Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




1 Ergaa Yohaannis 3:9 - WAADAA LAMMATAA

9 Kanaaf hujii daabiloosii diigu'uuf Ilmi Rabbii dhufeera. Namni Rabbiin irraa dhalate maruu cubbuu hin hojjatu. Waan sanyiin Rabbii isa keessa jiruuf, waan Rabbiin irraa dhalateef cubbuu hojjachuu hin danda'u.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

9 Amalli Waaqaa isa keessa waan jiraatuu fi Waaqa irraa'llee waan dhalateef, Ilma Waaqaa ka ta'e cubbuu hin hojjatu, hojjatu'uuf'llee hin danda'u.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

9 Kanaaf hujii daabiloosii diigu'uuf Ilmi Rabbii dhufeera. Namni Rabbiin irraa dhalate maruu cubbuu hin hojjatu. Waan sanyiin Rabbii isa keessa jiruuf, waan Rabbiin irraa dhalateef cubbuu hojjachuu hin danda'u.

Gade chapit la Kopi




1 Ergaa Yohaannis 3:9
18 Referans Kwoze  

Namni Rabbiin irraa dhalate maruu, cubbuu hin hojjatu. Ilmi Rabbii waan isa tissuuf, hammeennillee isa miidhuu akka hin dandeenne hin beenna.


Isin worri lammaffaa dhalattan fiixaa badu irraa miti. Dubbii Rabbii ka bara baraan jiraatuun, fiixaa hin banne irraa dhalattan malee.


Isaanillee Rabbiin irraa dhalatan malee; dhiiga yookiin fedha foonii yookiin fedha dhiiraa irraa hin dhalanne.


Akka inni qajeelaa ta'e yoo beettan, namni qajeellummaa hojjatu maruu akka isarraa dhalate beekaa'a.


Namni Kiristoos jedhee Yesuusitti amanu maruu, Rabbiin irraa dhalate. Ka abbaa ufii jaalatu maruu ka isarraa dhalatellee hin jaalata.


Ka Rabbiin irraa dhalate maruu, adunyaa hin injifata, adunyaallee ka injifatu amantii keenna.


Yesuusillee deebisee, «Dhugama dhuga'aatiin siin jedha, namni lammaffaa deebi'ee yoo dhalate malee, jeennata Rabbii galuu hin danda'u» jedheen.


Foon Ayyaana irratti, Ayyaanillee foon irratti waan hawwuuf; kunniin lamaan waan wol mormaniif, kanaafuu waan jaalattan godhuu hin dandeettan.


Goshoota tiyya, jaalali Rabbiin biraa waan ta'eef, ka nama jaalatu maruu Rabbiin irraa waan dhalateef, Rabbiinillee waan beekuuf wol haa jaalanuu.


Munni mishaan daraaraa badaa daraaruu yookiin munni badaan daraaraa mishaa daraaruu hin danda'u.


Waa hin ta'u; nu worri cubbuu jalaa duune, ammaa achi attamitti cubbuu jala jiraanna ree?


Nu waan arginee fi ka dhageenne himuu dhiisuu hin dandeennu» isaaniin jedhan.


Ka isa keessa jiru maruu cubbuu hin hojjatu. Ka cubbuu hojjatu maruu isa hin arginne hin beekuunille'e.


Jaalalloo kiyya waan mishaa malee hamaa hin fakkaatin. Ka waan mishaa godhu Rabbiin Ka hamaa godhu ammoo Rabbiin hin argine.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite