti fakkaate ka isinii barreesse kun ajaja Goofta'aa akka ta'e haa beeku.


Worra Rabbiin hin beennee fi Oduu Nagayaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiifillee worra hin ajajamne haluu isaan baya.


Inni Ayyaanni dhuga'aa ammoo hennaa dhufe gara dhuga'aa maraa isin geessa. Waan dhagayu mara dubbata malee, ufi irraa waan hin dubbanneef waan dhufullee isinitti hima.


Ka jaalala hin qabne, Rabbiin hin beeku; Rabbi waan jaalala ta'eef.


Ayyaanni ammoo adima bara maayeesa keessa namoonni gari gariin barumsa ayyaana sobdoota uf tuultootaatii fi jinni'ii keennamu caqasa'aa, amantaa ganan jedha; yaanni akkanaa kun worra sammuu isaanii akka waan guba'aan gubameetitti hadoode irraa dhufa.


Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, namni nama ani erge simatu, na simata, ka na simatu ka na erge simata.»


Eegasuu, «Abbaan kee eessa jira?» jedhaniin. Yesuusillee deebisee, «Anallee yookiin Abbaa kiyyallee hin beettan, ana uduu beettanii Abbaa kiyyallee silaa hin beettan» isaaniin jedhe.


«Maruu abbaa kiyya irraa naa kennameera. Ilmillee eennuun akka ta'e abbaa malee ka beeku hin jiru. Abbaan eennu akka ta'e ilmaa fi ka ilmi isaa ibsu'uuf fedhu malee ka beeku hin jiru» jedhe.


Isin ammoo jaalatamtoota tiyya dubbii Gooftaa Yesuus Kiristoosii ka ergamtoonni dursanii dubbattan qaabadhaa'a.


Ka afoo keessan jiru laalaa'a. Eennullee ka Kiristoosii ta'uu ufii yoo hubate, nullee ka isaa ta'uu keenna haa hubatuu. Akkuma inni ka Kiristoosii ta'e, nullee akkasuma ka isaati.


Akkuma barreeffamni woyyuun jedhu, «Kuuwwanillee hadoodaniiran, akkasuma ijji isaanii akka hin argine; gurrii isaaniillee akka hin dhageenne, Rabbi haga adhaatitti hafuura hirribaa isaanii kenne»


Ka ergamaa ta'u'uuf waamame garbicha Yesuus Kiristoosii Phaawuloosiin irraa, Oduu Nagayaa Rabbii ka afaan raattotaatii fi ka kitaaba woyyootaa keessatti firrisee abdii kenneefiif fooyame.


Yesuus ammallee lamata, «Nageenni isiniif haata'u. Akkuma Aabba na erge, Anillee isin erga» isaaniin jedhe.


Ani hoolota Gooruu kana keessaa hin taane, hoolota biraallee hin qaba. Isaanillee ammoo as fidutu na irra jira. Isaan laagaa kiyya hin dhagayan. Tika tokko ta'an, tisseenillee tokko.


«Isin ka gadiiti; ani ammoo ka oliiti, isin worra adunyaa tanaati, ani garuu ka adunyaa kanaatii miti.»


Hoolonnillee laagaa isaa hin dhagayan, innillee hoolota ufii maqaa isaaniitiin waamee, isaan fudhata.


Nu ijoollee Rabbii akka taaneef, adunyaan martuu hunna hamaa san jala akka jirtu hin beenna.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite