Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




1 Ergaa Yohaannis 3:12 - WAADAA LAMMATAA

12 Ta akka hammeennaan Qaayel obboleessa ufii ajjeeseetii miti. Maaf ajjeese? waan hujiin isaa hamaa ta'eef, ka obboleessa isaa ammoo waan qajeelaa ta'eef.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

12 Gara gosa sheexanaatii ka tureetii fi obboleessa isaa akka ka ajjeesee akka Qaayelii ta'uu nu irraa hin malu, inni obboleessa isaa waayee maali'iitiif ajjeesseen? Hujiin isaa hamaa waan turee fi hujiin obboleessaa isaa garuu sirrii waan tureef.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

12 Ta akka hammeennaan Qaa'el obboleessa ufii ajjeeseetii miti. Maaf ajjeese? waan hujiin isaa hamaa ta'eef; ka obboleessa isaa ammo waan qajeelaa ta'eef.

Gade chapit la Kopi




1 Ergaa Yohaannis 3:12
31 Referans Kwoze  

Abeel ciincaa ciincaa Qaa'elii caalu amanta'aan Rabbii dhiyeesse, akka kanaan Rabbi ciincaa Abeelii gammachu'uun hennaa fudhate, Abeel amanta'aan qajeelaa akka ta'e ragameef. Haga du'eellee ciincaan isaa haga ammaa dubbata.


Waan karaa Qaayiniitiin deemanii waanuma inni godhe waan godhaniif, waan minda'aatiif jedhanii dogoggora Bala'aamii keessa seenanii akka finqila qore'eetiin waan badaniif isaan Aanne'e!


Kana jechuun, dhiiga Abeelii irraa jalqabee haga dhiiga Zakkaariyaasii ka hulee ciinca'aatii fi mana woyyuu wodhakka'atti ajjeefame saniifillee hin gaafataman. Ee Ani isiniin jedha, dhaloonni kun maruu hin gaafatama.


Dhiiga Aabeelii nama qajeela'aa irraa jalqabee haga dhiiga Zakkaariyaasii ilma Baraakiyuu isa isin mana woyyu'uu mi'a kenna'aa irratti ajjeeftan, dhiiga qajeellotaa ka lafatti jige maraafuu hin gaafatamtan.


Isaanillee waan isin isaan woliin hujii hamaa san hin hujjanneef isin maalalanii isin arrabsan.


gara Yesuusii jiddu galeessa waadaa haarawaa, gara dhiiga facaafamuu ka dhiiga Abeelii caalaa dubbatuu danda'uu bira geettaniirtan.


Daabiloos duruma irraa jalqabee cubbuu waan hujuuf, namni cubbuu hojjatu martuu ka daabiloosiiti.


Raattota keessaa namni abbootiin keessan itti ka'anii hin ariine eennu? worra dhufa woyyichaa firrisanii dubbatan ajjeesaniiru. Worri karaa Maleekkotaatiin seera fudhatanii fayyadamuu hin eenne. Isinillee amma dabarsitanii isa kennitan hin ajjeeftaniinillee.»


Yesuus, «Abbaa kiyya irraa hujii mishaa heddu isinitti mudhiseera; isaan kana keessaa waan hujii kamiitiif dhaga'aan na dhayu'uuf taatanii?» isaaniin jedhe.


Bulchaan wonti inni godhe, balleessaan isaa maali'i? jedhe. Isaan ammoo haa fannifamuu jedha'aa iyya'aa guddisanii wocan.


Maasaan biyya lafaa ti; sanyiin mishaan ijoollee jeennataa ti.


Namni dubbii jeennataa dhagayee yoo hubatuu baate, akka sanyii karaa keessatti facaafamtee ti. Hamtichi dhufee dubbii garaa isaa keessaa san facaafame keessaa guurata.


Intalti dhiiga woyyootaatii fi dhiiga worra Kiristoosiin ragaa bayaniin machoofte arge; hennaa isii arge guddisee maalalfadhe.


Isin obboleeyyan tiyya, worra Yihuudaa jiraatan ka Kiristoos Yesuusitti amananii Woldaa Rabbii worra fakkaatan taataniirtan; worra Yihuudotaa irraa akkuma rakkinni isaan irra gaye; isinillee akkasuma rakkinni akkasii sun namoota biyya keessanii irraa isin irra gayeera.


Haata'uu ammoo dubbiin keessan dhugaa yoo ta'e ‹Ee› soba yoo ta'e ‹Wa'a› jedhaa'a; wonti kanarra caale hammeenna irraa dhufa» jedhe.


Haata'uu ammoo amma Ana nama dhuga'aa Rabbiin irraa dhagayee isinitti himu ajjeesuu barbaaddan. Abrahaam ammoo waan akkanaa hin goone.


Isin hujii Abbaa keessanii hojjattan» isaaniin jedhe. «Nu ammoo ta seebartu irraa hin dhalanne, Abbaa tokko qabna; Innillee Rabbi» jedhaniin.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite