Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




1 Ergaa Yohaannis 2:1 - WAADAA LAMMATAA

1 Ijoollee tiyya, wonti kana isinii barreessuuf akka cubbuu hin hojjanneef, eennullee yoo cubbuu huje, Aabbaan biraa wobii qabna. Innillee Yesuus Kiristoosii qajeela'a.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

1 Yaa ilma kiyya! Kana ka isiniif barreessu, cubbuu akka hin hojjanneef jedheeti. Garuu naminni kamiyyuu cubbuu yoo hojjate, Waaqa Abbaa biratti abukaatoo ni qabnna, Inni'llee Yesus Kristosii qulqullaawomicha.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

1 Ijoollee tiyya! wonti kana isinii barreessuuf akka cubbuu hin hojjanneef; eennullee yoo cubbuu huje, Aabbaan biraa wobii qabna. Innillee Yesuus Kiristoosii qajeela'a.

Gade chapit la Kopi




1 Ergaa Yohaannis 2:1
47 Referans Kwoze  

Rabbi tokkicha, ka jidduu ta'ee Rabbii fi nama wolitti araarsullee tokkicha; Innillee Yesuus Kiristoosii nama ta'e.


Ka itti murteessu eennu? Ka du'e, caala'aatti ka worra du'an keessaa ka'ee ka mirgaa Rabbii jiru akkasuma waan keenna ka nuu kadhatu Yesuus Kiristoos.


Yesuusillee, «Ani kara'a, dhuga'aa fi jireenna. Anaan malee ka gara Aabbaa dhufu hin jiru.


Nu isa keessa taaneeti Rabbiif qajeelaa akka taanu; Kiristoosii cubbuu hin qabne akka cubbuu keenna maraa baatu cubbamaa taasiseen.


Ijoollee tiyya, isin Rabbiin woliin jirtan injifataniirtanille'e, ka isin keessa jiru, ka adunyaa keessa jiru waan caaluuf.


Ijoollee tiyya hujji'ii fi dhuga'aan malee dubbiia fi afaan calla'aan akka wol hin jaalanne.


Ijoollee tiyya ennullee akka isin hin dogogorsine akkuma inni qajeelaa ta'e, ka qajeellummaa hojjatu maruu qajeela'a.


Isiinillee, «Gooftaa'a, eennullee hin jiru» jette. Yesuusillee, «Anillee sitti hin murteessu. Deemi; ammaa achi cubbuu hin hojjatin» jedheen.


Kiristoos gara mana woyyuu ta harka namaatiin hojjatamte woyyittii fakkeenna dhuga'aa ta taatetti waan hin seenneef; haata'uu ammoo inni amma Rabbiin afo'otti waan keennaaf mudhatu'uuf gara sami'ii isii keessa seene.


Inni cubbuu baleessu'uuf akka dhufe hin beettan. Isa keessa cubbuun hin jiru.


Hujii isaatiin nu maruu Ayyaana tokkoon gara Aabbaa galuu hin dandeenna.


Nyaata baduuf hin hojjatinaa'a. Haata'uu ammoo nyaata jireenna bara baraa ka Ilmi Namaa isinii kennuuf hujaa'a, isa san Rabbi Aabbaan chaapaa ufii waan irra kaayeef.»


Kiristoos akkasuma gara Rabbii nu dhiyeessu'uuf jedhe, inni qajeela'a; haata'uu ammoo nu worra qajeellummaa hin qabneef sababa cubbuu keennaatiif du'eera. Ayyaanaan ammoo jiraataa ta'e.


Lolaa'a, garuu cubbuu hin hojjatinaa'a.


Ijoollee tiyya! Haga bifti Kiristoosii isin keessatti mudhatutti, ammallee waan keessaniif akka dubartii deettuutitti ciniinsifadha.


Ani ammoo ragaa ragaa Yohaannisii caalu qaba. Aabba akka raawwaadhuuf hujjii naa kenne. Hujjiin hojjata'aaru kun, Aabba akka na erge waan kiyya waan raguuf.


«Maruu abbaa kiyya irraa naa kennameera. Ilmillee eennuun akka ta'e abbaa malee ka beeku hin jiru. Abbaan eennu akka ta'e ilmaa fi ka ilmi isaa ibsu'uuf fedhu malee ka beeku hin jiru» jedhe.


Inni sirimaa cubbuu hin hojjanne, sobnillee afaan isaa keessa hin jiru.


Qajeellumma'aan damaqaa'a. Cubbuullee hin hujinaa'a; worri Rabbiin hin beenne waan jiraaniif, isin saalfachiisu'uuf kana jedha.


Achiin maayii Yesuus mana woyyuu keessatti isa argeenii, «Kunoo fayyiteerta; wonti kana caalu akka sirra hin geenne, ammaa achi cubbuu hin hojjatin» jedheen.


Kaddaamuun qulqulluu ta'e, Rabbii Abbaa biratti ka mudaa hin qabne kana. Ijoollee abbaa haadha hin qabnee fi dubartoota abbaan manaa irraa du'e gargaara'aa hamaa biyya lafaa irraa uf eeggachu'u.


Ijoollee tiyya, Waaqoollee tolfamaa irraa uf eegaa'a!


Isumaan Aabba'aa fi Gooftaallee eebbifna. Isumaan namoota fakkeenna Rabbiitiin uumamanillee abaarra.


Eegasuu maal haata'u? Nu badhaadhummaa Rabbiitii gadi malee, seeraa gadi waan hin taaneef, cubbuu haa hojjannuu? Wa'a!


Ijoollee tiyya amma hennaa diqqoo isin woliin taa'a isin na soxxan, ‹Hulee ani dhaqu dhaquu hin dandeettan› jedhee Yihuudotatti akkuma hime isinttillee hima.


Daddafee gara kee akka dhufu abdata'aa, kana sii barreessa.


Yesuusillee, «Ijoollee tiyya! Waan nyaatan qabduu?» isaaniin jedhe. Isaan, «Hin qabnu» jedhanii deebisaniif.


Ani Aabbaan hin kadhadha, Innillee baraa haga bara baraa ka isin woliin jiraatu ka isin jajjabeessu ka biraa isinii kenna. Innillee ka adunyaan hin arginee fi hin beenne waan ta'eef, ayyaana dhuga'aa ka isaan amanuu hin dandeenne. Haata'uu ammo isin bira waan jiraatuuf isin keessaallee waan jiraatuuf isin hin beettaniin.


Raattota keessaa namni abbootiin keessan itti ka'anii hin ariine eennu? worra dhufa woyyichaa firrisanii dubbatan ajjeesaniiru. Worri karaa Maleekkotaatiin seera fudhatanii fayyadamuu hin eenne. Isinillee amma dabarsitanii isa kennitan hin ajjeeftaniinillee.»


Nu uduu diintota Rabbii taaneerru, du'a Ilma ufiitiin Rabbiin wolitti yoo araaramne, caala'atti ammo haga araaramneen maayii jireenna isaatiin hin fayyina.


Hammeenni maruu cubbu'u; cubbuun gara du'aa nama hin geessine hin jira.


Wonti akka ijoolleen tiyya dhuga'atti jiraachuu isaanii dhagayu'uu na gammachiisu waan hin jirreef.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite