Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




1 Ergaa Yohaannis 3:3 - WAADAA LAMMATAA

3 Namni Kiristoosiin abdii kana qabu maruu akkuma inni woyyuu ta'e uf woyyoomsa.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

3 Kun akka ta'uu Kristosiin abddii ka taasfatu marrinuu Kristos qulqullaawomaa akka ta'e, inni'llee mataa ufii qulqullaawomaa ni taasisa.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

3 Namni Kiristoosiin abdii kana qabu maruu akkuma inni woyyuu ta'e uf woyyoomsa.

Gade chapit la Kopi




1 Ergaa Yohaannis 3:3
21 Referans Kwoze  

Eeganaa jaalatamtoota kiyya dubbii abdi'ii kana yoo qabaanne, sodaa Rabbiitiin woyyummaa guutuu godhu'uun waan nafa kennaaf ayyaana keenna batteessu maraa irraa uf haa qulqulleessinuu. Isin garaa keessan nuu badhisaa'a.


Ka, «Isa keessa jiraadha» jedhu, akka inni jiraatutti haa jiraatuu.


Kanaafuu jaalatamtoota tiyya, waan kana eeggata'aa fafaa fi mudaa malee nagayaan Rabbiin woliin akka jiraattan jabaadha'aa cimaa'a.


Abbaan keessan ka sami'ii akkuma guutuu ta'e, isinillee guutuu ta'aa'a.»


Namoota maraa woliin nagayaan jiraadhaa'a Woyyoomuu barbaadaa'a. Isaan malee ka Gooftaa arguu danda'u waan hin jirreef.


Woyyu'uuf ka dhara hin qabne, ka mudaa hin qabne ka cubbamtoota irraa fooyamee fi ka samii irratti kabajjame hayyichi gadichi akkanaa kun nu barbaachisa.


Qalbii isaaniillee amanta'aan hennaa qulqulleessu nuuf isaan wol hin caalchifne.


Waan hawwii badumma'aa badii adunyaa tanaa jalaa baatanii, amala Rabbii worra qoodamu dubbii abdi'ii keessa akka taatan, abdii gudda'aa fi kabajjamaa kanniin nuu kenne.


Akkuma abbaan keessan garaa laafu, isinillee garalaafeyyii ta'aa'a.


Guyyaa murti'ii akka ugginuuf jaalalti isaa nu keessa guutteerti. Akkuma inni adunyaa keessa jiraate nullee akkasuma adunyaa keessa jira.


Rabbi akka kanaan waan lamaan hin jijjiiramneef ka soba hin qabneen abdi'ii fi kakuu nuu galeera. Kana lamaaniin abdii nu afoo jiru jabeessinee qabatuu akka dandeennu, nu worri gara isaa dheessine jajjabeenna guddaa arganna.


Gooftaan keenna Yesuus Kiristoosii fi Rabbiin Abbaan keenna ka nu jaalate badhaadha, jajjabaachuu bara baraatiif, ka abdii mishaa nuu kenne, onnee keessan haa jajjabeessan. Hujii misha'aa fi dubbii maraan isin haa dhaaban.


Akkasuma Isaayyaasillee, «Ka fiixaa Isseyii keessaa dhalatu hin dhufa; inni worra Yihuudii hin taane bulchu'uuf hin ka'a, worri Yihuudii hin taane abdii godhatan» jedha.


Isaannillee akkasuma dhuga'aan worra woyyooman akka ta'an ani waan isaaniitiif uf woyyoomsa.


Gara Rabbii dhiyaadhaa'a, innillee gara keessan dhiyaataa. Isin cubbamoota harka keessan qulqulleessaa'a. Isinillee worri yaada lama qabdan garaa keessan qulqulleessaa'a


Du'oota keessaa ka'uu Yesuus Kiristoosiitiin abdii jiraata'aa fi hin baanne ka ristii hin darbine xurii hin qabneef akka guddinna dhiifamsa isaatiin Rabbi lammaffaa nu uumate Abbaan Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii haa eebbifamu. Ristiin kunillee isin worra bara dhumaa worra fayyinna hunna amantaa Rabbii eeggattaniif samii isinii taa'a.


Haata'uu ammoo, «Akkuma inni Woyyuu ta'e, isinillee woyyoota ta'aa'a» jedhamee waan barreeffameef akkuma ka isin waame woyyuu ta'e, isiniilee akkasuma jireenna keessan maraanuu woyyuu ta'aa'a.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite