Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:9 - Kitaaba Woyyuu

9 Akka kanaan ani ka Kiristoosii ta'ee argame. Maarre qajeellummaan tiyya ta seera eegu'uun argamte uduu hin taane, ta Kiristoositti amanu'uun argamte; qajeellummaan tun Rabbiin irraa dhufti; amantii irratti hundoofti.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

9 Akka kannaan ani ka Kiristoosii ta'ee argame. Maarre qajeellummaan tiyya ta seera eegu'uun argame uduu hin taane, Kiristoositti amanu'uun ta argamte, qajeellummaan tun Rabbiin irraa dhufti; amantii irratti hundoofti.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

9 Kana'llee sababaan raawwatuuf seera irratti ka hundaaye qulqullaawoma mataa kiyyaa dhiisee amanitii irratti ka hundaaye qulqullummaa Waaqaa Kristosiin amanu'uun, argachu'uu fi isa woliin'llee ta'u'uun.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:9
56 Referans Kwoze  

Nu isa keessa taanee akka Rabbiif qajeelaa taanu; Kiristoosii cubbuu hin qabne akka cubbuu keenna maraa baatu cubbamaa taasiseen.


Worri ka Yesuus Kiristoosii ta'uu argattan isumaan; Inni ogummaa keenna ka Rabbiin biraa nuu ta'e; qajeellummaa keenna; woyyummaa keennaa fi ka nu bitate ta'eera.


Haa ta'uu ammo, namni Yesuus Kiristoositti amanu'uun akka qajeeluuf malee, hujii seeraatiin akka hin taane beennee ka foon uffate maruu hujii seeraatiin waan qajeelaa hin taaneef nu mataan keennaa hujii seeraatiin uduu hin ta'in Yesuus Kiristoositti amanu'uun qajeellummaa arganneerra.


Eegasuu worri Kiristoos Yesuusiin keessa jiran amma murtii yakkaa jala hin jiran.


Dubbii Nagayaatiin qajeellummaan Rabbii waan mudhateef qajeellummaan Isaallee jalqabaa haga dhumaa waan amanti'iin ta'e; akkuma, «Qajeelaan amanti'iin jiraata» jedhamee barreeffame.


Tajaajilaan kiyya balchaan rakko'oon maayessa ifa jireennaa argee dheebuu baya; beekkumsa ufiitiin namoota hedduu qajeelcha; yakka isaaniillee hin baadhata.


Baniin Yihuuda'aatii fi baniin Yerusaalemii diina jalaa bayanii nagayaan jiraatan; qachattiin ‹Rabbi balchummaa keenna› jedhamtee waamamti.


Haarawoomsuu Ayyaana Woyyu'uutiin nu fayyise malee, hujii qajeellumma'aa ka nu gooneenii miti.


Ka nu fayyisee fi ka waamsa woyyu'uun nu waame Rabbiin waan ta'eef, kunillee akka yaada isaatiif haga badhaadha isaatiin malee, akka hujii keennaatiinii miti. Badhaani kun bara hedduun dura Yesuus Kiristoosiin irraan nuu kenname.


Kanaafuu eennullee yoo Kiristoosiin keessa ta'e, uumama haarawa; wonti moofaan lufeera. Kunoo maruu haarawa ta'eera.


Waan hinaaffa'aa yoo gaafattan, woldaa Kiristaanaa balleessu'uuf ari'a'aa ture. Waan qajeellummaa seeraan argamuu yoo na gaafattan mudaa malee ture.


Namni gara'aan amanee qajeelaa ta'a. Afaaniinillee ragaa bayee fayya.


Namummaan namaa waan dadhabaa ta'eef, waan seerri godhuu dadhabe Rabbi godhe; Rabbi Ilma ufii ka fakkeenna namummaa keennaa cubbamaa fakkaate ergee akka cubbuu haqu godheera.


Inni hennaa mooye baniin biyya Yihuuda'aa nagaya argata; baniin Israa'eliillee nagayaan jiraata; inni ‹Rabbi balchummaa keenna› jedhamee waamama.


Namni waan sirrii ta'e hojjatu; ka sirima cubbuu hin hojjanne qajeelaan lafa irra hin jiru.


Haa ta'uu ammo dhaqa'aatii barreeffama araaraa barbaadaa malee, ciinca'aa miti dubbii jedhu hiikkaan maal akka ta'e baradhaa'a. Ani cubbamtoota gara araaraa waamu'uuf dhufe malee, qajeellota waamu'uufii miti» isaaniin jedhe.


Nu maruu akkuma hoolotaa gar gar facaanee karama ufii feene deema'aa turre; Rabbi garuu yakka keenna maraa isa irra kaaye.


Si afo'otti eennullee balchaan waan hin jirreef; ana garbicha keetitti hin murteessin.


Balleessaa ufii eentu arga? Waaqa kiyya cubbuu dhokatte irraa na qulqulleessi.


Maruu karaa irraa goraniiran; wolumatti balla'aniiran; tokkollee ka waan mishaa godhu hin jiru.


Hisqiyaas garuu waan guddisee booneef waan mishaa Rabbi godheef galata Waaqaa barbaachisu hin kennineef; sababaa kanaaf isa, banii Yihuuda'aatii fi banii Yerusaalemii irra rakkoon guddaan gaye.


«Namni hin yakkine waan hin jirreef yoo si yakkan ati isaanitti dheekkamtee diintota isaaniitiif dabarsitee isaan kennite, diintonni isaanii ka dhiyoo jiruu fi ka fagoo jiru yoo isaan booji'e,


Wonti lafa irra jiru maruu nama irraa jalqabee haga waan lafa irra munyuuqanii, haga allaattii Samii irra bararanii maruu lafa irraa barbadaayan; worri du'a hafan Noohii fi worra markaba keessa isa woliin jiran calla'a.


Ka cubbuu hojjatu maruu waan hamaa hojjata. Cubbuun hammeenna.


Ana Simoon Pheexroos ka ergama'aa fi garbicha Yesuus Kiristoosii ta'e irraa, worra karaa qajeellummaa Waaqa keennaatii fi fayyisaa keenna Yesuus Kiristoositti amananiif;


Nu martinuu waan hedduun hin dogoggorra; namni waan ufii dubbatuun hin dogoggorre, inni nama nafa ufii tooyatuu danda'uu fi nama guutu'u.


Rabbi akka kanaan waan lamaan hin jijjiiramnee fi ka soba hin qabneen abdi'ii fi kakuu nuu galeera. Kana lamaaniin abdii nu afoo jiru jabeessinee qabatuu akka dandeennu, nu worri gara isaa dheessine jajjabeenna guddaa arganna.


Worri ergamtoota jiddu'utti maqaa mishaa qabaniif akkasuma worri Kiristoositti amanu'uun na dursan fira kiyya ka na woliin hidhaman Andiraaniqoonii fi Yuliiyaanitti nagaya naa himaa'a.


Torbaan torba hennaa torbaatamaa jedhame hennaa Rabbi banii keetii fi qachattii woyyoomte cubbu'uu fi waan hamaa jalaa bilisa baasu'uuf murteeffate; yakki namaa dhiifama; murtii haqaa ka baraa haga bara baraatitu baay'ata; mudhanninii fi raanni hin raawwatama; manni woyyuunillee hin haarawooma.


Ani hennaa dhiyoo keessa balchummaa kiyya mudhisa; fayyisuun kiyya hin turu; Ani Yerusaalemiin hin hambisa; Israa'eliin ulfinna kiyya itti uwwisa» jedha.


Ani, «Ani nama arrabni kiyya battaaye; banii arrabni isaanii battaaye jidduu jiraadha; ijji tiyya mootii, Rabbii Gooftaa banii maraa waan argiteef ani badeeraa na hobbaasi!» jedhe.


Garuu ergamtoonni Baabiloonii ka abboota murti'ii hennaa baasa biyya isaatitti hojjatame isa gaafachu'uuf gara biyya isaa ergaman Rabbi waan onnee Hisqiyaasii keessa jiru qoree beeku'uuf itti cadhise.


« ‹Namni seeraa fi ajaja kanniiniillee hin ajajamne maruu ka abaarame haa ta'uu!› ‹Baniin maruu ‹Amiin!› jedhan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite