Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:5 - Kitaaba Woyyuu

5 Ani ka guyyaa saddeetesso'ootitti gadoome; dhaloota Israa'elii keessaa ka gosa Biiniyaamii, Ibiroota keessaallee Ibiricha. Waan seeraa yoo na gaafattan ani nama gosa Faarisii ture.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

5 Ani ka guyyaa saddeetaffa'aatitti gadoome dhaloota Israa'elii keessaa gosa Biiniyaamii ka ta'e, Ibiroota keessaallee Ibiricha. Waan seeraa yoo na gaafattan ani nama gosa Faarisii ture.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

5 Ani dhaladhee guyyaa saddeetaffaa titti gadoomee jira, dhaloota kiyyaan'llee gara gosa worra Biiniyaamiitii ka ta'e Israa'eelicha, kana irraa'llee ka ka'een, Ibraawicha Qulqullu'u. Waayee Seera Yihudotaa eegu'uutiin'llee yoo ta'e, Fariisaayicha ture.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:5
16 Referans Kwoze  

Isaan Ibrootaa? Anillee akkasuma; Isaan gosa Israa'eliitii? Anillee akkasuma. Isaan fiixaa Abrahaamiitii? Anillee akkasuma.


Eegasuu Rabbi banii ufii hin gatee ree? jedha. Horomaa hin ganne! Ani akkasuma Israa'el fiixaa Abrahaamii ka gosa Biiniyaamiiti.


Phaawuloos ammo gariin isaanii Saduuqoota; gariin ammo Fariisota ta'uu isaanii waan beekeef, «Obboleewwan tiyya! ani nama Fariisii ilma Fariisichaati; waan abdii worra du'anii ka'aniitiif natti murteessan» jedhee yaa'ii murti'ii keessatti iyye.


«Ani nama gosa Yihuudi'ii qachaa Xerseesii ta Kiliqiyaa keessatti argamtuuti; ka itti guddadhe ammo qachaa Yerusaalemii tanatti. Barsiisaan kiyya Gamaaliyaali; seera abbootaa midhaassee baradhee akkuma isin adha gootan kana, Rabbiin Ayyaana isaatiin isaa hojjachu'uuf hinaafa'aa ture.


Daa'imni dhiiraa ka dhalate maruu guyyaa saddeetesso'ootitti haa gadoomuu; akkasuma ka mana keessanitti dhalate ka hortee keessan hin taanee fi garboonni isin bitattanillee haa gadoomanii.


Worri daa'ima gadoomsu'uuf guyyaa saddeetesso'ootitti dhufan, daa'ima maqaa abbaa isaa Zakkaariyaasiin itti baasuu fedhan.


Bara san keessa darasoonni eda'a'aa deeman; Yihuudonni biyya Giriikiitii dhufan Yihuudota Yihuudaa keessa jiraatanitti guunguman. Tajaajila guyya guyya'aan hojjattama'aa ture keessatti isaan dubartoota abbaa worraa hin qabne waan dagataniif.


Guyyaan sadeessoon geennaan hennaan daa'ima gadoomsan gaye, akkuma haati isaa uduu hin ulfaayiniin duratti Maleekkaan maqaa isaa baase san «Yesuus» jedhaniin.


Yoonaasillee isaaniin «Ani nama gosa Ibrootaati; Rabbii Waaqa sami'ii ka ardi'ii fi galaana uume waaqeffadha» jedhee isaanii deebise.


Worri Filisxeemii hennaa laagaa lililfataa dhagayan; «Laagaan ililfataa guddaan ka ganda Ibrootaatii dhagayama'aaru kun maali'i?» jedhanii akka saanduundhi waadaa Rabbii gara qe'e'ee gale hubatan.


Ana biyya Ibrootaatii fidanii uduu womaa hin goone balleessaa malee asitti na hidhan» jedheen.


Namni tokko dheessee gara Abraamii nama gosa Ibrootaa dhufee itti hime; hennaa san Abraam biyya Amoorotaa keessa hulee qilxuu gugurdaa Maammire'ee ka qulqullaaye bira jiraata'aa ture; Maammireenii fi obboleeyyan isaa Aashkoolii fi Aneer hiriyyoota waada'aa ta Abraamii ta bakka woraanaa turan.


yoo san dargaggeessi worra Ibrootaa garbichi tokko ka bulchaa worra balbala eeganii tajaajilu nu woliin ture; nu eebjuu keenna isatti himnaan nu maraafuu akkuma eebjuu keennaatiin nuu hiike.


Daadhiin woyini'ii haarofni ammo qalqala haarawa keessa kaayama; lachuu wal qabatan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite