Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




1 Ergaa Phexiros 2:8 - WAADAA LAMMATAA

8 Isaan worra hin amanne waan ta'aniif, dubbii isaatiin gufatan. Isaanillee worra kufaati'iif qophaayan.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

8 Dabalee'llee, «Kunoo! Dhagaan namoota gufachiisu, Kunoo! namoota gufachiisee dhagaan kuffisu» ni jedha. Isaan'llee dubbii isaa amanuu dhabuu isaaniitiin ni gufatan, durssanii'llee isaan kanaaf worra ramadaman.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

8 Isaan worra hin amanne waan ta'aniif dubbii isaatiin gufatan. Isaanillee worra kufaati'iif qophaayan.

Gade chapit la Kopi




1 Ergaa Phexiros 2:8
16 Referans Kwoze  

Nu ammoo Kiristoosii fannifame lallabna. Kunillee Yihuudotaa gufu'u, worra Yihuudii hin taanee gowwumma'a.


Eegasuu ulfinni isin worra amantanii fi worra hin amannee ammoo, «Dhagaan ogeessoonni mana ijaaran gatan sun, dhagaa handhuura ijaarsaa, dhagaa guutu'uutii fi siidaa gufachiisaa ta'e»


Haata'uu ammoo Rabbi lola ufii mudhisu'uuf, hunna ufiillee mudhisuu fedhee mi'a dursee ulfinnaaf qopheese, mi'a araaraa irratti durummaa ulfinna ufii mudhisu'uuf, mi'a badi'iif qophaayan yoo obsa gudda'aan danda'e attam ree?


Hennaa dheera'aan dura murtee tanaaf worri barreeffaman namoonni gari gariin waan hulluuqanii gara keessan seenaniiraniif, isaanillee worra sodaa Rabbii hin qabne, badhadha Waaqaa seebaruma'ati worra jijjiiran, ka ufummatti mooti'ii fi Gooftaa keenna ta'e, Yesuus Kiristoosiin hin ganan.


Barsiisonni dharaa kunniin dharraa birri'iitii ufumaa mammaaka dubbata'aati isin irraa nyaatan; murtiin isaanii duri irraa jalqabee hin turu; badiin isaaniillee hin mugu.


Rabbi dheekkamsaaf nu hin file. Fayyinna Gooftaa Yesuus Kiristoosii haa arganu'uuf malee.


Achiin maayessa Simoon isaan eebbise Maariyaamiin, «Daa'imni kun Israa'eliin keessatti nama hedduuf sababa badi'ii, nama hedduuf ammoo sababaa fayyinaa akka ta'uuf muudameera. Kunillee worra isaan mormuuf malkata ta'a; yaanni dhossa'aa ka garaa namoota hedduu keessa jiru ifatti baya Gaddi akka guraadee qaramellee garaa kee woraana» jedhe.


Isaan kanniiniif urgaa du'aaf ta'u, isaan sanniiniif ammoo nu jireenna urga'aa ka jireennaaf ta'u; waan kanaaf gayaan eennu?


Haata'uu ammoo, obboleeyyan tiyya haga ammaa ani uduu waan gadoomu'uu himee, silaa haga ammaa maali'iif na ari'an? Eeganaa gufuun fannoo Kiristoosiitiin kara'aa dhooggameera.


Kitaaba keessatti dhagaa handhuura ijaarsaa filatama'aa fi ka gatii guddaa qabu Tsiyooniin keessa dhaaba. Namni isatti amanu tokkollee hin saalfatu jedhamee barreeffameera.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite