Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




1 Ergaa Yohaannis 3:5 - WAADAA LAMMATAA

5 Inni cubbuu baleessu'uuf akka dhufe hin beettan. Isa keessa cubbuun hin jiru.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

5 Kristos cubbuu namootaa dhabamisiisu'uuf akka mulidhatee fi inni'llee cubbuu akka hin qabnne, ni beekittan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

5 Inni cubbuu balleessu'uuf akka dhufe hin beettan. Isa keessa cubbuun hin jiru.

Gade chapit la Kopi




1 Ergaa Yohaannis 3:5
33 Referans Kwoze  

Nu isa keessa taaneeti Rabbiif qajeelaa akka taanu; Kiristoosii cubbuu hin qabne akka cubbuu keenna maraa baatu cubbamaa taasiseen.


akkasuma Kiristoosillee ammoo cubbuu namoota hedduu baadhatu'uuf hennaa tokko haga ciincaa ta'een maayii, isaan fayyisu'uuf worra cubbuu malee isa eeggataniif lammaffaa deebi'ee isaanitti mudhata.


Kiristoos akkasuma gara Rabbii nu dhiyeessu'uuf jedhe, inni qajeela'a; haata'uu ammoo nu worra qajeellummaa hin qabneef sababa cubbuu keennaatiif du'eera. Ayyaanaan ammoo jiraataa ta'e.


Cubbuu irraa duunee, qajeellumma'aaf akka jiraannu, Kiristoos cubbuu keenna nafa ufiitiin fannoo irratti baadhate. Isin tumama madaa isaatiin fayyitaniirtan.


Uduu akkana ta'ee, uumama adunya'aatii jalqabee hennaa hedduu silaa rakkinni Kiristoosiin irra gaya; amma ammoo dhuma adunya'aa irratti uf ciincaa godhu'uun cubbuu diigu'uuf hennaa tokko mudhateera.


Bariisaa san Yohaannis uduu Yesuus gara isaa dhufu argee akkana jedhe; «Kunoo! Hoolaan Rabbii ka cubbuu adunyaa irraa balleessu kana.


Haata'uu ammoo akkuma inni ifa keessa jiru, nullee ifa keessa yoo jiraanne, nu martinuu isa woliin tokkummaa qabna. Dhiinni Ilma isaa Yesuus Kiristoosii cubbuu keenna maraa irraa nu qulqullessa.


Jireenni mudhate nulle argineerra hin rannalle'e, jireenna bara baraa ka Aabbaan bira ture, ka nuttillee mudhate isinitti himna.


Qorichi keenna hammeenna maraa jalaa akka nu furu waan misha'aa fi qajeelaa godhu'uuf banii isaaf ta'u ufiif qulqulleessu'uuf lubbuu ufii nuu kenneera.


Inni sirimaa cubbuu hin hojjanne, sobnillee afaan isaa keessa hin jiru.


Inni ka ulfinna isaa calanqisiisuu fi fakkeenna amala isaa ta'ee maraa baallii dubbii ufiitiin irkisa'aa, cubbuu keenna haga qulqulleesseen maayessa sami'itti mirgaa Rabbii ulfinna qabeessaa taa'e.


«Cubbamtoota fayyisu'uuf Yesuus Kiristoos gara biyya lafaa dhufe» dubbiin jedhu amanama'aa fi ka martinuu fudhatuu barbaachisu. Cubbamtoota keessaa ijoon ana.


Isiin Ilma dhiiraa deetti; Innillee banii cubbuu irraa hin fayyisa maqaa isaallee Yesuus jettee waamta» jedheen.


Ijoollee tiyya, wonti kana isinii barreessuuf akka cubbuu hin hojjanneef, eennullee yoo cubbuu huje, Aabbaan biraa wobii qabna. Innillee Yesuus Kiristoosii qajeela'a.


Inni uduu biyyi lafaatuu hin uumaminiin dura beekkame. Haata'uu ammoo akka amantaan keessaniif abdiin keessan Rabbiin irra ta'u worra du'an keessaa isa kaasee ulfinna isaa kennetti waan amantaniif bara dhumaa irratti isinitti mudhate.


Cubbu'uun achitti waa maraanuu akkuma keenna qorame; gadicha hayyicha dadhabbii keennatti garaa nuu hin laafne hin qabnu.


Woyyu'uuf ka dhara hin qabne, ka mudaa hin qabne ka cubbamtoota irraa fooyamee fi ka samii irratti kabajjame hayyichi gadichi akkanaa kun nu barbaachisa.


Dhossaan Rabbiin fakkachu'uu mamii malee gudda'a; «Ka Fooniin mudhate, Ka Ayyaanaan qajeelaa ta'e, Ka Ergamtootatti mudhate, ka banii Yihuudii hin taanee lallabame, Ka biyya lafaa keessatti amaname, Ka ulfinnaan ol baye.»


Ammaa achi isin woliin waan heddu hin qaaqu, bulchaan adunyaa tanaa waan dhufuuf, inni na irraa waan tokko hin qabu.


Isin keessaa waan cubbu'uutiif ka na himatu eennu? Yoo ka dhugaa dubadhu ta'e, isin maaf na hin amanne?


Anillee isa hin beeku, Sababaan ani bisaaniin cuupha'aa dhufeef ammoo, akka inni saba Isiraa'eliititti mudhatuuf.


Ajajaan loltuu dhibbaa waan ta'e san hennaa arge, «Namni kun dhugamaan qajeela'a» jedhee Rabbiin kabajje.


Nu waan gooneef murtii keenna hin arganna, murtiin nurratti murtaaye murtii dhuga'aati. Inni ammoo dhara woyiituu hin hojjanne jedhee isa teedeefate.


Jireenna duwwaa abboota keessan irraa dhaaltaniif waan lufu birrii yookiin worqi'iin uduu hin taane, dhiiga Kiristoosii ka gatii gudda'aa ka akka dhiiga korbeessa muda'aa fi xurii hin qabneen akka furamtan hin beettan.


Inni woreega gumaa cubbuu keennaati. Kunillee nuu calla'aaf uduu hin ta'in cubbuu biyya lafaa maraaf.


Akka inni qajeelaa ta'e yoo beettan, namni qajeellummaa hojjatu maruu akka isarraa dhalate beekaa'a.


Daabiloos duruma irraa jalqabee cubbuu waan hujuuf, namni cubbuu hojjatu martuu ka daabiloosiiti.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite