Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




1 Ergaa Yohaannis 4:1 - WAADAA LAMMATAA

1 Goshoota tiyya, Ayyaana mara hin amaninaa'a, Haata'uu ammoo ayyaannoni Rabbiin biraa ta'uu isaanii qoradhaa'a. Raadduun sobaa heddu gara adunyaa tanaa waan yaa'aniiraniif.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

1 Yaa waaheloota! biyya lafaa irratti nabiyyoonni dharaa baay'een waan ka'aniif hafuura maraa hin amaninaa, kana irra hafuuronni ka Waaqaa ta'uu isaaniitii fi ta'uu dhabuu isaanii qoradhaa.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

1 Goshoota tiyya! Ayyaana mara hin amaninaa'a, Haa ta'uu ammo ayyaannonni Rabbiin biraa ta'uu isaanii qoradhaa'a. Raadduun sobaa heddu gara adunyaa tanaa waan yaa'aniiraniif.

Gade chapit la Kopi




1 Ergaa Yohaannis 4:1
29 Referans Kwoze  

Akkuma raattonni sobaa armaan dura banii jidduu turan, akkasuma ammallee barsiisonni sobaa isin jidduu jiran. Isaan Gooftaa isaan fayyise gananii ariiti'iin badii barumsa sobaa amantoota keessa seensisan.


Ayyaanni ammoo adima bara maayeesa keessa namoonni gari gariin barumsa ayyaana sobdoota uf tuultootaatii fi jinni'ii keennamu caqasa'aa, amantaa ganan jedha; yaanni akkanaa kun worra sammuu isaanii akka waan guba'aan gubameetitti hadoode irraa dhufa.


Dogoggorsitoonni baayi'een gara adunyaa tanaa seenaniiru. Isaanillee worra Yesuus Kiristoos fooniin akka dhalate hin amanne. Inni kun dogoggorsa'aaf ka Kiristoosiin mormu.


Raattonni lama yookiin sadi ta'anii haa dubbatanii, kuuwwan ammoo adda isaanii haa baasanii.


Ijoollee, sa'aatiin tun ta dhumaati, Ka waan Kiristoosii mormu akka dhufu dhageettaniirtan. Ammumaa worri waan Kiristoosii mormu hedduu dhufeera. Kanaaf akka sa'aatii dhumaa ta'e hin beenna.


«Isin wonti qajeellumma'aan hin murteessineef maali'ii?


Innillee akkana jedhe, «Akka hin dogoggorre uf eeggadhaa'a. Hedduun isaanii, ‹Ani Kiristoos, barri dhiyaateera!› jedha'aa maqaa kiyyaan hin dhufan. Isaan faana hin deeminaa'a!


Haata'uu ammoo namoonni hammeeyyiinii fi sobduun worri dogoggoranii dogoggorsan, waan hammeennaatitti jabaata'aa deeman.


Hujii kee, dadhabbii keetii fi obsa kee hin beeka. Akka ati worra hamaa cadhiftee hin dhiifne worra uduu ergamaa hin taane, «Ergamoota» ufiin jedhan qorattee laaltee akka isaan sobduu ta'an akka beette ani hin beeka.


Tokkoo maalalee godhuu'u, tokkoollee raaga dubbachuu, tokkoo ayyaana hamaa adda baasuu, tokkoollee laagaa adda addaa dubbachuu, tokkoo ka laagaa addaatiin dubbatame hiikuun kennamaaf.


Haga ani deemeen maayii, worri baniin garaa hin nyaanne yayyiin gar-jabeeyyiin akka isin keessa seenan, darasootallee duubatti harkisu'uuf waan micciiramaa namoonni qaaqan isin keessatti akka dhalatan ani hin beeka.


Hennaa san eennullee isiniin, ‹Ila laalaa'a! Kiristoos asi jira!› yookiin, ‹Ila laalaa'a! achi jira!› yoo isiniin jedhe hin amaninaa'a.


Kunniin worra Tasoloonqee jiran irraa caalaa worra yaada misha'aa waan ta'aniif, dubbiin kun akkana ta'innaa? jedha'aa guyya guyya'aan kitaaba qorata'aati dubbii Rabbii fedha guutu'uun fudhatan.


Raaga hin tuffatinaa'a, maraa qora'aa, mishaa qabadhaa'a.


Obboleeyyan tiyya, ka isiniif barreessu ajajuma duraan jiru malee, ajaja haarawwa miti. Ajanyi moofaan dubbii dhageettan san.


Jaalalloo kiyya waan mishaa malee hamaa hin fakkaatin. Ka waan mishaa godhu Rabbiin Ka hamaa godhu ammoo Rabbiin hin argine.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite