Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




1 Ergaa Phexiros 3:7 - WAADAA LAMMATAA

7 Akkasuma isinillee Abboonni manaa! Uumama dadhabaa waan ta'aaniif haadha manaa teessanii beeka'aafii woliin jiraadhaa'a. Faateen keessan akka isin jalaa hin qabamne akkasuma akka worra jireenna Ayyaanaa dhaaluutitti isaan kabajjaa'a.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

7 Isin'llee abbootiin worraa! Haawotii worraa teessaniin woliin hubanna'aan jiraadhaa, isin irra uumama dadhabddoota waan ta'anii fi isin woliin'llee jireenna kennaa isaa ka bilisaa waan dhaalaniif isaan kabajaa, bifa kanaan kadhannaa keessaniif wonitti gufuu ta'u hin jiraatu.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

7 Akkasuma isinillee Abboonni manaa! Uumama dadhabaa waan ta'aaniif haadha manaa teessanii beeka'aafii woliin jiraadhaa'a. Rabbiin kadhachuun keessan akka isin jalaa hin qabamne akkasuma akka worra jireenna Ayyaanaa dhaaluutitti isaan kabajjaa'a.

Gade chapit la Kopi




1 Ergaa Phexiros 3:7
20 Referans Kwoze  

Abboota manaa! haadha manaa teessan jaaladhaa'a, garaa isaanitti hin jabaatinaa'a.


Ta'ullee isin keessaa akkasuma ammoo marti keessanuu akkuma uf jaalattanitti haadha manaa teessan jaaladhaa'a; haati manaallee abbaa manaa ufii haa kabajjituu.


Abbaan manaa haadha manaa ufiitiif waan isi'iif ta'u haa godhuufii, akkasuma ammoo haati manaa abbaa manaa ufiitii.


Ammallee, ani akkana isiniin jedha, isin keessaa namni lamaa, biyya lafaa irratti woma kamiifuu wolii galee yoo faateffate, Abbaan kiyya ka samii irra jiru waan isaan kadhatan san isaanii godha.


Seebaruu irraa akka fagaattan, akka worra Yihuudii hin taanee, ka Rabbiin hin beenne sanniin fedhaa fi dharraa foonii hamaa hin qabaatinaa'a. Isin keessaa namni maruu nafa ufii woyyumma'aa fi ulfinnaan haa eeggatuu.


Faatee fi kadhanna'aan hennaa maraa Ayyaana keessa ta'a'aa faateffadhaa'a. Yaaduma kanaan waan woyyoota maraa kadhata'aa, jabaadha'aa dhaabadhaa'a.


Ayyaana Woyyuu Rabbii ka guyyaa fayyinnaa saniif ittiin chaappeeffamtan hin gaddisiisinaa'a.


Maleekkonni Rabbii maruu, ayyaana worra fayyinna dhaalan kana tajaajilu'uuf ergamanii mii?


Akkasuma isin haawwota manaa! Abbaan manaa keessan gariin ka hin amanne yoo jiraatan akka isaan uduu womaa hin dubbanne amala haadha manaa ufiitii ajajaman akkasuma abbaa manaa keessaniif ajajamaa'a. Isaanillee qulqullinnaa fi sodaa jireenna keessan keessatti Rabbiif qabdan arganii akkasuma godhan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite