Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




1 Ergaa Yohaannis 1:5 - WAADAA LAMMATAA

5 Wonti isa irraa dhagenne dhaamsi isinittillee himnu, «Rabbi ifa; dukkanti sirimaa isa bira hin jirtu» ka jedhu.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

5 Ka isa irraa dhageennee fi ergaan isinitti himnnu'llee, «Waaqinni ifa, dukkanitti'llee isa bira gonkumaa hin jiru» ka jedhu.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

5 Wonti isa irraa dhageenne dhaamsi isinittillee himnu, «Rabbi ifa; dukkanti sirimaa isa bira hin jirtu» ka jedhu.

Gade chapit la Kopi




1 Ergaa Yohaannis 1:5
19 Referans Kwoze  

Ammallee Yesuus, «Ani ifa adunya'aati, ka na faana deeme, ifa jireennaatitu ta'aaf malee, dukkana keessa hin jiraatu» jedhee isaanitti dubbate.


Kennaan mishaan, eebbii guutuun maruu olii dhufa. Kennaan mishaan, kennaan mudaa hin qabne cuftinuu abbaa ifaa akka gaaddidduu hin jijjiiramne san biraa gubba'aa gad-bu'a.


Ifni dhuga'aa ka nama maraafuu ifu gara adunyaa tanaa dhufa'aa ture.


Isa keessa jireennatu jira, jireenni sunillee ifa namaati.


Ani adunyaa tana irra haga jiru, ifa adunya'aati»


Amma achi hin halkanaawu. Waandhi Gooftaan waan isaanii ibsuuf ifaa fi ifti adu'uullee isaan hin barbaachisu; baraa haga bara baraa hin mooyan.


Qachatti sanii waan ulfinni Rabbii isi'ii ifuuf ibsoon isi'ii hoolaa waan ta'eef, ifni adu'uutii fi addeessaa isii hin barbaachisu.


Ka hin duune isa calla'a. Ifa ennullee itti dhiyaatuu hin dandeenne keessa jiraata. Namni tokkollee isa hin argine. Isa arguullee hin danda'u. Ulfinninii fi hunni bara baraan isaaf haata'uu Amiin!


Dhaamsi duraa ta dhageettan ta wol haa jaalannu jettu tana waan taateef,


Waan Isinitti dabarsee keenne ani Gooftaa irraa fudhadheera. Galgala gaafa Gooftaan Yesuus dabarfamee kenname xoroshoo kaasee galateeffatee cabsee,


Yihuudonnillee ati eennuu? Jedhanii gaafachu'uuf Yeruusaalemii gadootaa fi Leewwota hennaa itti ergan ragaan Yohaannisii kana.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite