Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:16 - Kitaaba Woyyuu

16 Kanaafuu duwwa'aaf akka hin dadhabneef ani duwwaa akka hin fiinne, guyyaa Kiristoos dhufu waan ittiin dhaadadhu naa ta'a.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

16 Kanaafuu duwwa'aaf akka hin dadhabneef ani duwwaa akka hin fiinne, guyyaa Kiristoos dhufu waan ittiin dhaadadhu naa ta'a.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

16 Kun'llee ka ta'u dubbii jireenni ittiin argamu uduu addaan hin kutin jabeessitanii qabachu'uun, bifa kanaan fiigichi kiyya ta'ee hujiin kiyya'llee tasa ta'ee waan hin hafinneef yeroo Kristos deebi'ee dhufutti, waan ittiin dhaadadhu ni qabaadha jechu'u.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:16
24 Referans Kwoze  

Kanaaf ani akka worra kaayyoo malee fiiguutitti hin fiigu; akka nama qilleensa qabuu maraafuu akkanumaan hin dadhabu.


Akkuma Rabbi mudhata naa kenneen bayee, maal laataa duwwama akka hin fiinne, yookaan duwwamallee fiigee akka hin jiraanne worra Yihuudii hin taane jiddu'utti Dubbii Nagayaa isaaniin gaye. Worra ijoo fakkaatanii mudhataniif hojjatti isaanitti hime.


Waan dubbii jireennaa ka dura ture ka gurra keennaan dhageenne, ka ija keennaan arginee guuttannee laalle, ka harka keennaanillee qaqqabne isinitti odeessina.


isinillee worra nuun boonu akka taatan, nullee akkasuma worra isiniin boonu akka taanu, waan mishaa waan keenna akka hubattan, guutumatti akka hubattan abdii godha.


Simoon Pheexroos, «Gooftaa kiyya! gara eennuu deemna? Ati dubbii jireenna bara baraa qabda.


Waan kanaaf anillee akkasuma hennaa obsuu dadhabe maal laataa seexanni nama ataabu isin ataabeera. Dadhabbiin keennallee duwwaa ta'eera jedhee waan sodaadheef, amantii keessan beeku'uuf isa ergeera.


Ka Jireenna namaa kennu Ayyaana Rabbiiti. Foon womaa hin fayyadu, dubbiin ani isinitti hime Ayyaana, jireennalle'e.


«Ani akkana isiniin jedha, ka nama afo'otti ragaa naa bayu maraafuu, Ilmi namaallee maleekkota Rabbii afo'otti ragaa bayaaf.


Dubbiin Rabbii jiraata'a; hunna hojjatuunillee uf keessaa qaba; guraadee gara lamaan qara qabu caalaa qarama'a; lubbuu, hafuura, ribuu, lafe'ee fi dhuka haga gar gar baasutti woraanee seenuu danda'a; miira onne'eetii fi ka yaadaa qora.


Isin worri lammeessoo dhalattan fiixaa badu irraa miti. Dubbii Rabbii ka bara baraan jiraatuun fiixaa hin banne irraa dhalattan malee.


Abdiin keenna, gammachuun keennaa fi Kallachi ulfinna keennaa eennu? gaafa Gooftaan keenna Yesuus dhufu, isa afoo dhaabannee worri ittiin boonnu isin malee eennu?


Maal laataa, «Tasa isiniif xaare» jedhee isin sodaadha.


Ani garuu «akkanumaan duwwaa dadhabe; faayidaa malee hunna kiyya fixadhe; ta'ullee gatiin kiyya Rabbiin bira jira; gatiin dadhabbii kiyyaa Waaqa bira jira» jedhe.


Waandhana! ati ijoollummaa kiyya irraa jalqabdee na barsiifte; anillee haga adhaa maalalee hujii keetii labsa.


Ayyaanninii fi idaayyittiinillee «koottu!» jedhan. Ka dhagayullee «Koottu!» haa jedhuu; ka dheebotellee haa dhufuu ka fedhe bisaan jireennaa akkanumaan haa fudhatuu.


«Isin obboleeyyan teenna! fiixaa ijoollee Abrahaamiitii fi isin keessaa worra Rabbiin sodaatan, dubbiin fayyiinsaa kun isinii ergame.


Waan ani dukkana keessatti isinitti himu isin ifaan dubbadhaa'a. Waan hasaassi'iin dhageettan gumii afo'otti lallabaa'a.


Gumii yaa'ii guddaa keessatti dhugaa kee dubbadhe; ati balchummaa kiyya hin beetta; ani dubbachuu hin dhiisu.


Innillee akkasuma guyyaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii mudaa malee akka jiraattan haga dhumaa isin dhaaba.


Ka isiniin hujii mishaa jalqabe, haga guyyaa Yesuus Kiristoos deebi'ee dhufutti akka raawwatu kana waan hubadheeruuf.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite