Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:2 - Kitaaba Woyyuu

2 Yaada tokkoon wolii galaa'a; jaalala tokko, qalbii tokkoo fi yaada tokko qabaadhaa'a.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

2 Yaada tokkoon wolii galaa'a; jaalala tokko, qalbii tokkoo fi yaada tokko qabaadhaa'a.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

2 kanaaf yaadaan, jaalalaan, hafuuraan, kaayyoon wolii gala'aa, gammachuun kiyya guutu akka ta'u taasisaa.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:2
28 Referans Kwoze  

Isin wol ta'u'uun jiraadhaa'a; worra jiruu gad aanaa jiraatan woliin tokko ta'u'uuf hayyamaa malee isaanitti uf hin jajinaa'a; ufiinillee hin dhaadatinaa'a.


Haa ta'uu ammo obboleeyyan tiyya! Isin maruu dubbii tokko akka dubbattan garaa tokko fi yaada tokkoon worra wol ta'u akka taataniif malee addaan wol fooyuun isin jiddu'utti akka hin taane, Maqaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin isin kadhadha.


Waan hafeen obboleewwan tiyya! nagayaan taa'aa'a. Guutuu ta'aa'a; gorsa kiyya dhagayaa'a; yaada tokko ta'aa'a; nagayaan jiraadhaa'a; Waandhi jaalalaatii fi nagayaa isin woliin ta'a.


Wonti akka ijoolleen tiyya dhuga'atti jiraachuu isaanii dhagayu'uu na gammachiisu waan hin jirreef.


Kanaafuu duwwa'aaf akka hin dadhabneef ani duwwaa akka hin fiinne, guyyaa Kiristoos dhufu waan ittiin dhaadadhu naa ta'a.


Guyyaa maraa garaa tokkoon, mana sagadaatitti, mana isaaniitittillee wol gayanii jabaatanii xoroshoo woliin nyaata'aa gammachu'uu fi garaa qulqullu'uun hurbaata ufii nyaatan.


Akkuma ajaja Aabbaan irraa fudhanneen ijoollee tee keessaa gari gariin hennaa dhuga'aan jiraatan waan argeef gammadeera.


Nu ammo worra Goofta'aan jaalatamtan! hennaa maraa waan keessaniif Rabbiin galatoonfachuu nu barbaachisa. Rabbi Ayyaanaan woyyoomuu dhugaallee amanu'uun fayyinnaaf akka hangafaatitti waan isin filateeruuf.


Fooniin yoo hagamillee fagaadhe, ayyaanaan isin woliin waan jiruuf seera keessanii fi jabeenna amantii keessanii ka Kiristoosiin qabdan arga'aa gammada.


Jaalatamtoota tiyya, yaada tokkoon Goofta'aan akka wolii galaniif, Eewodiyaanii fi Sinxiikee hin gorsa.


Nama waan jiruu keessanii qajeellumma'aan yaadee dhiphatu, ani isa malee nama biraa eennuunillee waan hin qabneef.


Dhufuu isaa calla'aanii miti; nuu yaaduu keessaniif booyicha keessan waan kiyyaafillee ammo hinaafuu keessan hennaa inni nutti himu jajjabeenna nu isiniin jajjabaanneen akkasuma ka duraa caalaa gammanneerra.


Wonti akkasitti isinii barreesseef hennaa gara keessan dhufe worri na gammachiisuun isaan barbaachisu akka na hin gaddisiifneef jedhee gammachuun kiyya gammachuu isin maraati jedhee isin maraa waan hedadheef.


Harka ergamtootaatti malkanni hedduu fi maalaleen banii jiddu'utti ta'e. Maruu yaada tokko ta'anii bakka mana utubaa wogga'aan qabamee ka balbala Solomooniititti wol gayan.


Kunniin maruu dubartoota, haadha Yesuusii Maariyaamii fi obboleeyyan woliin yaada tokko ta'anii Rabbiin kadhachu'uun jabaatan.


Ka idaayyittiin jette inni Idaayya'a. Jaalli dhaabatee dhagayu ammo laagaa Idaayyichaatitti guddisee gammada. Eeganaa gammachuun kiyya raawwatame.


Imimmaan kee yaada'aa gammachu'uun guuttamu'uu fi si arguu hawwa.


Guyyaan Ayyaana shantameesso'oo ka, «Pheenxeqoosxee» jedhamu hennaa gaye, maruu yaada tokko ta'anii uduu woliin jiran;


Obboleessa kiyya! Maqaa Goofta'aatiin waan kana naa godhi; Kiristoosiin keessaan garaa naa qabbaneessi.


Sababaa obboleewwan kiyyaatii fi goshoota kiyyaa ani Yerusaalemiin «Nagaya ta'i!» jedhaan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite