Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 4:1 - Kitaaba Woyyuu

1 Kanaafuu obboleeyyan tiyya! worri ani yaaduu fi jaaladhu, worri badhaasa, gammachu'uu fi kallacha kiyya taatan, Akkasuma Goofta'aan dhaabadhaa'a.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

1 Kanaafuu worri ani yaaduu fi jaaladhu badhaasaa fi gammachu'uuf kallacha kiyya worri taatan, obboleeyyan tiyya! Akkasuma Goofta'aan dhaabadhaa'a.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

1 Ka isin jaaladhuu fi ka isin yaadu, gonfaan gammachuu kiyyaatii fi hujii kiyyaa ka taatan, obboleeyyan kiyya! Goofta'aan jabaadha'aatii jiraadhaa.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 4:1
35 Referans Kwoze  

Eeganaa Dubbii Nagayaa ka Kiristoosiitiif akka ta'utti jiraadhaa'a; yoo kana ta'e, yoo dhufee isin arge yookaan isin irraa yoo fagaadhellee kaayyoo tokkoon jabaattanii dhaabachuu keessanii fi akka tokkumma'aan Dubbii Nagayaa wol geessu'uuf tattaafattaniirtan hin dhagayaa.


Dammaqaa'a; amanti'iin jabaadha'aa dhaabadhaa'a, guddadhaa'a.


Kanaafuu duwwa'aaf akka hin dadhabneef ani duwwaa akka hin fiinne, guyyaa Kiristoos dhufu waan ittiin dhaadadhu naa ta'a.


Rabbiin abdadhu; jabaadhu; abdii hin kutatin; Rabbiin abdadhu.


Kanaaf obboleeyyan tiyya jaalatamtoota! dadhabbiin keessan, Goofta'aan duwwaa akka hin taane waan beettaniirtaniif, worra midhaaffatan ka hin sochoone worra hujiin Goofta'aa hennaa maraa isinii baay'ate ta'aa'a.


Jaalala Yesuus Kiristoosiitiin isin maraa attam akka yaade Rabbi naa raga'a.


Ka dubbii abdi'ii kenne amanamaa waan ta'eef akka hin sochoone ragaa abdii keennaa haa eennuu.


Worra hujii mishaa irra dhaabatanii galataa fi ulfinna, jireenna hin banne worra barbaadaniif jireenna bara baraa kenna.


Yesuusillee Yihuudota isatti amananiin, «Isin yoo dubbii kiyyaan jiraattan isin dhugamaan darasoota tiyya; dhugaallee hin beettan; dhugaanillee bilisa isin baasa» isaaniin jedhe.


Eeganaa ilma kiyya! Ati badhaadha Yesuus Kiristoosiin argatteen jabaadhu.


Inni isin maraa arguu waan yaadeeruuf akka dhibame waan dhageettaniirtaniif gaddeera.


isinillee worra nuun boonu akka taatan, nullee akkasuma worra isiniin boonu akka taanu, waan mishaa waan keenna akka hubattan, guutumatti akka hubattan abdii godha.


Innillee achi dhaqee haga badhaadhummaa Rabbii arge hin gammade; isaan maruu fedha garaa isaaniitiin Goofta'aan jabaatanii akka jiraatan gorse.


Barumsa ergamtootaatiin, Xoroshoo woliin nyaata'aa Rabbiin kadhachu'uttillee hin jabaatan.


Worri Rabbiin hedatan; akka gaara Tsiyoonii ka uduu hin raafamne baraa haga bara baraa jiraatuuti.


Eegasuu jaalatamtoota tiyya! isin waan kana duraanuu waan beettaniif dogoggora worra hammeeyyi'iitiin qabamtanii dhaabachuu keessan irraa akka hin kufne uf eeggadhaa'a. Akkasuma


Eeganaa ka gara sami'ii ol baye gadicha hayyicha guddaa Ilma Rabbii Yesuusiin waan qabnuuf jabaannee amantii keenna haa eennuu.


Amantii keenna ka duraa haga dhumaa cimsinee uduu eennee worra Kirstoosiin woliin jeennata Rabbii keessa jiraatu taaneerra.


Eeganaa obboleeyyan tiyya! jabaadha'aa dhaabadhaa'a; dubbii keennaanillee yoo ta'e yookaan erga'aaf barreeffamaan waan isin barsiifne jabaadha'aa eegaa'a.


Garbichi Kiristoosii Ephafiraan keessan nagaya isiniin jedheera. Fedha Rabbii maraa hubattanii, guutuu taatanii, akka dhaabattan, hennaa maraa waan keessaniif jabaatee Rabbiin kadhata.


Wolabumma'aan akka jiraannuuf Kiristoos wolaba nu baase. Eegasuu jabaadha'aa dhaabadhaa'a! Deebitanii qambara garbumma'aatiin hin qabaminaa'a!


Naaf jettanii nama maraa afo'otti worra jibbame taatan; ka haga dhumaa jabaate ammo hin fayya.


Silaa akka malkata badhaasaatitti qoma kiyya irra kaayadha, akka gulloo ulfinnaatittillee mataa kiyya irra kaayadha ture.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite