Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 4:5 - Kitaaba Woyyuu

5 Gara laafinni keessan nama maraa biratti haa beekkamuu; Gooftaan dhiyo'o.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

5 Gara-laafinni keessan nama maraa biratti haa beekkamuu. Gooftaan dhiyo'o.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

5 Mishummaan keessan nama mara birattuu ka beekkame haa ta'u, Gooftaan deebi'ee dhufu'uuf dhiyaatee jira,

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 4:5
25 Referans Kwoze  

«Kanaaf akkana isiniin jedha, jiruu teessaniif maal nyaanna? yookaan maal dhunna? yookaan nafa keessaniif, maal uffanna?» jettanii hin yaaddayinaa'a! Jiruun nyaata, nafti uffata hin caaluu?


ka eennuunillee hin arrabsine, worra hin mormine, gara laafeyyii, worra nama marattuu fayyaalummaa mudhisan akka ta'an isaan qaabsis.


Kanaafuu, «Hennaa diqqo'oon maayii, ka dhufu'uuf ta'u, uduu hin turre dhufa.


Haa ta'uu ammo dhumti waa maraatuu dhiyaateera. Kanaafuu akka nama sammuu qabuutitti yaadaa'a. Akka Rabbiin kadhatuu dandeettan hagatti jiraadhaa'a; uf qabaa'a.


Eegasuu sirimaa wol mormiin isin keessa jiru hanqinna keessaniin. Uduu ufii yakkamtanii isinii hin woyyuu? Yoo sobamtan isinii hin woyyuu?


Akkuma kaawwan biratti baratame, wol geettii keennallee akka hin dhiifne, woliin haa mari'annuu malee guyyaa dhufa Goofta'aa qaabata'aa ta qaraa caalaa kana godhaa'a.


«Ani dafee dhufa, ka raaga dubbii kitaaba kanaa eegu, eebbifama'a» naan jedhe.


Kanaafuu yoo nyaanni ka obbooleessa kiyya gufachiisu ta'e, obboleessa kiyya akka hin gufachiifne sirimaa baraa haga bara baraatitti foon hin nyaadhu.


Kanaafuu waan boruutiif hin yaaddayinaa'a; guyyaan boruu ufiifuu yaada isa gawu qabaa; rakkinni adhaa adhaaf hin gaya.»


Ka kana ragu, «Ee, dafee dhufa!» jedha. Amiin! Gooftaa Yesuus, dafii koottu!


Ayyaanni Kiristoosii ka isaan keessa jiru, waan rakkoo Kiristoosiitii fi Ulfinna isaan maayessa dhufu firrisee raga'aa, yoom yookaan bara attamii akka raawwatu qorata'aa turan.


Ka wondhaansa bayu maruu waan maraanuu nafa ufii hin eeggata. Kunniin kennaa badu argachu'uuf; nu ammo ka hin banne argachu'uuf.


«guyyaan Goofta'aa gayeera» jettanii ariifattanii yaada keessaniin hin raafaminaa'a, hin nayinalle'e, jennee isin kadhanna.


Haa ta'uu ammo, «Akka malee nyaataa fi machi'iin yookaan jireenna lafa tanaatiif yaada'aa akka hin dadhabne, guyyaan sunillee dimmaa akka isinitti hin dhufne uf eeggadhaa'a!


Ka Gooftaa Yesuus Kiristoosiin hin jaalanne yoo jiraate ka abaarame haa ta'u. Gooftaa keenna koottu!


Ani Phaawuloos hennaa isin bira jiru nama kaso'o jedhame; hennaa isin biraa fagaadhu ammo nama ija jabaatu jedhame; gara laafumma'aa fi fayyaalummaa Kiristoosiitiin isin gorsa.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite