Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:26 - Kitaaba Woyyuu

26 Inni isin maraa arguu waan yaadeeruuf akka dhibame waan dhageettaniirtaniif gaddeera.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

26 Inni isin maraa arguu waan yaadeeruuf akka dhibame waan dhageettaniirtaniif gaddeera.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

26 Isa gara keessan ka ergu'llee mara keessanuu argu'uuf yaaduu isaatii fi isaan'llee dhukkubsachuu isaa dhagayu'uun waan sarddameef.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:26
23 Referans Kwoze  

Jaalala Yesuus Kiristoosiitiin isin maraa attam akka yaade Rabbi naa raga'a.


Kanaafuu waan keessaniif rakkinna na irra jiruuf akka hin dadhabne isin kadhadha. Kun ulfinna keessan waan ta'eef.


Worra gammadan woliin gammadaa'a; ka booyu woliinillee booyaa'a.


Namoota Tsiyooniin keessaa booyanii bikka daara'aa korbobboo abaabo'oo bikka imimmaan isaanii dhadhaa ejersaa, bikka gaddaa dhadhaa gammachu'uu bikka keessi isaanii gadde uffata ulfinnaa ka galataa akka kennuuf na erge; isaan ulfinna isaa akka mudhisan «Qilxuuwwan balchumma'aa ka Rabbi dhaabe» jedhamanii waamaman.


Garaan nama shukuluu gaddaan duudhatama; jechi mishaan garuu hin gammachiisaan.


Kanaafuu obboleeyyan tiyya! worri ani yaaduu fi jaaladhu, worri badhaasa, gammachu'uu fi kallacha kiyya taatan, Akkasuma Goofta'aan dhaabadhaa'a.


Hin sobu; sammuun kiyya ka Ayyaana Woyyu'uun masakkamullee, akka ani hin sobne naa raga.


Pheexroosii fi ilmaan Zabdewoosii lamaanuu fudhatee, yaaddayu'uu fi gadduu jalqabe.


Isin dadhabdoonni worri ba'aan keessan isinitti ulfaate maruu gara kiyya koottaa'a. Ani hara isin baafachiisa.


Arrabni onnee na miidheera; abdiin kiyyallee dhumateera; ka na jajjabeessu soqe; garuu hin arganne; ka na booharsu soqe; garuu tokkollee hin turre.


Daawiti mootichi gadda du'a Aminoonii haga dhiise Abeseloomiin bira dhaqu'uuf guddisee yaade.


Kanaan guddiftanii gammaddan. Haa ta'uu ammo worqii ibiddaan haga fedhe qoramee badu caalaa amantiin keessan kabajjamaan qorame


Hennaa maraa kadhaa kiyyaan waan keessan maraa gammachu'uun Rabbiin kadhata'aa guyyaa duraatii jalqabee haga ammaa Dubbii Nagayaa lallabu'uun na woliin waan hojjattaniif hennaa isin yaadu maraa Rabbii kiyya hin galatoonfadha.


Isin keessaa gari gariin ba'aa nama kaanii haa baadhatuu; akkasuma seera Kiristoosii raawwadhaa'a.


Isaan hennaa Rabbiin isinii kadhatan badhaadhummaa waa maraa caalu saniif isin yaadan.


Qaamni tokkollee uduu rakkatee qaamni maruu isa woliin rakkatan; qaamni tokko yoo ulfinna argate qaamni maruu isa woliin gammada.


Akka isin jabaattaniif kennaa Ayyaanaa isinii qoodu'uuf isin arguu hawwa.


Phaawuloos ammo deebisee, «Booya'aa qalbii tiyya shukulsiisuun keessan maali'i? Ani waan Goofta'aatii fi waan maqaa Yesuusiitiif Yerusaalemitti du'u'uuf qophaayeera; hidhamuu calla'aafii miti» jedhe.


Ani gungummii kiyya guddaa hin irraanfadha; fuula kiyya gurraacheessuu dhiisee yoo fuula ifa jedhe;


Daawiti hennaa maleekkaa banii dhaya'aaru arge Rabbiin, «Ani hin yakke; hujii dabaa hojjadhe; garuu baniin kun maal balleesse? balaan kun anaa fi mana abbaa kiyyaa irra akka ta'u si kadhadha» jedhee dubbate.


Akkasuma obboleessa kiyya ka na woliin hojjata'aa fi loltuu ta'e, isiniif ammo ka ergamaa ta'eef, ka waan na barbaachisuun na tajaajilu Ephafrodixosiin isinii erguun giddi'i.


Inni dhugamaan dhibamee du'uu gaye. Haa ta'uu ammo Rabbi hin fayyiseen. Gadda irratti gadda akka natti hin edaane, gaddi sunillee anaaf malee isa calla'aafii miti.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite