Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:14 - Kitaaba Woyyuu

14 Dhaloota daba'aa fi hamaa wodhakka'atti mudaa malee gara laafeyyii ijoollee Rabbii akka taatan uduu hin gungumne, uduu hamaa hin yaanne maraa godhaa'a.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

14 Dhaloota daba'aa fi hamaa wodhakka'atti mudaa malee gara-laaffeeyyii ijoollee Rabbii akka taatan uduu hin gungumne, hamaa uduu hin yaanne maraa godhaa'a.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

14 Hujima kamiinuu yoo hojjattanitti hin guunguminaa yookiin wol hin mormminaa.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:14
36 Referans Kwoze  

Guungummii tokko malee wol keessummeessaa'a.


Isaan keessaa gari gariin akkuma gururi'anii waan balleessuun badan hin gururi'inaa'a.


Bu'aa worra kiyyaatiif jechu'uun yookaan sababaa duwwaa uf jaju'uutiin waan tokkollee hin godhinaa'a. Haa ta'uu ammo isin martinuu hiriyyaa ufii akka waan isa irra caaluutitti gara laafumma'aan haa laalu.


Obboleeyyan tiyya! Akka isinitti hin murtoofneef wolitti hin gururi'inaa'a! Kunoo abbaan murti'ii balbala afoo dhaabateera.


Yoo isinii danda'ame karaa keessaniin nama maraa woliin nagayaan jiraadhaa'a.


Eennullee eennuun irratti waan hamaa akka hin deebifne uf eegaa'a. Haa ta'uu ammo hennaa maraa martii keessanuu waan mishaa wolii godhu'uuf jabaadhaa'a.


Aariin namaa qajeellummaa Rabbii hin hojjatu.


Ufii wolitti kakka'aa, hinaaffaa duwwa'aan akka uf hin janye.


Haa ta'uu ammo isin uduu wol ciniintanii fi wol nyaattan akka wol hin balleessine uf eegaa'a!


Hadhaan hinaaffa'aa fi wol qooduun garaa keessan keessa yoo jiraate, kanaan uf hin jajinaa'a. Dhugaa malee soba hin dubbatinaa'a.


Nama amanti'iin dadhabellee ufitti qabaa'a; yaada isaa irratti hin murteessinaa'a.


Daaseewwan ufii keessatti guunguman; laagaa Rabbii hin dhageenne.


Kunniin worra akka fedha dharraa ufiitiin jiraata'aa guungumanii fi worra waan hiree ufiitiif gururi'an. Isaan akka isaanii toluuf nama wol caalchisa'aa hagaa ol dubbii guddaa dubbatan.


Inni hamaa irraa haa fagaatuu; waan mishaa haa hojjatuu, soqatee faanaa haa deemu,


Namoota maraa woliin nagayaan jiraadhaa'a; Woyyoomuu barbaadaa'a. Isaan malee ka Gooftaa arguu danda'u waan hin jirreef.


Haa ta'uu ammo Obboleeyyan tiyya! worra barumsa isin barattan mormanii fi gar gar bayiinsa uumanii namootatti gufuu ta'an, addaan baaftanii akka laaltaniif irraallee akka fagaattan isin kadhadha.


Hennaa Phaawuloosii fi Baarnaabaas isaan jiddu'utti mormiin ka'e, waan wol mormii Phaawuloosii fi Baarnaabasiitiif isaan keessaa gari gariin namoonni biraallee gara ergamtootaa fi gara manguddootaa gara Yerusaalemii akka bayan murtaaye.


Bara san keessa darasoonni eda'a'aa deeman; Yihuudonni biyya Giriikiitii dhufan Yihuudota Yihuudaa keessa jiraatanitti guunguman. Tajaajila guyya guyya'aan hojjattama'aa ture keessatti isaan dubartoota abbaa worraa hin qabne waan dagataniif.


«Banii badaa natti guguungumu kana ani haga yoomii isaanii obsa? Ani guguunguma ijoolleen Israa'elii natti guguungumtu dhagayeera.


Hennaa ani gara keessan dhufu akka ani barbaadu taatanii isin arguu dhabuu danda'a. Anillee akka isin jaalattan san uduu hin ta'in na argitan jedhee sodaadha. Maal laataa mormiin, hinaaffaan, lolli, diiggaan, hamiin, hasaassiin, boonuun, raafamnillee hin ta'a.


Kanaafuu Phaawuloosii fi Baarnaabaas wol dhabanii adda bayan. Baarnaabaas Maarqoosiin fudhatee markabaan gara Qophiroosii deeme.


Haga guddisanii wol mormaniin maayessa Pheexroos ka'ee akkana isaaniin jedhe, «Obboleewwan tiyya! worri Yihuudii hin taane afaan kiyya irraa Dubbii Nagayaa dhagayanii akka amanan Rabbi bara hago'oon dura isin keessaa akka ana file isinuu hin beettan.


Urgooftuun tun dinaara dhibbaa olitti gurguramee qarshiin sun uduu hiyyeeyyi'iif kennamee silaa woyyaa tureu» jedhanii hincinnaayanii isi'iin lolan.


Haga fudhataniin maayessa abbaa maasaa woyini'ii irratti guunguman.


Uf jajuun loluma callaa babadhisa; ogummaan garuu worra gorsa fudhatu biratti argamti.


Hennaa Yesuusii fi darasoonni sadiin gara darasoota kaawwanii dhufan gumiin guddaan isaan marsanii barsiisonni Seera Muuse'ee hennaa isaaniin wol morman arge.


Faariisotaa fi barsiisonni seera Muuse'ee gariin, «Isin maaf qaraxxootaa fi cubbamtoota woliin nyaattan? maaf dhuddan?» jedhanii darasoota Yesuusiititti guunguman.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite