Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:15 - Kitaaba Woyyuu

15 Edduu isaaniititti dubbii jireennaa dhiyeessa'aa adunyaa tana keessatti akka ifaatitti mudhattan.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

15 Edduu isaaniititti dubbii jireennaa dhiyeessa'aa adunyaa tana keessatti akka ifaatitti mudhatan.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

15 Kun'llee yoo ta'e dhaloota daba'aa fi badaa kana jiddu'utti, heeyibi'ii fi ashaan ka isaanitti hin jirre qulqulluuwwan ijoollee Waaqaa ta'u'uun, biyya lafaa kanatti akka urjjiiwwan titti ni ifittan.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:15
42 Referans Kwoze  

Worra hujii keessan mishaa arga'aa akka waan hamaa hojjattaniititti maqaa isin balleessan, guyyaa Rabbi banii ufii laalu'uuf dhufu akka Rabbiin kabajjan worra isin hamatan jiddu'utti jireenni keessan mishaa haa ta'uu.


Yaa Yerusaalem! ifti kee sii dhufeeraa ka'ii ibsi; ulfinni Rabbii si irratti ifa.


Waandhi nagayaa qaama keessan hundaa haa woyyoomsu; ayyaanni keessan lubbuunii fi foon keessanillee hennaa Gooftaan keenna Yesuus Kiristoos dhufu mudaa malee haa eeggamanii.


Isaan worra battaayan; kanaafuu ijoollee isaatii miti. Waan badaa uf irraa qaban isaan dhaloota daba'aa fi worra gara gaggalu.


Kanaafuu jaalatamtoota tiyya! waan kana eeggata'aa fafaa fi mudaa malee nagayaan Rabbiin woliin akka jiraattan jabaadha'aa cimaa'a.


Innillee akkasuma guyyaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii mudaa malee akka jiraattan haga dhumaa isin dhaaba.


Uduu hin mormineef hin hanne amanamummaa mishaa mara akka argisiisan isaan gorsi.


Isin ammo dukkana keessaa gara ifa isaa ka maalale'eetitti ka isin waame, dhaloota mishummaa isaa dubbatu'uuf filatame, gadicha mooti'ii, banii woyyu'uu fi gosa ristii isaatiif fooyame.


Akkuma Abbaan keessan ka sami'ii guutuu ta'e, isinillee akkasuma guutuu ta'aa'a.»


Kunniinillee akkasuma duraa haa qoratamanii; achiin maayessa worra mudaa hin qabne yoo ta'an, gargaartoota ta'anii haa tajaajilanii.


Eegasuu tooyataan ka mudaa hin qabne, nama haadha manaa tokkottii qabu, ka uf qabuu fi ka hagatti jiraatu, ka akka barbaadamutti hojjatu, ka keessummaa simatu, ka barsiisuu danda'u,


Xurii yookaan fuula qonshooruu yookaan wonti akkana jiru kun uduu isii irratti hin taane, woyyitti'ii fi ta mudaa hin qabne akka taatu, woldaa Kiristaanaa kabajjamtuu ta ufii godhatuu barbaade.


Ajajamuun keessan nama maraa biratti waan dhagayameeruuf isinitti hin gammada; haa ta'uu ammo waan misha'aaf ogeeyyii ta'aa'a; wonti hamaan ammo akka isin hin qabne barbaada.


Jecha biraallee heddu ragee, «Dhaloota dabaa kana jalaa uf oolchaa'a» jedhee isaan gorse.


Yesuus ammallee, «Ani akka hoolota Yayyii jidduu dhaxxuu isin erga; maarre akka bofaa qaroo, akka handari'ii gara laafeyyii ta'aa'a.


Woyyu'uu fi ka dhara hin qabne, ka mudaa hin qabne, ka cubbamtoota irraa fooyamee fi ka samii irratti kabajjame hayyichi gadichi akkanaa kun nu barbaachisa.


Kana maraa baalli'iin dubbadhu, gorsi, uf eeggachiisi. Eennullee si hin tuffatin.


Manguddoonni Woldaa Kiristaanaa ka mudaa hin qabne, ka haadha manaa tokkotti'ii fi ka ijoollee amanan qabu, waan adaba dhabu'uutii fi ajajamu didu'uun ka hin himatamne yoo jiraate muudi.


Worri biraallee akka sodaatan, worra cubbuu hujan nama maraa afo'otti gorfadhu.


darasootallee duubatti harkisu'uuf namoonni waan micciiramaa qaaqan isin keessatti akka dhalatan ani hin beeka.


Inni ibsoo bobayuu fi ifu. Isinillee bara diqqo'oof ifa sanitti gammaduu barbaaddan.


Isin garuu diintota keessan jaaladhaa'a; waan mishaa isaanii godhaa'a, womaa uduu abdii hin goone liqeessaa'a; yoo san gatiin keessan guddaa ta'aa; Ijoollee Rabbii taatan. Inni worra isa hin galatoonfannee fi worra hamootaafuu arjaa waan ta'eef.


Yesuus deebisee, «Isin dhaloota daba'aa fi worra hin amanne nana! Haga yoomii isin woliin jiraadha? Haga yoomii isinii obsa? mucaa gara kiyya fidaa'a!» jedhe.


Worri sanyii Daawitii keessaa mootii ta'an maruu banii ufiitii murtii kennu'uuf qachattii tana keessa jiraatan.


Worri Yihuudota uduu hin taane nu Yihuudota jedha'aa soban, worri woldaa seexanaa ta'an gara kee dhufanii luka kee jalatti akka sagadaniif akka isaan akka ani si jaaladhu beekan taasisa.


Eegasuu durboonni qacaleen akka heeruman, ijoollee akka dayanii fi mana ufiillee akka bulchan, worri nu mormu maqaa akka nu hin balleessine isaan kana gorsa.


Isaanillee mudaa malee akka jiraataniif ajaji.


Kanaafuu Gooftaan, «Isaan keessaa baya'aa gargar fooyamaa'a; waan battii hin tuqinaa'a. anillee isin simadhaa;


Isaan lamaanuu ajaja Goofta'aatii fi seera maraanuu mudaa malee jiraachu'uun Rabbiin afo'otti qajeellota turan.


Karaan worra balcha'aa akka ifa haga guyyaa guutu'uu ifa'aa deemuu ka akka gagaarrinna ganamaati;


Dubbiin afaan kiyyaa bayu maruu balcha'a; tokkollee daba'aa fi faalla'aa miti.


Achiin maayessa worri kuuwwan ka biyya bulchanii fi worri baallii qaban yakka waan Daani'eel hojjatu hujii mana mootumma'aa irratti isa himatu'uuf sababaa irra soqa'aa turan; Daani'eel ammo nama uf eeguu fi amanamaa waan tureef dogoggora yookaan yakka woyiituu isa irratti arguu hin dandeenne.


Waan hinaaffa'aa yoo gaafattan, woldaa Kiristaanaa balleessu'uuf ari'a'aa ture. Waan qajeellummaa seeraan argamuu yoo na gaafattan mudaa malee ture.


Eeganaa maal irraa akka kufte yaadadhu. Aagiillee gali; hujii kee ka duraa san hojjadhu. Yoo cubbuu irraa deebi'uu baatte dhufee baattuu ibsa'aa kee hule'ee si jalaa fuudha.


Ijoolleen Israa'elii akka fuulli Muuse'ee ife laala'aa turan; inni Rabbiin woliin qaaqu'uuf haga seenuuf deebi'ee fuulatti haguuggata ture.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite