Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:6 - Kitaaba Woyyuu

6 Waan hinaaffa'aa yoo gaafattan, woldaa Kiristaanaa balleessu'uuf ari'a'aa ture. Waan qajeellummaa seeraan argamuu yoo na gaafattan mudaa malee ture.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

6 Waan hinaaffa'aa yoo gaafattan, woldaa Kiristaanaa balleessu'uuf ari'a'aa ture. Waan qajeellummaa seeraan argamu yoo na gaafattan mudaa malee ture.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

6 Waayee Seera duraniitiif hinaafu'uun'llee yoo ta'e, amantoota woldaya amaniti'ii ni ari'a ture. Seera eeguun waayee qulqullaawomnnaa'llee yoo ta'e, ashaa malee ni jiraadha ture.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:6
25 Referans Kwoze  

Saa'ol ammo woldaa Kiristaanaa diiga'aa ture. Mana maraa seena'aa dhiiraa fi dubartootallee harkisa'aa gara mana hidha'aatitti dabarsa'aa isaan kenna'aa ture.


Akkana isiniin jedha, qajeellummaan keessan qajeellummaa barsiisota Seera Muuse'eetii fi Fariisotaa yoo caale malee horoma jeennata sami'ii hin galtan» isaaniin jedhe.


Ani duraan ka nama ari'u, ka abaaruu fi rakkisaa yoo ta'ellee inni kana naa godhe. Haa ta'uu ammo uduu hin beekin waan uduu hin beenne godheef araara argadhe.


Akka kanaan ani ka Kiristoosii ta'ee argame. Maarre qajeellummaan tiyya ta seera eegu'uun argamte uduu hin taane, ta Kiristoositti amanu'uun argamte; qajeellummaan tun Rabbiin irraa dhufti; amantii irratti hundoofti.


Ani ergamtoota maraayyuu gadi waan ta'eef, Woldaa Kiristaanaa ta Rabbii waan ari'eef, ergamaa jedhamee waamamuun naaf hin ta'u.


Anillee dur seeraan ala jiraata'aa ture. Hennaa ajanyi dhufe ammoo cubbuun jiraattuu taate; anillee hin du'e.


Isaan yoo naaf ragaa bayuu barbaadan akka worra jabeessanii amantii cimsanii, worra maraa caalaa seera eegu'uun jabaate keessaa nama gosa Faarisii ta'ee akka jiraadhe dur irraa jalqabanii na beekan.


Isaanillee hennaa dhagayan Rabbiin galatoonfatanii akkana isaan jedhan; «Obboleessa keenna! worri Yihuudota jiddu'utti amananiiran ka laakkobsa hin qabne meeqa akka ta'an arga'aartan; isaan maruu worra seeraaf hinaafan.


Isaan lamaanuu ajaja Goofta'aatii fi seera maraanuu mudaa malee jiraachu'uun Rabbiin afo'otti qajeellota turan.


Barsiisota Seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota! Isin aanne'e! miju'uu fi qorii gubbaa hin qulqulleessitan; keessi ammo saamichaa fi dondhumma'aan guuttameera.


«Akka ani waan Rabbiitiif hinaafe laali» jedheenii woliin deemanii,


Akkuma beekkamu namoonni Gabaa'oonii namoota Israa'eliitii miti; worri Israa'elii worra Gabaa'oonii eegu'uuf waan waadaa galaniif worra gosa Amoorotaa irraa fooyamanii hojjuma ufii jiraatan; Saa'ol garuu guyyaa baniin Israa'eliitii fi baniin Yihuuda'aa wol geettii qabanitti isaan fixu'uuf yaadee ture.


Kanaafuu ati akka hin banne guddiftee nama ogeessa hin ta'in; guddifteellee nama qajeelaa hin ta'in.


Akkasuma bulchaan gadootaatii fi manguddoonni maruu ragaa naa bayan. Isaan irraallee akkasuma dhaamsa obboleewwanii fuudhee worra Damaasqoo jiranillee akkasuma hidhamanii akka adabaman gara Yerusaalemii fidu'uuf deema'aa ture.


Ani ammo hedduun isaanii akka fayyaniif bu'aa isaaniitiif malee, bu'aa kiyya uduu hin barbaanne;


Edduu isaaniititti dubbii jireennaa dhiyeessa'aa adunyaa tana keessatti akka ifaatitti mudhattan.


Yoo madaan deebi'ee fayyee addaate deebi'ee gara gadichaa dhufa;


Worri qachattii sanii Iyyoo'aasiin, «Ilmi kee hulee ciinca'aa ka ba'aalii diigee fakii Asheera'aallee diigee waan caccabseeruuf ilmi kee haa du'uu gad baasi!» jedhaniin.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite