Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:1 - Kitaaba Woyyuu

1 Obboleeyyan tiyya! Waan hafeen Goofta'aan gammadaa'a; waan tokko deebisee isinii barreessuun na hin dhibu. Isiniif ammo nagaya.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

1 Obboleeyyan tiyya! Waan hafeen, Goofta'aan gammadaa'a waan tokko deebisee isinii barreessuun na hin dhibu. Isiniif ammoo nagaya.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

1 Muummee irratti'llee yaa obboleeyyan! Goofta'aan gammadaa, waan asiin durana isiniif barreesse san irra deebi'ee uduu isiniif barreessee ana hin hifachiisu, isin garuu dogoggora irraa isin eegu'uuf ni danda'a.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:1
46 Referans Kwoze  

Hennaa maraa Goofta'aan gammadaa'a; ammallee deebi'ee jedhaa gammadaa'a!


Kana calla'aa miti; araara amma arganne ammo karaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin Rabbiin uf janya.


Obboleeyyan tiyya! Amantii keessan ataabamuun obsa akka isinii ta'u beeka'aa.


Hennaa Kiristoos ulfinna ufiitiin mudhatu gammachuun keessan ammo guddaa akka ta'u worra rakkoo isaa qoodamtan waan taataniif gammadaa'a.


Waan hafeen obboleeyyan tiyya! waan dhugaa ta'e maraa, waan ulfinna qabu maraa, waan qajeellummaa ta'e maraa, waan qulqulluu ta'u maraa, waan jaalala uf keessaa qabu maraa, ka oduu mishaa uf keessaa qabu maraa, waan mishaa ta'e ka galata qabu kanniin mara yaadaa'a.


Waa maraanuu isin martinuu yaadaan tokko ta'aa'a. Rakkoon nama biraa akka waan keessan ta'eetitti laakkayaa'a. Akka obboleewwaniititti wol jaaladhaa'a, gara laafeyyi'ii fi kasoo ta'aa'a.


Waan hafeen obboleewwan tiyya! nagayaan taa'aa'a. Guutuu ta'aa'a; gorsa kiyya dhagayaa'a; yaada tokko ta'aa'a; nagayaan jiraadhaa'a; Waandhi jaalalaatii fi nagayaa isin woliin ta'a.


Goshoota tiyya! Ergaan amma isinii barreessu tun ta lammeesso'ooti.


Waan hafeen worra Goofta'aaf hunna isaa cima'aan jabaate ta'aa'a.


Garaan kiyyallee Waaqa fayyisaa kiyyatti hin gammada.


Baniin Israa'elii akka loltoota jajjaba'aa ta'an; akka nama daadhii woyini'ii dhugeetitti gammadan; ijoolleen isaaniillee mootee kana qaabata'aa gammadan; Rabbiinillee hin burraaqan.


Rabbi Waandhi kee si woliin jira; hunna ufiitiin mootee sii kenna; Rabbi sitti gammada; jaalala ufiitiin si haarawoomsa; baniin akkuma guyyaa ayyaanaa faaruu faarfatan; akkasuma inni sitti gammada jedhan.


Mucattii Tsiyoonii! faarfadhu! banii Israa'elii! Faarfadhaa'a! ililfadhaa'a! banii Yerusaalemii! garaa guutu'uun gammadaa'a! burraaqa'alle'e.


Isin banii Tsiyoonii! Rabbii Waaqa keessaniin gammadaa'a; burraaqaa'a; Inni qajeelchee murteessee akkuma duraanii ji'oota bonaatii fi ji'oota gannaa rooba gayaa isinii kenneera.


Rabbitti gammadi; Inni fedha garaa keetii maraa sii kennaa.


Isin balchoonni Rabbiin gammadaa'a; usheexxaa'a isin worri yaada qajeela'aa ililfadhaa'a!


Yoo san Waaqa maraa danda'uun gammadda. fuula keellee gara Rabbii deebifatta.


Kanaafuu guyyaa san Rabbiin afo'otti nyaata'aa dhuga'aa gammadan; ilma Daawitii Solomooniin hennaa lammeesso'ootiif mootii taasisanii akka bulchuuf Rabbiin afo'otti isa muudan. Saadooqiinillee gadicha godhatanii muudan;


Nu worri Ayyaanaan Rabbiin waaqeffatuu, nu worra Yesuus Kiristoosiin dhaadannu, worra waan foonii hin hedanne, worra gadoomne waan taaneef.


Isaan raattota isiniin duraatuu akkasuma ari'aa turan. Gatiin keessan waan samii gubba'atti guddaa ta'eef, gammadaa ililfadhaa'a» isaaniin jedhe.


Ani Rabbiin gammada; keessi kiyya Waaqa kiyyaan usheexxa; inni akka idaayyaa abaaboo ulfinnaa mataa irra kaayatuu akka idaayyittii faaya gara garaatiin qandhaftee uffata fayyumma'aa natti uwwiseera; uffata balchumma'aa irraan naa dhaye


Isaan gingilchita; qilleensi haxaayee isaan fudhata; haboonbolattiin isaan bittinneessa; ati hennaa san Rabbiin gammada; ana woyyicha Israa'eliitiin dhaadatta.


Baniin Israa'elii uumaa ufiititti haa gammadanii! Tsiyoonillee mootii keessanitti gammada'aa burraaqaa'a!


Rabbi mooyeera; ardiin haa gammaddu; worri fagoo qacceewwan galaanaa jiran haa usheexxan!


Ani namoota baay'ee woliin isaan afoo deema'aa gara mana Rabbii dhaqa; worri ayyaana ayyaanteeffatan faarfata'aa ililfata'aa Rabbii galata galchan; ani akkaataa kanaan waan darbe hennaa yaadu ani guddisee gadda.


Garuu worri si abdatu maruu haa gammadanii; baraa haga bara baraa gammachu'uun haa faarfatanii; worri maqaa kee jaalatan akka sitti gammadaniif wontee isaanii ta'i.


Innillee, «Deema'aa dhiyana mishaa nyaadhaa'a, daadhii woyini'ii mi'aayaallee dhugaa'a, worra waa hin qabneefillee ergaa'a, adhi guyyaa Gooftaa keennaaf woyyoome; gammachuun Rabbii hunna keessan waan ta'eef hin gaddinaa'a» isaaniin jedhe.


Maqaa woyyuu isaatitti gammadaa'a! Namni Rabbiin soqu maruu haa gammaduu!


Akkasuma worri Israa'elii maruu xurumbaa, boobaa leemmanii afuufa'aa meeshaa shaka shaka jedhu, masiinqoo fi dibbee dhaya'aa saanduuqa waadaa Rabbii fidan.


Haannaan, «Garaan kiyya Rabbitti gammade, ulfinnaan waan ol na qabeef waan inni na baraareef, ani diintota kiyyatti hin kolfa.


Ati, ijoolleen tee ta dhiiraatii fi ta intalaa, garboonni tee ta dhiiraatii fi ta intalaa, worri Leewwi'ii ka biyya kee keessa jiru, hiyyeeyyiinii fi worri sitti galee si woliin jiraatu, haati hiyyeessaallee hulee Rabbi Waandhi kee itti waaqeffamu'uuf filatetti Rabbii Waaqa kee afo'otti woliin gammaddan.


Garuu ati, ijoollee tee ta dhiiraatii fi ta intalaa, garboonni tee ta dhiiraatii fi ta intalaa, worri Leewwi'ii ka qachoota kee keessa jiran woliin hulee Rabbi Waandhi kee filate Rabbii Waaqa kee afo'otti nyaadhaa'a; waan Rabbiin afo'otti gootu maraanuu gammadi.


Eeganaa waan hafeen obboleeyyan tiyya! attamitti akka jiraattanii fi Rabbiinillee attamitti akka gammachiisuu dandeettan nu irraa akka barattan, isinillee akkasumatti akka jiraattan ka duraa caalaa akka baay'attan maqaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin isin kadhanna; isin gorsina.


Tajaajiltoonni tiyya waan gara'aan gammadaniif hin faarfatan; isin garuu waan gara'aan gadditaniif hin boottan; waan keessi keessan cabeef banne banne jettan.


Isin balchoonni! Rabbiin gammadaa'a; worri qajeelaan isa galatoonfachuu barbaachisa.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite