Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




1 Ergaa Yohaannis 3:6 - WAADAA LAMMATAA

6 Ka isa keessa jiru maruu cubbuu hin hojjatu. Ka cubbuu hojjatu maruu isa hin arginne hin beekuunille'e.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

6 Kanaaf naminni Kristosiin jiraatu marrinuu cubbuu hin hojjatu. Naminni cubbuu hojjatu Kristosiin hin argineen yookiin hin beekinneen.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

6 Ka isa keessa jiru maruu cubbuu hin hojjatu. Ka cubbuu hojjatu maruu isa hin argine hin beekuunille'e.

Gade chapit la Kopi




1 Ergaa Yohaannis 3:6
11 Referans Kwoze  

Jaalalloo kiyya waan mishaa malee hamaa hin fakkaatin. Ka waan mishaa godhu Rabbiin Ka hamaa godhu ammoo Rabbiin hin argine.


Kanaaf hujii daabiloosii diigu'uuf Ilmi Rabbii dhufeera. Namni Rabbiin irraa dhalate maruu cubbuu hin hojjatu. Waan sanyiin Rabbii isa keessa jiruuf, waan Rabbiin irraa dhalateef cubbuu hojjachuu hin danda'u.


«Isa hin beeka» jedha'aa, ajaja isaa ka hin eenne, soba'a; dhugaanillee isaa keessa hin jirtu.


Ka jaalala hin qabne, Rabbiin hin beeku; Rabbi waan jaalala ta'eef.


Goshoota tiyya, amma nu'u ijoollee Rabbiiti uf afoo maal akka taanu hin beekkamne. Haata'uu ammoo hennaa inni deebi'ee dhufu akkuma jiruun akka isa fakkaannu hin beenna.


Namni Rabbiin irraa dhalate maruu, cubbuu hin hojjatu. Ilmi Rabbii waan isa tissuuf, hammeennillee isa miidhuu akka hin dandeenne hin beenna.


Kiristoosiin afo'otti ulfinni beekkomsa Rabbii ifa akka kennu; garaa keenna keessatti ifni ifuun; dukkana keessatti ka ifiti haa ifu jedhe Rabbiin waan ta'eef.


Ammallee ijoolle, akka hennaa inni dhufe amantaa nuu ta'u akka hennaa dhufa isaa isa afo'otti hin saalfanne isa keessa jiraadhaa'a.


Kanaafuu nu martii keenna ulfinna Goofta'aa ka golga'aan hin golgamne afoo Goofta'aatitti akka uf arga'aa calalaqu'uun Gooftaa Ayyaana ta'e fakkaanna. Bifa ulfinna Goofta'aatiin ta'u'uu san fakkaannee ulfinnaa gara ulfinnaa jijjiiramna.


Nu yoo ajaja isaa eenne, akka isa beenne beenna.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite