Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




1 Ergaa Yohaannis 4:21 - WAADAA LAMMATAA

21 Ka Rabbiin jaalatu, obboleessa ufii akka jaalatu seera akkanaa Rabbiitu nuu kenne.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

21 Kanaaf ajajinni Kristos nuuf kenne, Waaqa ka jaalatu obboleessa isaa'llee, haa jaalatu ka jedhu.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

21 Ka Rabbiin jaalatu, obboleessa ufii akka jaalatu seera akkanaa Rabbitu nuu kenne.

Gade chapit la Kopi




1 Ergaa Yohaannis 4:21
20 Referans Kwoze  

Dhaamsi duraa ta dhageettan ta wol haa jaalannu jettu tana waan taateef,


Waan wol jaalachuu obboleeyyanii isinii barreessuun hin barbaachisu. Wol jaalachuun akka isin barbaachisu isinuu Rabbiin irraa waan barattaniirtaniif.


Waa maraanuu isin martinuu yaadaan tokko ta'aa'a. Rakkoon nama biraa akka waan keessan ta'eetitti laakkayaa'a. Akka obboleewwaniititti wol jaaladhaa'a, gara-laafeyyi'iif kasoo ta'aa'a.


Seeri maruu dubbii tokkon waan raawwatamuuf, innillee, «Goshoo kee akka uf jaalattutti jaaladhu! ka jedhu.


Akkuma ani isin jaaladhe, isinillee akka wol jaalattan ajanyi tiyya tana.


Ajanyi isaallee kana, akka maqaa Ilma isaa Yesuus Kiristoositti amannuuf akka wol jaalannuuf.


Nu worra obboleewwan keenna jaalatu waan taaneef kanaan du'aa gara jireennaa akka ceene beenna. Ka obboleessa ufii jibbu du'a keessa jira.


Jaalalti cubbuu hedduu waan dhossituuf, waa maraa dura jabeessa'aa wol jaaladhaa'a.


Innillee, «Namicha waan mishaa godheef san» jedhee deebise. Yesuusillee, «Atillee deemii, akkasuma godhi» jedheen.


Goshoota tiyya, yoo Rabbi akkanatti nu jaalate, nullee akkasuma wol haa jaalannuu.


Jaalala amantaa Yesuus Kiristoosiin ta'e hujuu malee, gadoomuun yookiin gadoomuu dhabuun waan hin fayyanneef.


Ijoollee tiyya hujji'ii fi dhuga'aan malee dubbiia fi afaan calla'aan akka wol hin jaalanne.


« ‹Hiriyyaa kee jaaladhu, diina keellee jibbi› akka jedhame dhageettaniirtan.


Obboleeyyan tiyya, ka isiniif barreessu ajajuma duraan jiru malee, ajaja haarawwa miti. Ajanyi moofaan dubbii dhageettan san.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite