Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:3 - Kitaaba Woyyuu

3 Bu'aa worra kiyyaatiif jechu'uun yookaan sababaa duwwaa uf jaju'uutiin waan tokkollee hin godhinaa'a. Haa ta'uu ammo isin martinuu hiriyyaa ufii akka waan isa irra caaluutitti gara laafumma'aan haa laalu.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

3 Bu'aa worra kiyyaatiif jechu'uun yookiin sababaa duwwaa uf jaju'uutiin waan tokkollee hin godhinaa'a. Haata'uu ammoo isin martinuu hiriyyaa ufii akka waan isa irra caaluutitti gara-laafumma'aan haa laalu.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

3 Gara laafnnaan guutamttanii namoonni kuunniin isin irra akka fooyaya qaban taasisa'aatii lakkaayaa malee, mataa keessan jaalalaan yookiin «Ana malee eennutu jira» ufi dhaadu'uutiin jedhuun, womaayyuu hin raawwatinaa.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:3
24 Referans Kwoze  

Jaalala obbolumma'aatiin wol jaaladhaa'a; Wol kabajjaa'a.


Ufii wolitti kakka'aa, hinaaffaa duwwa'aan akka uf hin janye.


Isin maruu ulfinna Kiristoosiitiif jedha'aatii wolii ajajamaa'a.


Kasoo ta'u'uun, gara laafumma'aan, obsa maraan, jaalalaan wolii obsaa'a.


Kanaafuu ka'imman! Manguddootaa ajajamaa'a; marti keessanuu wol jaalachu'uun wol gargaara'aatii kasummaa akka uffataa uffadhaa'a. «Rabbi worra uf jaju hin morma; worra kaso'oo ammo badhaadha kenna»


Dhaloota daba'aa fi hamaa wodhakka'atti mudaa malee gara laafeyyii ijoollee Rabbii akka taatan uduu hin gungumne, uduu hamaa hin yaanne maraa godhaa'a.


Haa ta'uu ammo isin uduu wol ciniintanii fi wol nyaattan akka wol hin balleessine uf eegaa'a!


Rabbiin qoruun, dubbi'iin wol woraanuu lola hamaa uf keessaa qaba. Kanniin keessaa hinaaffaa, mormuu, nama arrabsuu, yaada bada'aa fi aaruu fa'a.


Ani akkana isiniin jedha. Namicha fariisicha san irra namichi qaraxa guuru sun Rabbiin afo'otti balchaa ta'ee gara mana ufii deebi'e, namni ol uf qabu maruu hin salphata. Namni uf salphisu ammo hin kabajjama.»


Uf jajuun loluma callaa babadhisa; ogummaan garuu worra gorsa fudhatu biratti argamti.


Amma ammo isin lola, aaruu, dhara, nama arrabsu'uu fi dubbii nama saalfachiisu kanniin maraa uf keessaa balleessaa'a.


Hennaa ani gara keessan dhufu akka ani barbaadu taatanii isin arguu dhabuu danda'a. Anillee akka isin jaalattan san uduu hin ta'in na argitan jedhee sodaadha. Maal laataa mormiin, hinaaffaan, lolli, diiggaan, hamiin, hasaassiin, boonuun, raafamnillee hin ta'a.


Worra yaada foonii qabu waan taataniif, haga ammaa nyaata jabaa nyaachuu hin dandeettan. Hinaaffa'aa fi mormiin waan isin keessa jiruuf worra fooniin yaadu ta'uu keessanii mitii? Akka Aadaa namaatitti deddeebitanii?


Ani ergamtoota maraayyuu gadi waan ta'eef, Woldaa Kiristaanaa ta Rabbii waan ari'eef, ergamaa jedhamee waamamuun naaf hin ta'u.


Akka nama ifa guyya'aa keessa jiraatuutitti seeraan haa jiraannuu malee, sirbaa fi machi'iin hin ta'in; seebaru'uu fi wol qirqissuun hin ta'in.


Worra nama didanii bu'aa ufii soqaniif hammeeyyii ta'anii waan mishaa dhiisanii fi worra hammeenna duukaa deeman dheekkamsa Rabbiitii fi bala'atu isaan irra gaya.


Eeganaa akka filatamtoota Rabbii woyyootaa fi worra jaalataman taatanii araara, gara laafummaa, arjummaa, lash jechuu, fayyaalumma'aa fi obsa uffadhaa'a.


Waa maraanuu isin martinuu yaadaan tokko ta'aa'a. Rakkoon nama biraa akka waan keessan ta'eetitti laakkayaa'a. Akka obboleewwaniititti wol jaaladhaa'a, gara laafeyyi'ii fi kasoo ta'aa'a.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite