Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




1 Ergaa Yohaannis 2:16 - WAADAA LAMMATAA

16 Wonti adunyaa keessa jiru maruu: dharraa foonii, waan ija namaatitti bareedu, hori'iin boonuun waan adunya'aati malee, ka Aabba'aatii miti. Eennullee adunyaa tana yoo jaalate, jaalalti Rabbii isa keessa hin jiru.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

16 Biyya lafaa keessa ka jiru marrinuu hawwii foonii, kajeellaa ijaa, ufi dhaaduu jireennaa marrinuu biyya lafaa irraayyi malee, Waaqa Abbaa biraayyii miti.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

16 Wonti adunyaa keessa jiru maruu: dharraa foonii, waan ija namaatitti bareedu, hori'iin boonuun waan adunya'aati malee ka Aabba'aatii miti. Eennullee yoo adunyaa tana jaalate, jaalalti Rabbii isa keessa hin jirtu.

Gade chapit la Kopi




1 Ergaa Yohaannis 2:16
34 Referans Kwoze  

Haata'uu ammoo Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin uffadhaa'a; akka fedha ufii hin raawwanne, fooniif hin yaadinaa'a.


Foon Ayyaana irratti, Ayyaanillee foon irratti waan hawwuuf; kunniin lamaan waan wol mormaniif, kanaafuu waan jaalattan godhuu hin dandeettan.


Ijoollee tanniin jiddu'utti, nu marti keenna akkasuma fedha foonii ka qalbii keennaa hojjata'aa, asiin dura dharraa foon keennaatiin jiraata'aa turre. Akkasuma akkuma kaawwanii, uumamuma keennaan ijoollee dheekkamsaa turre.


Ogummaan akkasii sun ka lafaati, ka fooniiti, ka seexanaati malee ka samii irraa dhufuu miti.


Goshoota tiyya, biyya lafaa ta akka ormaatii fi keessumma'aa taatanii irra jiraattan keessatti hawwii foonii ta lubbuu teessaniin wol lolu irraa akka fagaattan isin kadhadha.


Badhaani kunillee cubbu'uun jiraachu'uu fi hawwii biyya lafaa waakkanne.


Isaan dubbii gara hin qabneef dubbii fedha foonii waan odeessaniif worra jireenna dogoggoraa keessa turanii reefuu baqatanii dhufan siiboo sobaa uf keessa galfatan.


Akka fedha ijoollee hin ajajamnee, jireenna dura wollaalaan keessa jiraattan san hin hordofinaa'a.


Nullee akkasuma duraan worra waa hin hubanne, ka hin ajajamne, worra dogoggoru, haawwi'ii fi gammachuu foonii ka adda addaatiif garbicha taanee, hammeennaa fi hinaaffa'aan worra jiraatu, worra wol-loluu fi worra wol jibbu turre.


Ani ammoo akkana isiniin jedha, namni ija hawwi'iitiin dubartii laale, garaa ufii keessatti isii woliin seebareera.


Daabiloosillee gara gaara tokkoo ol isa baasee haga limsuu ijaatitti mootota adunyaa tanaa maraa itti mudhise.


Worri ka Yesuus Kiristoosii ta'an, hawwii hamaa foon isaanii woliin fannisaniiran.


Ammallee daabiloos gara gaara dheeraa tokko gubba'atti ol isa baasee, Mootoolee biyya lafaatii fi ulfinna isaanillee itti mudhiseeti,


Isaan kunninillee waan hamaa akkuma dharra'an, nullee akkasuma akka hin dharraane, Kun fakkeenna nuu ta'e.


Amma ammoo isin boontanii uf jajjan. Uf jajuun akkasii martinuu hama'a.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite