Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:19 - Kitaaba Woyyuu

19 Haa ta'uu ammo anillee akkasuma waan jireenna keessanii beekee akka gammadu, daddafee Ximootewoosiin isinii ergu'uuf Gooftaa Yesuusitti abdii godha.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

19 Haata'uu ammoo anillee akkasuma waan jireenna keessanii beekee akka gammadu, daddafee Ximotewosiin isinii ergu'uuf Gooftaa Yesuusitti abdii godha.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

19 Ani Waayee keessan dhagayu'uun akka jajabaadhuuf, Ximotewosiin dadafaan gara keessan ergu'uuf, akka ana danddeessisu Gooftaa Yesusiin abddii ni taasisa.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:19
22 Referans Kwoze  

Kanaafuu Ximootewoosii jaaladhu amanamaa Goofta'aan ilma kiyya ta'e isinii ergeera. Akkuma ani hulee marattuu woldaa Kiristaanaa barsiisu, karaa kiyya ka Kiristoos Yesuusiin ta'u innillee isin qaabsisa.


Waan amantii keessaniitiif akka isin jajjabeessuu fi akka isin gorsu, obboleessa keenna tajaajilaa Rabbii ka nu woliin Dubbii Nagayaa Kiristoosii hojjatu Ximootewoosiin gara keessan ergineerra.


Garboota Yesuus Kiristoosii Phaawuloosii Fi Ximootewoosiin irraa, worra qachaa Filiphisiyuusii keessa jiraatan worra qulqullootaa ka karaa Yesuus Kiristoosiitiin qajeellota ta'an maraaf; akkasuma jaarsotaa fi gargaartoota woldaa Kiristaanaatiif:


Eegasuu ammallee yoo isa argitaniin akka gammaddan, anaafille gaddi akka naa salphatu guddisee ariifadhee ergaan.


Bikka san, «Yoo Gooftaan jedhee fi yoo jiraanne, kana yookaan san goona» jechuu barbaachisa.


Sababaa kanaan rakkinni na irra gayeera. Haa ta'uu ammo rakkinna na irra gaye kanaan hin saalfadhu; ka amane waan beekuuf, yaboo itti kenne haga gaafa guyyaa sanii akka eeguu danda'u hubadheera.


Obboleeyyan tiyya! Hennaa maraa waan keessaniif Rabbiin galatoonfachuu nu barbaachisa; amantiin keessan guddisee guddata'aa, jaalalti isin wolii qabdanillee ittuma eda'a'aa waan deema'aaruuf, galatoonfachuun keenna sirri'i.


Isinillee akkasuma dubbii dhuga'aa, innillee Dubbii Nagayaa keenna ka isin fayyise dhageettanii akkasuma Kiristoositti amantanii Ayyaana abdi'iitiin Ayyaana Woyyu'uun chaappeeffamtaniirtan.


Ximootewoosii na woliin hojjatu, akkasuma worri firtoota kiyya ta'an Luuqiyoos, Iyyaasoonii fi Susiphaxiroosillee nagaya isiniin jedhaniiran.


Akkasuma Isaayyaasillee, «Ka fiixaa Isseyii keessaa dhalatu hin dhufa; inni worra Yihuudii hin taane bulchu'uuf hin ka'a, worri Yihuudii hin taane abdii godhatan» jedha.


Worri Yihuudota hin ta'inillee abdii isaa hin argatan.


Rabbi akkana jedha, «Namni na dhiisee nama abdatuu fi ‹hunna naa ta'a› jedhee ka foon uffata'aan dhaadatu ka abaarame haa ta'u.


Phaawuloos gara Darbe'ee fi Lisxira'aa gaye; Lisxiraa keessa darasaa Ximootewoos jedhamu ka haati isaa saba Yihuudi'ii, ka abbaan isaa ammo nama Giriikii ta'etu ture.


Isinillee akkasuma gammadaa'a. Na woliinillee gammadaa'a.


Waan kanaaf anillee akkasuma hennaa obsuu dadhabe maal laataa seexanni nama ataabu isin ataabeera. Dadhabbiin keennallee duwwaa ta'eera jedhee waan sodaadheef, amantii keessan beeku'uuf isa ergeera.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite