Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:22 - Kitaaba Woyyuu

22 Haa ta'uu ammo ana woliin akka abba'aa fi ilmaa taanee, Dubbii Nagayaa na woliin akka tajaajilee fi akka qoramellee isinuu hin beettan.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

22 Haata'uu ammoo ana woliin akka abba'aa fi ilmaa taanee, Oduu Nagayaa na woliin akka tajaajilee fi akka qoramellee isinuu hin beettan.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

22 Ximotewos amanamummaan isaa qormaatamee ragaan ka bayameef ta'uu isaatii fi anaan woliin'llee akka abba'aatii fi akka ilmaa titti, woliigallee wongeela barsiisu'uun woliin yoo hojjata'aa turuu keenna, isin mataan keessanuu ni beekittan.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:22
20 Referans Kwoze  

Kanaafuu Ximootewoosii jaaladhu amanamaa Goofta'aan ilma kiyya ta'e isinii ergeera. Akkuma ani hulee marattuu woldaa Kiristaanaa barsiisu, karaa kiyya ka Kiristoos Yesuusiin ta'u innillee isin qaabsisa.


Ilma kiyya jaalatamaa Ximootewoosiif; Rabbii Aabbaa fi Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin irraallee badhaadha, araaraa fi nagaya sii haa kennu.


Ilma kiyya jaalatamaa Ximootewoosiif badhaani, araarrinii fi nageenni Rabbii Abbaa irraa fi Gooftaa keenna Yesuusiin irraa sii haa ta'u.


Wonti isinii barreesseef qormaata isin irra gaye akka injifattanii fi waa maraanuu worra ajajamu akka taatan beeku'uuf ture.


Mucaa kiyya Ximootewoos! Duraan dursee waan kee akkuma raagaan himame Kiristoosiin keessaan lola mishaa akka loltuuf ajaja kana yaboo sitti kenna.


Hennaa heddu waan hedduun isa qoree, akka inni cimaa ta'e waan argineef ammallee guddisee waan isin hedatuuf; obboleessa keenna Tiitoo fa'a woliin hin ergina; inni ta duraa caalaa guddisee jaba'a.


Tokkummaa amanta'aatiin Tiitoo ilma kiyya ka dhuga'aatiif: Rabbi Aabbaan, qoricha keennaa fi Gooftaa Yesuus Kiristoosiin irraa badhaani, araaraa fi nageenni sii haa ta'u.


Ati ammo barumsa kiyya, jireenna kiyya, kaayoo kiyya, amantii kiyya, obsa kiyya, jaalala kiyyaa fi jabaachuu kiyya maraa hin beetta;


Nama waan jiruu keessanii qajeellumma'aan yaadee dhiphatu, ani isa malee nama biraa eennuunillee waan hin qabneef.


Eeganaa waan jaalala keessaniitiif waan boona nu isiniin boonnuu, tokkummaa woldaa Kiristaanaa afo'otti isaanii ibsaa'a.


Akka nama ajaja kennuu kana hin jedhu; haa ta'uu ammo karaa ciminna worra biraatiin dhugaa jaalala keessanillee akkasuma qoru'uuf kana jedha.


Waan isaa, obboleewwan Lisxiraanii fi Iqooniyoon jiran ragaa ta'aniif.


Yoo Ximootewoos isin bira dhufe, inni sodaa malee akka isin woliin taa'u godhaa'a. Inni akkasuma akkuma kiyya hujii Goofta'aa waan hojjatuuf; kanaafuu eennullee akka isa hin tuffanne.


Isin waan garaa kiyya keessa jirtaniif ani waan keessan maraaf akkana yaaduun kiyya dhuga'a. Hidhama kiyya keessattillee falmachuu kiyyaaf akka Dubbiin Nagayaa cimee dhaabatu godhuu kiyya keessatti, martii keessan Ayyaana naa kenname keessaa qoodamtaniirtan.


Obboleeyyan tiyya! kun wonti na irra gayeef, dhugamaan Dubbii Nagayaa badhisu'uuf akka ta'e akka beettan barbaada.


Kunniin akka ani waan Dubbii Nagayaatiif tamaaggataa ta'ee muudame beekanii jaalalaan himan.


Kanaafuu obboleeyyan uduu yaadachiiftee amanti'ii fi dubbii barumsa mishaa hordofteen yoo dubbii barsiifte, tajaajilaa mishaa Yesuus Kiristoosii taata.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite