Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 4:19 - Kitaaba Woyyuu

19 Waandhi kiyyallee akkuma durummaa ulfinna Kiristoosiitiin waan isin barbaachisu maraa isinii guuta.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

19 Waandhi kiyyallee akkuma durummaa ulfinna Kiristoosiitiin waan isin barbaachisu maraa isinii guuta.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

19 Kanaaf Waaqinni kiyya ulfinnaa fi durummaa isaa karaa Yesus Kristositiin, waan isin barbaachisu maraa isiniif ni kenna.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 4:19
44 Referans Kwoze  

Rabbi Waandhi adu'uu fi wontee waan ta'eef; Rabbi gaachena fi ulfinna namaa kenna; Rabbi worra qajeellumma'aan jiraatan; waan mishaa isaan hin dhooggatu.


Waandhi karaa Yesuus Kiristoosiitiin gara badhaadha ulfinna maraa isin waame hennaa diqqoo haga rakkinni isin irra gayeen maayessa inninuu guutuu isin taasisa; isin dhaaba; isin jajjabeessa.


Bara adhaa worri dureeyyii ta'an, waan uf jaju'uu akka hin yaanne Rabbii jiraata'aan akka gammannu waa maraa caalchisee nuu keennuun malee, durummaa darbu akka abdii hin godhanne isaan gorsi.


Ani garuu Rabbiin abdadha; Waaqa na fayyisullee hin eeggadha; inni naa dhagaya.


Akka mana kiyya woyyuu keessa eebbi baay'atu kennaa kudhan keessaa tokko maraa gootaraa kiyyatti galchaa'a; isin waan kana yoo gootan, ani ammo foddaa sami'ii banee yoo eebba mishaa maraa guddisee isinii kennuu baadhe kanaan na qoruu hin dandeettan.


«Beela isaaniitiif Sami'ii nyaata isaanii kennite, dheebuu isaaniitiif dhagaa keessaa bisaan isaanii baafte; lafa isaaniif kennu'uuf isaanii waadaa galte sanitti akka galan isaan ajajje.


Hennaa rakkadhe Rabbiin waamadhe; Akka na gargaaruuf Waaqa kiyyallee kadhadhe; Innillee mana woyyuu ufii keessa taa'ee laagaa kiyya dhagaye; iyya kiyyallee naa dhagaye;


Mana keetitti nyaata guddaa ati isaanii kennite nyaatan; eebba kee ka akka galaanaa yaa'u irraa dhugan.


Rabbi dhossaa ufii ka ulfinna guutuu qabu kana, worra Yihuudota hin taane jiddu'utti namoota ufiititti mudhisuu barbaade. Dhossaan kunillee Kiristoosii isin keessa jiru. Kiristoos abdii ulfinnaati.


Ayyaana isaatiin keessa qaama keessaniitiin guddiftanii akka jabaattan.


Dubbiin Rabbii guutumatti isin keessa haa jiraatu; ogummaa maraan wol barsiisaa'a, wol gorsaa'a, Ayyaanaan faaruu faarfachu'uun badhaadhummaa isaatiin onnee keessan keessatti Rabbiin faarfadhaa'a.


Rakkinni bara kanaa kun ulfinna durana dhufee mudhatu woliin yoo wol bira qabamee laallamu womaa akka hin taane yaada.


Akkuma durummaa Ayyaana Rabbiititti dhiiga Kiristoosiitiin furamuu, araara cubbuu keennaa arganne.


Waan hin mudhanne malee waan mudhatu yoo laaluu baanne rakkoon keenna salpha'a;


Durummaa Kiristoosii ka haga hin qabne, worra Yihuudii hin taanetti lallabneef Rabbiin maraa uume dhossaa seera barootaa keessatti dhokate maraafuu maal akka ta'e akka ibsuuf badhaadhummaan kun ana ka woyyoota maraayyuu gad ta'ee kenname.


Rabbiin bira jaalala, isa birallee fayyinna gudda'atu jira; Israa'el Rabbiin abdii godhadhu.


Yaa Rabbi! hujiin kee akkam gudda'a! maraa ogummaa keetiin hojjatte; ardiin uumama keetiin guuttamte.


Kunillee ijji qalbii keessanii yoo banamtu, abdiin waamicha isaa maal akka ta'u ka woyyoota bira jiru,


Moo arjummaan Rabbii gara aagii akka si masakku uduu hin beenne, arjummaa isaatii fi waa danda'uu durummaa obsa isaa tuffataa?


Mikkiyaas garuu «Dhugaa Rabbii! waan Rabbi naan jedhe callaa dubbadha» jedhee kakatee dubbate.


Kanaan maayessa Yaaqoob Yooseefiin akkana jedhee eebbise; Waandhi abboonni tiyya Abrahaamii fi Yisaaq faanaa deema'aa isa tajaajilanii fi Waandhi anallee jireenna kiyya maraa eegee haga adhaa na tisse ijoollee tanniin haa eebbisu!


Akka leenconni na hin miine Rabbi maleekkaa ufii ergee afaan leencotaa cufe; inni wonti kana godheef ani afoo isaatitti mudaa waan hin qabnee fi sillee akka hin yakkine waan beekeef» jedhee deebiseef.


Durummaan ogummaa Rabbiitii fi beekkumsi Rabbii hagam gadi fagaata! Murteen isaa ka hin qoratamne; karaan isaallee ka hin beekkamne.


Eegasuu ani akkuma isaanii manguddoonni woldaa Kiristaanaa ragaa baatuu rakkinna Kiristoosii, akkasuma ulfinna Kiristoosii ka mudhatu'uuf ta'u qoodamu, manguddoota isaan jidduu jiran maraa hin gorsa.


Amantiin keessan adunyaa maraa irratti waan dhagayameef, firrisee waan keessan maraafuu Rabbii kiyya karaa Yesuus Kiristoosiitiin hin galatoonfadha.


Achiin maayessa Toomaasiin, «Quba kee asi fidiitii harka kiyya laali, harka kee fidiitii kalee kiyya keessa kaayi, nama amante ta'i malee ka hin amanne hin ta'in!» jedheen.


Yesuusillee, «amma gara Abbaa kiyyaa waan ol hin baaneef, «Na hin tuqin! deemiitii gara obboleewwan kiyyaa dhaqiitii, ‹Ani gara Abbaa kiyyaa fi keessanii gara Waaqa kiyyaa fi keessanii ol baya'aara› jedhii isaanitti himi!» isi'iin jedhe.


Gooftaa Yesuusiin biratti, woyyoota maraa biratti waan jaalalaa fi amantii keetii dhagayee,


Deebi'ee yoo dhufu isin biratti Waandhi kiyya akka na hin salphifne worra dura cubbuu hojjatanii fi waan battii godhaniif seebarrii, waan worra aagii hin galinii waan namoota hedduu maal laataa hin gadda jedhee sodaadha.


Waaqa kiyya! waan ani banii kanaaf godhe maraa akka waan misha'aatitti naa laakkayi.


Kana maraa worri Yihuudota hin taanee waan barbaadaniif. Kun maruu akka isin barbaachisu, Abbaan keessan ka sami'ii hin beeka.


Nageenni Rabbii ka hubannaa sammuu nama maraatii ol ta'e, yaadaa fi onnee keessan karaa Yesuus Kiristoosiitiin hin eega.


Mootichi Hisqiyaasii fi bulchoonni bani'ii dhufanii hennaa tuulaa san argan Rabbii fi banii Israa'elii maraa eebbisan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite