Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




1 Ergaa Phexiros 4:7 - WAADAA LAMMATAA

7 Haata'uu ammoo dhumti waa maraatuu dhiyaateera. Kanaafuu akka nama sammuu qabuutitti yaadaa'a. Akka Rabbiin kadhatuu dandeettan hagatti jiraadhaa'a, uf qabaa'a.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

7 Eegaa muummeen waan maraa dhiyaatee jira, jabaatiinssaan dhaabattanii kadhachuu akka dandeettaniif sammuu tasgabbaaye qabaadhaa, hagatti'llee jiraadhaa.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

7 Haa ta'uu ammo dhumti waa maraatuu dhiyaateera. Kanaafuu akka nama sammuu qabuutitti yaadaa'a. Akka Rabbiin kadhatuu dandeettan hagatti jiraadhaa'a; uf qabaa'a.

Gade chapit la Kopi




1 Ergaa Phexiros 4:7
34 Referans Kwoze  

Kanaafuu waan gootan marattuu qalbii teessan qopheessaa'a; worra uf qabdan ta'aa'a; hagatti jiraadhaa'a. Badhaadha Gooftaan Yesuus hennaa mudhatu isinii kennu san abdii godhadhaa'a.


Diinni keessan daabiloos akka Leenca waan nyaatu soqa'aa asii achi naannaya'aa aaduu waan ta'eef, hagatti jiraadhaa'a, dammaqaa'a.


Ati ammoo waa maraa uf eega'aa raawwadhu, rakkinna obsi, hujii kee lallaba Oduu Nagayaa godhadhu. Hujii kee raawwadhu.


Haata'uu ammoo, «Akka malee nyaataa fi machi'iin yookiin jireenna lafa tanaatiif yaada'aa akka hin dadhabne, guyyaan sunillee dimmaa akka isinitti hin dhufne uf eeggadhaa'a!


Akkuma kaawwan biratti baratame, wolgeettii keennallee akka hin dhiifne, woliin haa mari'annuu malee, guyyaa dhufa Goofta'aa qaabata'aa ta qaraa caalaa kana godhaa'a.


Galata woliin faate'een dammaqa'aa jabaadha'aa Rabbiin kadhadhaa'a.


Badhaani kunillee cubbu'uun jiraachu'uu fi hawwii biyya lafaa waakkanne.


Abdi'iin gammadaa'a; rakkinna keessatti obsaa'a; faateffachu'uun jabaadhaa'a.


Gara-laafinni keessan nama maraa biratti haa beekkamuu. Gooftaan dhiyo'o.


«Maaf raftan? ataabe'etti akka hin galle ka'aatii dammaqaa faateffadhaa'a!» isaaniin jedhe.


«Ani akka hattu'uu ta'ee dhufa! akka qullaa hin deemne saala isaallee akka hin argine, ka dammaqee uffata ufii eegu ka eebbifame!»


Akkasuma isinillee Abboonni manaa! Uumama dadhabaa waan ta'aaniif haadha manaa teessanii beeka'aafii woliin jiraadhaa'a. Faateen keessan akka isin jalaa hin qabamne akkasuma akka worra jireenna Ayyaanaa dhaaluutitti isaan kabajjaa'a.


Faatee fi kadhanna'aan hennaa maraa Ayyaana keessa ta'a'aa faateffadhaa'a. Yaaduma kanaan waan woyyoota maraa kadhata'aa, jabaadha'aa dhaabadhaa'a.


Henna'aan maayii jeennata isaa Rabbi Abbaa isaatii dabarsee hennaa kenne, bulchu'uuf baallii maraa haga diigeen maayessa dhuma baraa ta'a.


Haata'uu ammoo obboleeyyan tiyya, wonti ani isiniin jedhu kana. Barri gabaabaa ta'eeraa, ammaa achi worri haadha manaa qaban akka waan hin qabnee haa ta'anii.


Gooftaan keessan sa'aatii kamitti akka dhufu waan hin beenneef, eeganaa dammaqa'aa eeggadhaa'a.


Eegasuu waan dhufu'uuf ta'u jalaa akka baataniif fuula Ilma Namaa afo'otti dhaabachuu akka dandeettan hennaa maraa jabaadha'aa faateffadhaa'a!»


Guyya'aa fi sa'aatii san waan hin beenneef dammaqa'aa eeggadhaa'a!» jedhe.


Uduu akkana ta'ee, uumama adunya'aatii jalqabee hennaa hedduu silaa rakkinni Kiristoosiin irra gaya; amma ammoo dhuma adunya'aa irratti uf ciincaa godhu'uun cubbuu diigu'uuf hennaa tokko mudhateera.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite