Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




1 Ergaa Phexiros 2:12 - WAADAA LAMMATAA

12 Worra hujii keessan mishaa arga'aa akka waan hamaa hojjattaniititti maqaa isin balleessan, guyyaa Rabbi banii ufii laalu'uuf dhufu akka Rabbiin kabajjan worra isin hamatan jiddu'utti jireenni keessan mishaa haa ta'uu.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

12 Yookiin, «Hamaa raawwattoota» jedhanii yoma isin hamatan'llee, Waaqinni nu laalu'uuf guyya itti dhufutti, ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne hujii keessan mishaa laalanii Waaqa akka galateeffataniif, isaan jidduu yoo jiraattanitti amala mishaa qabaadhaa.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

12 Worra hujii keessan mishaa arga'aa akka waan hamaa hojjattaniititti maqaa isin balleessan, guyyaa Rabbi banii ufii laalu'uuf dhufu akka Rabbiin kabajjan worra isin hamatan jiddu'utti jireenni keessan mishaa haa ta'uu.

Gade chapit la Kopi




1 Ergaa Phexiros 2:12
46 Referans Kwoze  

Jireenna keessan mishaa isin Yesuus Kiristoosiin keessaan qabdan akka waan isin waan hamaa gootaniititti namoonni isin hamatan akka saalfatan, isin yaada mishaa qabaadhaa'a.


Hujii mishaa keessan arganii, Abbaa keessan ka samii jiru akka kabajjan, ifni keessan nama maraa afo'otti haa ifuu» jedheen.


Afoo Gooftaa calla'atti uduu hin ta'in; akkasuma afoo namaatittillee waan mishaa waan yaannuuf.


Isin keessaa ogeessinii fi hubataan eennuu? Jireenni mishaan ogumma'aa fi fayyaalumma'aan hujii ufii haa mudhisuu.


Haata'uu ammoo dhufee uduu isin laalee yookiin uduu fagaadhee qalbii tokkoon waan amantaa Oduu Nagayaatiif falmata'aa Ayyaana tokkoon akka dhaabattan, waan jireenna keessanii akka dhagayuuf, Oduu Nagayaa ka Kiristoosiitiif akka ta'utti jiraadhaa'a.


Eeganaa wonti nu ittiin uf janyu kana waan ta'eef, ogummaa fooniitiinii miti. Badhaadhummaa Rabbiitiin malee. Woyyummaa Rabbiitii fi qajeellummaa adunyaa tanaa caalla'atti isin bira akka jiraanne sammuun keenna raga'a.


Kun maruu yoo ka akkanatti baqee badu ta'e, isin attamitti jiraachuu isinii woyya ree? guyyaa gaafa dhufa Rabbii eeggata'aa dhufa isaa ariifachiisa'aa, jireenna woyyu'uun namoota Rabbii fakkaata'aa jiraadhaa'a, guyyaa san samiin gubattee baxxi; uumamni samii keessaa oo'a gudda'aan diiggaman.


Akka nama ifa guyya'aa keessa jiraatuutitti seeraan haa jiraannuu malee, sirbaa fi machi'iin hin ta'in; seebaru'uu fi wol qirqissuun hin ta'in.


Eennullee hamaa dubbate'eef hamaa itti hin deebisinaa'a; nama maraa afo'otti waan mishaa yaadaa'a.


Nuu faateffadhaa'a; waan maraanuu waan mishaa huju'uuf hawwii waan qabnuuf yaada qulqulluu akka qabnu hubanneerra.


Waan hafeen obboleeyyan tiyya, waan dhugaa ta'e maraa, waan ulfinna qabu maraa, waan qajeellummaa ta'e maraa, waan qulqulluu ta'u maraa, waan jaalala uf keessaa qabu maraa, ka oduu mishaa uf keessaa qabu maraa, waan mishaa ta'e ka galata qabu kanniin mara yaadaa'a.


Jireenna keessan ka durii yaada'aa dharraa namummaa moofaa nama sobuuf nama balleessuu uf keessaa balleessaa'a.


Jaalala birri'ii irraa uf eegaa'a. Wontummaan qabdan isin haa gayu. Inninuu, «Si hin dhiisu, sirima si hin gatu» waan jedheef.


Siif ijoollee tee ta si keessa jiraatan gad darban, dhakaa dhakaa irra jirullee si keessatti hin dhiisan, ati waan bara Rabbi si fayyisu'uuf dhufe hin beenneef.


Barataan akka barsiisa'aa, hojjataanillee akka hojjachiisaa ufii haa ta'uu. Eega abbaa manaatiin Bi'elizebul jedhan, maatii isaatiin ammoo attamitti kana caalaa hin jenneeniree!


«Anaaf jedhanii yoo namoonni isin arrabsan, yoo isin ari'an, yoo dharaan maqaa isin balleessan isin worra eebbifame.


Namni kamuu yoo dubbatu akka dubbii Rabbiititti haa dubbatuu. Ka tajaajilu, hunna Rabbi naa kenneen jedhee haa tajaajiluu. Ulfinnaa fi baalliin baraa haga bara baraatitti karaa Yesuus Kiristoosiitiin Rabbiif haa ta'u! Amiin.


Ijoollee tanniin jiddu'utti, nu marti keenna akkasuma fedha foonii ka qalbii keennaa hojjata'aa, asiin dura dharraa foon keennaatiin jiraata'aa turre. Akkasuma akkuma kaawwanii, uumamuma keennaan ijoollee dheekkamsaa turre.


Waan hamaa akka hin goone, Rabbiin isinii kadhanna; Nu worra gayumsa qabu taanee mudhatu'uufii miti. Haata'uu ammoo nu hagamillee yoo worra gayumsa hin qabne taane, isin hennaa maraa waan mishaa akka gootaniif.


Waan garaa isaatitti dhokkatellee hin ibsa, akkasuma, «Dhugamaan Rabbi isaan jidduu jira» jedhee dubbata'aati afo'otti kufee Rabbii sagada.


Ammallee waan na himataniif sitti himuu hin danda'an.


Rabbi worra maqaa isaatiif ta'u worra Yihuudii hin taane keessaa fooyatu'uun dura attamitti akka isaan laale Simoon dubbateera.


Namoonni, «Sababa Ilma Namaatiif, yoo isin jibban yoo isin fooyan, yoo isin tuffatanii fi maqaa hamaa yoo isinitti baasan, isin worra eebbifame!


«Banii ufii gargaaree bilisa waan isaan baaseef, Waandhi Israa'eelii Gooftaan haa eebbifamu.


Baniin haga kana argan maalalanii, Rabbii baallii akkanaa namaa kenne ulfeeffatan.


Hennaa dhiyaatellee, worri Yerusaalemii gad bu'an, Yihuudonni marsaniinii dhaabatanii, waan ittiin injifachuu hin dandeenne himannaa gudda'aa fi ulfaataa irratti kaasan.


Haga bayeen maayessa Yesuus akkana jedhe, «Amma Ilmi Namaa ulfaateera; Rabbillee waan isaatiif ulfaateera.


Haata'uu ammoo waan worra kanaa hulee maratti akka morman nu biratti waan beekkameeruuf waan yaaddu sirraa dhagayuu feena» jedhaniin.


Akka kanaan ka Kiristoositti bulu Rabbiin waan gammachiisuuf; nama birattillee inni ka galataati.


Ijoollee guddisu'uun, keessummaa simachu'uun, luka woyyootaa dhiqu'uun, worra rakkattoota gargaaru'uun, hujii mishaa maraa hordofa'aa hujii mishaa akkanaa godhu'uun ta ragameef ta'uu barbaachisa.


Waan mishaa huja'aa gowwoota waan faayidaa hin qabne hojjatan akka cadhisan taasisuun fedha Rabbii waan ta'eef.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite