Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 4:6 - Kitaaba Woyyuu

6 Waa maraanuu Rabbiin kadhatu'uu fi waan kaawwaniitiifillee galata woliin, Rabbiin biratti kadhata keessan beessifadhaa'a malee, waan tokkoofillee hin dhiphatinaa'a.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

6 Waa maraanuu Rabbiin kadhatu'uu fi waan kaawwaniitiifillee galata woliin, Rabbiin biratti kadhata keessan beessifadhaa'a malee, waan tokkoofillee hin dhiphatinaa'a.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

6 Kanaaf waayee waan maraatiifuu kadhanna'aan, kadhachu'uu fi galataan Waaqaaf dhiyeessaa malee, waayee woma kamiitiifuu hin sarddaminaa.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 4:6
45 Referans Kwoze  

Waan isin rakkisu maraa isa irratti dhiifadhaa'a.


Waan sitti ulfaafe Rabbiin irratti gati; inni irkisee si qaba; raafama balcha'aa sirima hin hayyamu.


Kanaafuu isin isaan hin fakkaatinaa'a. Abbaan keessan waan isin barbaachisu uduma isin isa hin gaafatinuu hin beeka.


Inni akkana naan jedhe, «Na waamadhu ani sii deebisaa, waan gugurdaa armaan dura argitee hin beennee fi ka eennullee qoree bira gayuu hin dandeenne sitti mudhisaa.


Waan gootu maraa Rabbitti yaboo kenni; karoorri kee maruu sii milkaayaa.


Banii! hennaa maraa isa hedadhaa'a; yaada garaa keessanii isa afo'otti dhiyeessaa'a; Rabbi waan irkoo keenna ta'eef.


Galata woliin faate'een dammaqa'aa jabaadha'aa Rabbiin kadhadhaa'a.


Faate'ee fi kadhanna'aan hennaa maraa Ayyaana keessa ta'a'aa Rabbiin kadhadhaa'a. Yaaduma kanaan waan woyyoota maraa kadhata'aa, jabaadha'aa dhaabadhaa'a.


Rabbii Aabbaa karaa Yesuus Kiristoosiitiin galatoonfata'aa dubbi'iin, yookaan huji'iin waan gootan maraa maqaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin godhaa'a.


Yesuus isaan uduu hin hifanne hennaa maraa akka Rabbiin kadhatan akkana jedhee mammaakaan isaanitti hime.


Kanaan maayessa Yesuus darasoota ufiitiin akkana jedhe, «Jireenna keessaniif maal nyaanna, yookaan nafa keessanitti maal uffanna jettanii hin yaadinaa'a.


Yaa Gooftaa'a afaan kiyya naa bani; afaan kiyya galata labsa.


Kutaa qaama tokkoo taatanii wonti waamamtaniif nagaya kanaaf waan ta'eef nageenni Kiristoosii onnee keessan keessatti haa mooyu; worra galatoonfattan ta'aa'a.


Namoonni maruu waan ijoolleen isaanii ta dhiiraatii fi ta intalaa booji'amaniif jireenni isaanii isaanitti hadhaayeeruuf Daawitiin dhaga'aan dhayaa'a waan jedhaniif Daawiti guddisee gadde; inni garuu maqaa Rabbii Waaqa ufiitiin jabaate.


Hennaa maraa waan maraafuu maqaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin Waaqa Abbaa keenna waa maraafuu galatoonfadhaa'a.


Galgala, ganamaa fi guyyaa hin worwaadha; hin iyya; innillee laagaa kiyya hin dhagaya.


Yesuus deebisee, «Maartaa! Maartaa! Ati waan hedduu yaada'aa dhiphatta,


Rabbi ammo worra isaaf filataman ka halkanii fi guyyaa gara isaa iyyaniif murtii qajeelaa hin murteessuufii ree?


Hennaa dabarsanii isin kennan, wonti dubbattan hennama san waan isinii kennamuuf attamitti yookaan maal akka dubbattan hin yaadinaa'a.


Rabbi ciincaa hammeeyyi'ii hin jibba; kadhaan qajeellotaa garuu isa gammachiisa.


«Isin, ‹Maal nyaanna? Maal dhunna?› jedha'aa hin yaaddayinaa'a.


Isiin garuu, «Gooftaa kiyya ani nama gadda guddaa keessa jiru daadhii woyini'ii yookaan waan biraa ka nama macheessu hin dhunne; garuu rakkoo kiyya Rabbitti himata'aara.


isinillee ammo akkasuma waan keenna Rabbiin kadhata'aa nu woliin taatanii yoo nu gargaartan karaa namoota hedduutiin kennaa badhaadhumma'aa ka nuu kennameef hedduun isaanii waan keennaaf akka galatoonfatan duranallee akkasuma akka nu fayyisuuf isa abdii godhanneerra.


Haa ta'uu ammo akka yaada malee jiraattan jaaladha. Ka hin fuune, Gooftaa attamitti akka gammachiisu waan Goofta'aa yaada.


Haa ta'uu ammo dhumti waa maraatuu dhiyaateera. Kanaafuu akka nama sammuu qabuutitti yaadaa'a. Akka Rabbiin kadhatuu dandeettan hagatti jiraadhaa'a; uf qabaa'a.


Sanyiin qoree edduu bu'e sun nama dubbii dhagayu, ka ammo yaanni adunyaa tanaatii fi jaalalli durumma'aa isa sobee dubbii Rabbii waan hin hubanneef ka sanyii hin godhanne ta'a.


Sidiraaq, Misaaqii fi Abdinaagoo mootichaan, «Mootii keenna! waan kana irratti deebiin nu'u waan kana uf irraa ittisu'uuf deebisuu nu barbaachisu hin jiru.


Kanaan maayessa Hisqiyaasii fi ilmi Amootsii Isaayyaas raattichi Rabbiin kadhate; akka inni isaan gargaaruuf jabeessanii kadhatan.


Saamu'eel dhagaa tokko fuudhee Mitsipha'aa fi Sheeniin jiddu'utti dhaabee maqaa isaa haga adhaa Rabbi nu gargaareera jedhee Abeneezeer jedhee moggaase.


Ati akka handarii goda keessatti dhokatteeti; mee hennaa tokko fuula kee na argisiisi; laagaa kee dhageessisi; qoonqi kee namatti tola; fuulli kee bareeda.


Uduu garbicha taatee jirtu yoo waamamte, womaa miti. Wolaba bayuun yoo sii danda'ame ammo wolabummaa fudhadhu.


Garuu Waaqa kiyya gara kadhaa kiyya ka garbicha keetii laali; kadha'aa fi waamicha amma garbichi kee si kadhatu dhagayi.


Ani haga wolii galtee gurgurtaa lafaa Baarookii ilma Neeriya'aatitti kenneen maayessa akkana jedhee Rabbiin kadhadhe,


Daani'eel yoma seerri akka itti mallatteeffamee mirkanaaye beekellee gara gamoo irra jiraatuu ol baye; foddaawwan gamoo sanii kolba Yerusaalemiitiin bana'a; inni akkuma tanaan dura godha'aa ture jilbiiffatee Waaqa ufii galatoonfata'aa guyyaa keessa harka sadihii kadhata'aa ture.


Kanaafuu waan boruutiif hin yaaddayinaa'a; guyyaan boruu ufiifuu yaada isa gawu qabaa; rakkinni adhaa adhaaf hin gaya.»


Eeganaa Rabbiin waaqeffatuu, suutuma, cadhisu'uu fi gad uf qabuu maraan akka jiraannu, Rabbiin kadhachuu, faateffachuu, waan namoota biraatiif Rabbiin kadhachu'uu fi galatoonfachuu, waan moototaatii fi bulchoota maraaf waa maraa dura kunniin akka ta'u gorsa.


Ta Abbaa manaa hin qabne ta hojja ufii jiraattu halkanii fi guyyaa Rabbiin kadhata'aa abdi'iin jiraatti.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite