Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




1 Ergaa Yohaannis 3:10 - WAADAA LAMMATAA

10 Ijoolleen Rabbiitii fi ijoolleen daabiloosii kanaan gargar bayan. Namni qajeellummaa hin hunyeef ka obboleessa ufii hin jaalanne maruu ka Rabbiitii miti.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

10 Ijoolleen Waaqaatii fi ijoolleen sheexanaa addaan bayanii ka beekkaman kanaan, qulqullaawoma ka hin raawwannee fi obboleessa isaa ka hin jaalanne marrinuu, Ilma Waaqaatii miti.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

10 Ijoolleen Rabbiitii fi ijoolleen daabiloosii kanaan gargar bayan. Namni qajeellummaa hin hunyee fi ka obboleessa ufii hin jaalanne maruu ka Rabbiitii miti.

Gade chapit la Kopi




1 Ergaa Yohaannis 3:10
26 Referans Kwoze  

Ka jaalala hin qabne, Rabbiin hin beeku; Rabbi waan jaalala ta'eef.


Jaalalloo kiyya waan mishaa malee hamaa hin fakkaatin. Ka waan mishaa godhu Rabbiin Ka hamaa godhu ammoo Rabbiin hin argine.


Ka Rabbiin jaalatu, obboleessa ufii akka jaalatu seera akkanaa Rabbiitu nuu kenne.


Isin ka daabiloosii abbaa keessaniiti. Hawwii abbaa keessanii hojjatuu feetan inni jalqabumaa kaasee lubbuu balleessa. Dhugaan waan isa bira hin jirreef dhuga'aan hin dhaabbanne, soballee yoo dubbatu ufuma irraa dubbata. Sobaa abbaa sobaa waan ta'eef.


Maasaan biyya lafaa ti; sanyiin mishaan ijoollee jeennataa ti.


Ka Rabbiin irraa ta'e, dubbii Rabbii dhagaya; isin worra Rabbii waan hin taaneef, hin dhageettan.»


Isin garuu diinota keessan jaaladhaa'a; waan mishaa isaanii godhaa'a, womaa uduu abdii hin goone liqeessaa'a; yoo san gatiin keessan guddaa ta'a. Ijoollee Rabbii taatan. Inni worra isa hin galateeffanneef, worra hamootaafuu arjaa waan ta'eef.


Nu ka Rabbiiti, ka Rabbiin beeku, nu dhagaya, namni nama Rabbii hin taane nu hin dhagayu, Ayyaana dhuga'aatii fi Ayyaana sobaa kanaan adda baafanna.


Eeganaa akka ijoollee jaalatamaniititti Rabbiin faanaa deemaa'a.


Rabbiin yoo jaalanne, ajaja isaa yoo raawwanne, ijoollee Rabbiillee akka jaalannu kanaan beenna.


Akka inni qajeelaa ta'e yoo beettan, namni qajeellummaa hojjatu maruu akka isarraa dhalate beekaa'a.


«Ati ka dhartinii fi hammeenni marti si keessa guute; ilma daabiloosii! Diina dhuga'aa! Karaa Goofta'aa micciiruu hin dhiiftuu?


Nu ijoollee Rabbii akka taaneef, adunyaan martuu hunna hamaa san jala akka jirtu hin beenna.


Worra isa simatan maraafuu ammoo maqaa isaatitti waan amananiif isaan ijoollee Rabbii akka ta'an baallii isaanii kenne.


Banii calla'aafii miti, haata'uu ammoo ijoollee Rabbii ta tamsaatellee akka wolitti qabuuf malee.


Gatiin isin wol irraa qabdan, wol jaalachuu haata'uu; namni nama kaan jaalatu seera raawwateera.


Kanniin maraa irratti jaalala waa maraa wolitti qabu uffadhaa'a.


Raawwiin ajajaa ammoo, jaalala garaa qulqulluu keessaa, sammuu misha'aa fi amantaa uftuuluu hin qabne keessaa ka ol bayu.


Ijoollee Rabii jedhamnnee akka waamamnu, Aabba jaalala guddaa attamiitiin akka nu jaalate laalaa'a, kanaaf nullee ijoollee isaati. Adunyaan isa waan hin beenneef nu hin beettu.


Goshoota tiyya, amma nu'u ijoollee Rabbiiti uf afoo maal akka taanu hin beekkamne. Haata'uu ammoo hennaa inni deebi'ee dhufu akkuma jiruun akka isa fakkaannu hin beenna.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite