Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:7 - Kitaaba Woyyuu

7 Isin waan garaa kiyya keessa jirtaniif ani waan keessan maraaf akkana yaaduun kiyya dhuga'a. Hidhama kiyya keessattillee falmachuu kiyyaaf akka Dubbiin Nagayaa cimee dhaabatu godhuu kiyya keessatti, martii keessan Ayyaana naa kenname keessaa qoodamtaniirtan.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

7 Isin waan garaa kiyya keessa jirtaniif, ani waan keessan maraaf akkana yaaduun kiyya dhuga'a. Hidhama kiyya keessattillee falmachuu kiyyaaf akka Oduun Nagayaa cimee dhaabatu godhuu kiyya keessatti, martii keessan Ayyaana naa kenname keessaa qoodamtaniirtan.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

7 Amma yeroo mana hidha'aa jiruttii fi hidhamuu kiyyaan duranatti'llee, dhugaa wongeelaatiif ittifachuu fi isa'llee jabeessu'uuf, Waaqinni kennaa isaa ka bilisaatiin carraa naaf kenne keessatti, isin marrinuu qoodamtoota waan taataniif isin yeroo maraa onnee tiyya keessa ni jirttan. Kanaaf waayee keessaniif miirri natti dhagayamu sirri'i.

Gade chapit la Kopi




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:7
34 Referans Kwoze  

Kana murti'iif hin jedhu; tokkumma'aan du'u'uuf; tokkumma'aan jiraachu'uuf; garaa keenna keessa akka jirtan dursee dubbadheera.


Ani waan kana lallabe'eef akka waan badaa hojjadheetitti haga hidhamu'uutitti rakkata'aara; dubbiin Rabbii ammo hin hidhamu.


Nageenni ani Phaawuloos harka kiyyaan barreesse kana. Hidhamuu kiyya yaadaa'a! Badhaani isin woliin haa ta'u.


Ta'ullee hennaa rakkoo kiyyaa na woliin waan qoodamtaniif mishaa gootaniirtan.


Dubbiin Nagayaa kunillee isuma ani haada sibiilaatiin hidhamee ergamaa ta'eef, akka dubbachuun na irraa eeggamutti waan isaa addaataa akka dubbadhu Rabbiin naa kadhadhaa'a.


Kanaaf isin waan worra Yihuudii hin taane taataniif ani Phaawuloos ka waan Yesuus Kiristoosiitiif hidhamaa ta'e, waan keessaniif Rabbiin afo'otti jilbiiffadha.


Haa ta'uu ammo Ayyaanni Woyyuun hidha'aa fi rakkinnatu si eeggata'aara jedhee qachaa marattuu naa raga'aara.


Nu worra obboleewwan keenna jaalatu waan taaneef kanaan du'aa gara jireennaa akka ceene beenna. Ka obboleessa ufii jibbu du'a keessa jira.


Ani haga jiruu keessummumma'aa kana keessa jiru yaada keessan kakkaasuun waan ta'u natti fakkaata.


Hennaa Kiristoos ulfinna ufiitiin mudhatu gammachuun keessan ammo guddaa akka ta'u worra rakkoo isaa qoodamtan waan taataniif gammadaa'a.


Kanaafuu obboleeyyan woyyoota, worri waamsa sami'ii irraa qoodamtoota taatan, gara ergamaa amantii keennaatii fi gadicha hayyicha Yesuus Kiristoosii laalaa'a.


Eegasuu waan Goofta'aa ragu'uuf, yookaan anaa waan Goofta'aatiif hidhamettillee hin saalfatin, haa ta'uu ammo haga hunna Rabiitiin waan Dubbii Nagayaatiif na woliin rakkadhu.


Isin maruu ilmaan guyya'aatii fi ilmaan ifaati; nu worra halkanii, yookaan worra dukkanaatii miti.


Hennaa sanillee waan dhossaa Kiristoos ka ani hidhameef akka himnu, Rabbi ergaa ufiitiif balbala akka nuu banu waan keennaafillee nuu kadhadhaa'a.


Eeganaa ani ka waan Goofta'aatiif jedhee hidhamaa ta'e, waamsa itti waamamtaniif akka ta'utti akka jiraattan isin kadhadha.


Jaalala amantii Yesuus Kiristoosiin ta'e hujuu malee, gadoomuun yookaan gadoomuu dhabuun waan hin fayyanneef.


Isin worra namoonni maruu beekanii fi dubbisan dhaamsi garaa keenna keessatti barreeffame isin.


Maraa obsiti, maraa amanti, maraa abdii godhatti, waa maraa hin ciniinnatti.


Dubbii Nagayaa keessatti hirmaataa ta'u'uuf, waan Dubbii Nagayaatiif maraa godha.


Hennaa san ajajaan loltuu kumaa itti dhufee qabee haada sibiilaa lamaan akka hidhamu ajajee, «Inni eennuun akka ta'ee fi maal akka godhe» gaafate.


Eegasuu ani akkuma isaanii manguddoonni woldaa Kiristaanaa ragaa baatuu rakkinna Kiristoosii, akkasuma ulfinna Kiristoosii ka mudhatu'uuf ta'u qoodamu, manguddoota isaan jidduu jiran maraa hin gorsa.


Obboleeyyan tiyya! kun wonti na irra gayeef, dhugamaan Dubbii Nagayaa badhisu'uuf akka ta'e akka beettan barbaada.


Kanaafuu hidhamuun kiyya waan Kiristoosiitiif akka ta'e Waardiyoota mana mooti'iitii fi kaawwan maraa birattillee ifa ta'eera.


Obboleeyyan Goofta'aan jiran irra caalaan isaanii waan hidhaa kiyyaatiif amanamanii ka duraa caalaa dubbii Rabbii sodaa malee himuu uggan.


Haa ta'uu ammo ana woliin akka abba'aa fi ilmaa taanee, Dubbii Nagayaa na woliin akka tajaajilee fi akka qoramellee isinuu hin beettan.


Atillee akkasuma hujii kiyyaaf ka na woliin dhuga'aan qabamte! Akka isaan gargaartu si kadhadha; maqaan isaanii kitaaba jireennaa keessatti worra barreeffaman Qaleminxoosii fi akkasuma na woliin worra hojjatan kuuwwanillee waan Dubbii Nagayaatiif na woliin dadhabaniiran.


Isin namoota Filiphisiyuusii! jalqaba Dubbiin Nagayaa hennaa himamu, Maqedooniya'aa hennaa baye, isin malee woldaa biraatitti herrega kennu'uu fi fudhachuu na woliin akka hin qoodamne isinuu hin beettan.


Hennaa ani mana hidha'aa jiru bikka kee akka na gargaaruuf uf biratti isa hambifachuu barbaade.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite