Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:1 - Kitaaba Woyyuu

1 Karaa Kiristoosiitiin gorsa, jaalalaan jabaachu'uun, Ayyaana Woyyu'uun tokkummaa wolii qabaachu'uun, gara laafinnaa fi araaraan gammachuu kiyya fiixaan naa baasaa'a.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

1 Karaa Kiristoosiitiin gorsa, jaalalaan jabaachu'uun, Ayyaana Woyyu'uun tokkummaa wolii qabaachu'uun, gara-laafinnaa fi araaraan gammachuu kiyya fiixaan naa baasaa'a.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

1 Kristosiin jajabaachuu yoo qabaattan, jaalala isaatiin ka jajabaattan yoo taatan, Hafuura Qulqulluu woliin'llee tokkummaa yoo qabaattan, ufii keessanii'llee wolii mishumma'aa fi garaa laafnna yoo wolitti muldhifttan,

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:1
42 Referans Kwoze  

Eeganaa akka filatamtoota Rabbii woyyootaa fi worra jaalataman taatanii araara, gara laafummaa, arjummaa, lash jechuu, fayyaalumma'aa fi obsa uffadhaa'a.


Ka Rabbiin arge eennullee hin jiru. Nu yoo wol jaalanne Rabbi nu keessa jiraata. Jaalalti isaallee nu keessatti guutu'u.


Ayyaanni Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii, jaalalti Rabbiitii fi tokkummaan Ayyaana Woyyu'uu isin maraa woliin haa ta'u. Amiin!


Onneen isaanii akka jajjabaatu jaalalaanillee wol ta'anii gara qalbifannaa hubanna'aan argamuutitti, gara durummaa maraa akka gayan, dhossaa Rabbii isallee Kiristoosiin akka beekaniif wondhaansa isaaniif baya.


Yihuudii yoo taane, namoota Giriikii yoo taane, garboota yoo taane, wolabootallee yoo taane, nu maruu Ayyaana tokkoon qaama tokko akka taanu waan cuuphamneerruuf; nu maruu Ayyaana tokko keessaa dhunneerra.


Obboleewwan tokkumma'aan yoo jiraatan, misha'a; akkam bareeda!


Daraaraan Ayyaanaa ammo jaalala, gammachuu, nagaya, obsa, arjummaa, mishooma,


Ilmaan isaa waan taaneef Rabbi Ayyaana, «Abbaa!, Abbaa!» jedhee waamu gara keenna erge.


Worri amanan garaa tokko fi yaada tokko qaban. Wonti isaan qaban maruu ka woliiti malee, ka qaban keessaa eennullee kiyya jedhee hin dubbatu.


Ka ajaja isaa eegu maruu isaan jiraata. Innillee isaan keessa jiraata, akkaataa kanaan akka nu keessa jiru Ayyaana isaa ka inni nuu kenneen beenna.


Ammallee gara kee hin dhufa isaan biratti gammachuun kiyya ka raawwatame akka isaaniif ta'u kana biyya lafaa keessatti dubbadha.


Nullee jaalala Rabbi nuu qabu beenneerra; amanneerralle'e. Rabbi jaalala; ka jaalalaan jiraatu Rabbiin keessa jiraata; Rabbillee isa keessa jiraata.


Nu worri Ayyaanaan Rabbiin waaqeffatuu, nu worra Yesuus Kiristoosiin dhaadannu, worra waan foonii hin hedanne, worra gadoomne waan taaneef.


Isin mana Rabbii akka taatan Ayyaanni Rabbiillee akka isin keessa jiraatu hin beettanii?


Akkasuma Ayyaanni dadhabbii keenna nu gargaara; attamitti akka kadhannu nu waan hin beenneef haa ta'uu ammo Ayyaanninuu worwaata himamuu hin dandeenneen nuu kadhata.


Ayyaana Woyyuu nuu kennameen jaalalli Rabbii waan qalbii kenna keessa guuteef abdiin kun nu hin saalfachiisu.


Guyyaa maraa garaa tokkoon, mana sagadaatitti, mana isaaniitittillee wol gayanii jabaatanii xoroshoo woliin nyaata'aa gammachu'uu fi garaa qulqullu'uun hurbaata ufii nyaatan.


worra akka beekkumsa Rabbii Aabbaatiin beekkamtanii filatamtan, worra Yesuus Kiristoosii ajajamu'uuf dhiiga isaatiin biifamtanii qulqullaayu'uuf Ayyaana Woyyu'uun woyyoomtaniif; Ayyaanninii fi nageenni isinii haa guddatu.


Rabbi akka kanaan waan lamaan hin jijjiiramnee fi ka soba hin qabneen abdi'ii fi kakuu nuu galeera. Kana lamaaniin abdii nu afoo jiru jabeessinee qabatuu akka dandeennu, nu worri gara isaa dheessine jajjabeenna guddaa arganna.


Jaalala Yesuus Kiristoosiitiin isin maraa attam akka yaade Rabbi naa raga'a.


Waamamuu keessaniif akkuma hennaa waamatan abdii tokkoon waamamtan mara, qaama tokkoo fi Ayyaana tokko qabdan.


Haa ta'uu ammo Waaqa karaa Kiristoosiitiin hennaa maraa mooyanna'aan asii fi achi nu naannessu, ka nuun hulee marattuu urgaa beekkumsaa ibsuu galanni haa ta'u.


Boona Gooftaa kenna Yesuus Kiristoosii fi isiniin qabuun kakata'aa, obboleeyyan tiyya ani guyyaa guyyaan du'a.


«Ani nagaya isinii dhiisa; nagaya kiyyallee isinii kenna; nageenni ani isinii kennu ka akka Adunyaan isinii kennituu miti. Garaan keessan hin raafamin; hin sodaatina'alle'e.


«Ani akka ijoollee maatii hin qabneetitti isin hin dhiisu; gara keessan dhufa.


Hennaa san namichi maqaan isaa Simoon jedhamu ka Yerusaalemiin keessa jiraatu tokkotu jira; Inni nama qajeela'a; ka jiruu ufii Rabbiif kenneeru. Inni nama fayyinna Israa'elii eeggatu ka Ayyaanni Woyyuun irra jiru ture.


Kanaafuu garaan kiyya waan Moo'aabiitiif; akka kiraara sagalee guddaa kennuu; gadda mararo'oo dhageessifti; madhumaan kiyyallee waan Qeriheereesiitii hin booya.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite